Naannoo Amaaraatti haleellaa dirooniin baayyeen ajjeefaman, kaan madaa'an- Jiraattota

Naannoo Amaaraa Godina Wolloo Kibbaatti ALI Sadaasa 30, 2016 haleellaa diroonii raawwateen namoonni hedduun ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.

Aanaa Godina kana keessatti argamtu- Saayint iddoo addaa Massaalamiyaa fi Qay Waashaa jedhamuun beekamanitti haleellaawwan diroonii raawwatamaniin lakkoofsa namoota du'anii isa sirrii baruun rakkisaa ta'us jiraattonni naannoo garuu namoonni 40 ta'an ajjeefamuu himan.

Magaalaa aanattiirraa kiilomeetira 10 irratti kan argamtu Massaalamiyaa (maqaa Warqi Maawucaa jedhamuunis beekamti) keessatti ''Faannoof galaa geessitu jechuun dargaggoota konkolaataan deemaa turan irratti haleellaa raawwateen hedduun ajjeefaman,'' jedhan jiraattonni.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate ''dargaggoonni 30 ta'an '' ajeefamuu kan dubbatte jiraattuun ganda kanaa nageenyasheef jecha maqaanshee akka hin eeramne gaafatteetti.

Haleellaan diroonii kun dargaggoonni kunneen konkolaataa fe'umsaa FSR jedhamuun osoo imalaa jiranii galgala naannoo sa'atii 12tti raawwate jetti jiraattuun kun.

''Namoonni ajjeefaman kunneen hedduunsaanii umriinsaanii kudhan fi digdama keessa kan ta'uudha.''

Jiraataan biraan naannawa kana gareen Faannoo ji'a tokkoof turuu ibsan ammoo, Sambataa fi Dilbata garee kanaa fi raayyaa ittisaa gidduutti ''waraanni cimaan'' gaggeeffamee ture jedhan.

Jiraattonni BBCf yaada kennan kunneen dargaggoonni Faannoof tumsa gochuuf socho'aa akka turan ibsaniiru.

''Wayita haleellaan raawwatu Faannoon magaalaa keessa hin turre. Konkolaataa sana keessa hidhattoonni tokko yookiin lama akka turan argineerra. Namoonni konkolaaticha keessa turan kaan hunduu namoota hidhannoo hin qabneedha,'' jechuun akkaataa haleellaan kun itti mudate ibsan.

Guyyaan haleellaan raawwate xiyyaarri nam-maleessi (dirooniin) magaalaa aanaa Saayint fi gandoota naannawa sana jiran irra marsaa ture kan jedhan jiraattonni, namoonnis xiyyaara itti fakkaatee dhaabbatanii ilaalaa turan jedhan.

Hojii mootummaa keessa kan jiranii fi maqaansaanii akka hin eeramne kan gaafatan jiraataan naannawa kanaa lakkoofsi namoota ajjeefamanii 40 ni ta'a jedhan.

Namni biraan BBCn dubbise ammoo namoonni du'an 15 hanga 20 ta'u jedhan.

Namoonni biroo sadi ammoo madaa'anii wal'aanamaa jiru.

Maatiin namoota ajjeefaman reenfa adda baasuufiyyuu rakkataniiru kan jedhan jiraataan tokko, ''waraqaa eenyummaa fi waraqaawwan kiisii (giphii) isaanii keessatti argamaniin adda baasuuf yaalameera,'' jedhan.

Dirooniin haleellaa raawwate haleellicha boodas yeroo dheeraaf naannawa sana waan turteef sodaarraa kan ka'e awaalchi namoota ajjeefamanii halkan keessa raawwate jedhan jiraataan naannawa kanaa.

Aanaa Saayinti naannawa Qay Waashaa jedhamutti ammoo haleellaan diroonii Dilbata naannoo sa'atii 11tti raawwachuu kan himan jiraattonni, haleellaa kanaanis qonnaan bultoonni hedduun ajjeefamuu akka hin oolle dubbataniiru.

Jiraataan naannawa kanaa wayita haleellaan raawwate ijaan arguu himan wayita sagalee dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddaa dhagahanii manaa gadi ba'an qonnaan bultoonni haga 20 ta'an ajjeefamanii akka jiran hubachuu ibsan.

''Qonnaan bultoonni 20 ta'an du'aniiru. 30 kan ta'an ammoo miidhamaniiru. Kanneen madaa'an wayita lafaa kaasnu waan lubbuun hafan hin fakkaatan. Kanneen ajjeefaman hidhattoota miti. Namoota sagalee dhukaasaan burjaaja'antu ajjeefaman,'' jedhan namni kun.

Haleellaan kun raawwatee borumtaasaa sochiin tokkollee hin jiru kan jedhan jiraattonni kunneen, ''Kanaan dura cufamee kan hin beekne baankiinillee cufameera. Manneen barnootaa cufamaniiru. Raayyaan ittisaa naannawa kanatti seenee homaa tokkollee hin arganne,'' jedhan.

Teessoo giddugaleessaa Aanaa Saayinti kan taate Dansaa keessa erga Raayyaan ittisaa seenee tasgabbiin jiraachuu ibsan jiraattonni.

Naannoo Amaaraatti walitti bu'iinsa garee Faannoo fi Raayyaa ittisaa gidduutti ji'ootaaf deemaa jiruun walqabatee haleellaan diroonii hedduun gaggeeffameera.

Haleellaa kanaan lammiileen nagaa miidhamuu jaarmiyaan UN fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsaniiru.

Haleellaawwan diroonii kunneen irratti hanga ammaa mootummaan waan jedhe hin qabu.

Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Waliigalaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, waraanni isaanii diroonii fayyadamaa jiraachuu miidiyaa Faanaa irratti dubbataniiru.

''Diroonii kan bitneef ittiin waraanuuf malee qabna jennee miidiyaan dubbachuuf qofa miti,'' jedhan.

Haata'u malee bakka namoonni itti heddummaatanii fi naannawa manneen jireenyaatti haleellaan diroonii raawwachuu hin qabu jedhan.

''Finxaaleyyii waliin walitti hin makaminaa'' jechuun kan akeekkachiisan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, haleellaawwan diroonii akka itti fufanis ibsaniiru.

Walitti bu'iinsa naannoo Amaaraatti erga eegalee bubbule kun kan hammaate erga mootummaan humna addaa naannolee digee bifa haaraan gurmeessuuf, kaan ammoo hidhannoo hiikkatanii akka hawaasatti dabalamaniif murteessee tarkaanfii fudhateeti.

Jaarmiyaaleen biyya keessaa fi sadarkaa idiladdunyaatti jiran qaamoleen walwaraanan lameen gara marii nagaatti akka seenan, rakkoo jiru mari'atanii akka furan waamicha dhiheessanis, hanga ammaa garuu marii nagaaf sochiin eegalamuu wanti akeeku homaa hin jiru.

Mootummaan ammoo Faannoon ajaja tokko jala ta'uu dhabuun marii nagaa gaggeeffamuuf malutti danqaa ta'a jechuun ibseera.

''Hidhattoonni Faannoo ajaja tokko jala waan hin jirreef mootummaa waliin marii gaggeessuf mijataa miti,'' jedhan Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambasaaddar Tashoomaa Togaa.