Faannoon ajaja tokko jala ta'uu dhabuun mootummaa waliin mariyachuuf danqaa ta'e- Ambasaaddar Tashoomaa Togaa

Hidhattoonni Faannoo ajaja tokko jala waan hin jirreef mootummaa waliin marii gaggeessuf mijataa miti jedhan Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambasaaddar Tashoomaa Togaa.

Gama biroon ammoo naannoo Amaaraa irraa gaaffin daangaa lafaa naaf malaa dhiyatuufi sochiin waraanni Ertiraa naannoo daangaatti taasisu wal-amantaa naannoo Tigraayiifi mootummaa Federaalaa gidduu jiru danquu akka danda'us himan Ambasaaddar Tashoomaan.

Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa kana kan dubbatan Jimaata, Mudde 8 Itoophiyaatti ambasaaddara Ameerika kan ta'an Harvin Masiingaa waliin marii yeroo gaggeessanitti.

Ambaasaaddarri Ameerikaa torbee darbe nannolee Amaarafi Tigraayitti daawwannaarra kan turan yoo ta'u, aangawoota mootummaa, pirezidaantota yuunivarsiitiwwan naannolee lamaanii waliin marii gaggeessuusaanii Emabsiin Ameerikaa Finfinnee jiru beeksisee ture.

Qondaalota mootummaa nannoo Tigraay waliin torbee darbe dhimma hojiirra oolmaa waliigaltee Piritoriyaa irratti yoo mariyatan, naannoo Amaaratti ammoo rakkoon nageenyaa naanichatti dhalate sochii dhaabileerratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu mariyataniiru.

Ambasaaddar Harviin daawwannaa naannolee lamaanitti taasisanii erga deebi'anii Komishinara Haaromsa Biyyaalessaa kan ta'an Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa wajjin kan mariyatan yoo ta'u, lola naannoo Amaaratti gaggeeffamuun lakkoofsi namoota buqqa'anii naannoo Tigraayiif yaaddoo nageenyaa uumuu ibsan.

Ambasaaddar Harvin daangan 'lafa naaf malaa' naannolee gidduutti ka'u wal-amantee naannoo Tigraayiifi mootummaa Federaalaa jidduu jiru kan qoru akka ta'eefi haalli sochii naannoo Amaaraafi waraana Ertiraa Tigraayitti hidhannoo hiikkachiisuullee qoree akka jiru taajjabuusaanii Komishiniin Haaromsa Biyyaaleessaa Itophiyaa beeksiseera.

Yaadota ambasaaddarri Ameerikaa kaasaniif deebii kan kennan Ambasaaddar Tashooman, walitti bu'iinsa naannoo Amaaratti dhalate qabbaneessuuf "mariin hawaasa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira," jedha.

Dhimma sochii humnoota Faannoofi waraana Ertiraa daangaa naanoo Tigraay keessa jiruu mootummaan Federaalaa itti gaafatamummaasaa harkaa akka qabus Ambasaaddar Harviinif ibsaniiru.

Gama biroon ammoo "humni Faannoo ajaja tokko jalatti kan gurmaa'e ta'uu dhabuunsaa waliin dubbiifis ta'ee mariyachuuf rakkisaadha" jechuun Ambasaaddar Tashooman ibsuu Komishiniin Haaromsa Biyaalessaa beeksise.

Akka Ambasaaddar Tashooman mootummaan federaalaa Tigraayitti nagaa buusuf gaafa socho'u, "mootummaan feederaalaa Amaara irratti waraana labse jedhe" jechuun humnoonni kun mootummaa federaalaa irraa amantaa akka hin qabne ibsan.

Humna Faannoo Amaaratti gaggeessaa kutaa siyaasaa ta'uu kan himan Obbo Asiras Maaraa Daamxee kanaan dura BBCtti akka himanitti, naannoo Amaaraa keessa ijaarsi Faannoo maqaa garaa garaan naanoo Amaaraa keessa jiran jiru.

“Hoogganaa tokko, caaseeffama tokkoofi ajaja tokko jala hin seenne” kan jedhan Obbo Asres caaseffamni hundi garuu “kaayyoo tokko” akka qabaniifi “wal gargaaruun” waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Dhimma marii taasisuu kan gaafatamanii turan hoogganaan dame siiyasaa, mootummaa waliin marii taasisuuf akka ulaagaatti raayyaan ittisa biyyaa naannicha gadhiisee akka ba’uuf akka gaafatan himaniiru.

Gartuun kun yerooo mariitti kan dhiiyaatu sanada ‘sarara diimaa’ Faannoo qopheessee akka qabu ibsanii turani. Ta’us hanga yoonatti gama mootummaan ifatti gaaffiinykn waamichi maarii akka hin dhiyaanneef ibsaniiru.

Gama naannoo Amaaraatiin kan ka’u gaaffiin naaf mala jedhu, wal amantaa naannoo Tigraayifi mootummaa federaalaa gidduu jiru hir’isuu danda’a dhimma jedhu irratti, Ambaasaaddar Tashoomaan kanaan akka walii galan Komiishiinin haaromsa biyyaalessa beeksiseera.

Ambaasaaddar Tashoomaan gaaffii kanaafi sochii humnoota Eertiraa daangaa irra Jirani ilaalchisee, yeroo waligalteen Piritooriyaa mallateeffamitti, hooggantoonni Tigraay amantaa isaan mootummaa feederaalaarra qaban “haala ittiin balleessaa deemu” hubachuu isaani ibsaniiru jedhameera.

Ambaasaaddar Tashoomaan, gama Tigiraayiin “yaadoowwan nageenya ka’an dabalaa dhufuufi sadarkaan wal amanuu [qaamota lamaan gidduu] ture hir’isaa deemuu” sagantaa haroomsaa hidhatooota duraanii raawwachiisuuf “carraa tokkicha “ jiru ta’uu akka dubbatan ibsameera.

Komiishinii Haaromsaa biyyaalessaan kan durfamu sagantaan hidhatoota duranii haaromsuu sababa rakkoo faayinaansii isa quunnamneen akka barfateeru Ambaasaaddara Ameerikaa Arvin waliin marii taasifame irratti kaafame akka ture koomishinichi beeksiseera.

Sababa sagantaan kun hojiirra ooluuf barfateef hidhatoota durii keessaa “muraasni isaani galaana Mediteraaniyaa ce’uuf sochii taasisuu eegaluu isaanii” dubbataniiru jedhameera.

Sochiin hidhatoota durii kun yoo hin dhorkamne “rakkoo godaansa Awurooppaa jiru irratti yaaddoo dabalaraa akka ta’uu danda’u,” Ambaasaaddar Tashoomaan Ambaasaaddara Ameerikaatti himuu isaanii ibsameera.

Sagantaa kana hojiirra oolchuuf , komiishinichi Ameerikaa irraa gargaarsa siyaasaa, dippiloomaasiifi maallaqaa “ dursaafi sadarkaa guddaan akka eegu,” ibseera.

Waggaa darbe ji’a Muddee keessa kan hundeeffame Komiishiniin Haaromsa Biyyaalessaa, hidhatoota duraanii nannoolee adda addaa keessa jiran 274,000 ta’an sagantaa kana keessatti hirmaachisuuf karoora qaba.

Ta’us baajati sagantaan kun hojiirra oolchuuf barbaadamuu guddaa waan ta’eef, komiishinichi sagantaa haroomsaa marsaa jalqabaa bara darbe muddee keessa eegaluuf yaadee ture irra daddeebiin achi dheeressaa deemeera.