'An miillikoo murameera, ilmakoos harkatu murame'

Walitti bu'iinsa kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti waggoota shanii oliif walitti aansee mudataa tureen gaaga'amni lubbuu, miidhaan qaamaa, barbadaa'uun qabeenyaa fi buqqaatiin manneen hedduu seeneera.

Rakkoo kana kan dhale lola waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti deemaa jiruudha.

Waraanni kun karaa nagaan akka xumuramuuf hunduu waan fedhii agarsiisan fakkaatanis garuu bu'aan argame hin jiru.

Tibbana BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasisan Minister Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda'aa, mariin nagaa fashalaa'uu isaaf mootummaasaaniitti quba qaban.

Maatiin ijoollee bosonaa qabdu jedhamuun dararamaa jiraachuu kan eeran Obbo Taayyeen, uummataaf jecha nagaan bu'uu akka qabu dhaaman.

Ijoollee oladeemoo hanga jaarroleetti dararaan qaamolee mootummaa fi qaama hidhatee socho'uun raawwate kumaa kitila.

Daafoo waraanaa kanaan qaamaa kan hir'atan hedduudha. Isaan keessaa tokko barataa Maarqos Tolasaati.

Barataa Maarqos Tolasaa maaltu mudate?

Barataa Maarqos Tolasaa humnoota nageenyaa mootummaan qabamee dararamuun harka isaarra miidhaan cimaa erga gahee hospitaalatti irraa muramuu maatiin himan.

Maatii harka qalleeyyii irraa kan dhalate Maarqos baratee bakka guddaa gahuun maatii harka qaba jedhamee abdatamus Guraandhala 26/07/2015 ammoo hiree hamtuu itti fiddee dhufte.

Maatii hunduu waliin irbaata nyaatanii rafaniiru. Maarqos obbolaa fi hiriyyoota isaa waliin kutaa isaatti galuun rafeera.

Hiriyyoota waliin baratanii fi dubbisanidha. Halkan gara barii sa’a 10:00 irratti garuu balballi mana isaanii cabuun humni nageenyaa mootummaa ol itti nam’uu hime.

Dunququu hirribaa keessa waan mudate hubachuun rakkisuu hin hafne. Hirribaa kaasanii ‘’meeshaa waraanaa qabda, fidi’’ akka isa jedhan BBCtti hime.

Magaalaa Dambi Doollootti dhalatee kan guddate barataan ganna 17 Maarqos barataa kutaa 11 ture.

''Ati miseensa abbaa torbeeti na jedhan. Lakki anoo meeshaa waraanaas homaa hin qabu, anoo barataadha jennaan fuudhanii gara kaampii isaanii na geessan,'' jedhe.

''Anoo barataadha. Homaa hin beeku waan akkanaa jennaan harka koo funyoo dachaan duubatti na hidhan. Miillakoos walitti hidhan.''

Sana booda muka ispoortii irratti hojjetan irratti rarraasanii achiratti harkarra na garafan jedhe barataa Maarqos.

''Ulee fi shiboo ibsaan na garafanii dhiigaa oole. Achumarra na oolchaanii, booda boolla dahoo qopheeffatan tokko keessa na galchan,'' jedhe.

Boolla dahoo sana keessa osoo jiruu harkisaa foon isaa waan ciciteef foolii gadhee fide jedhe kan jedhu Maarqos, torban tokkoof achuma keessa turuu hime.

''Sana booda achii na baasanii gara bakka mannaafashaa jedhamu ganda 07 jiru tokkootti na geessuun torban tokko achi ture,'' jedhe.

Haa tahu malee, harki reebame foon irraa ciccitee tortore.

Milishoonni bakkicha turanis ''nurraa baasaa! fooliin isaa nu kaa’uu hin danda’u'' jennaan ''achi na baasanii mana yaalaa hospitaala Dambi Doolloo fuulduratti na buusan,'' jedhe.

''Hospitaala Dambi Doolloo keessatti harkikoo osoo miicamuu foon irraa harca’ee dhume. Homaa hin socho’u. Kanaaf gaangiriinii sitti tahee lubbuu si dabarsa waan taheef sirraa muramuu qaba na jedhan.’’

Maarqos Hospitaala Dambi Doolloo keessatti yaalii argataa erga turee harki isaa mirgaa irraa murame.

Harki maatii harka qaba jedhamee itti abdatame ofii harki irraa cite.

Uummanni waa’ee isaa dhagahes maallaqa buusuufiin baasii yaalii isaa akka kaffalaniif maatiin isaa BBCtti himaniiru.

''Anarraas miillikoo citeera''

Obbo Tolasaa Raggaasaa abbaa Maarqos yoo tahan, waan ilma isaanii mudate BBCtti himaniiru.

''Cubbuu natti taha, ani hin sobu, ilmikoo baratee galuu malee waan biraa keessa jiraachuu argee hin beeku. Ofiiyyuu ijoolledha. Umuriin isaa amma 16 xumuree 17 jalqabe,'' jedhan.

''Halkan sa’a 10:00 keessa dhufanii manumatti nam’anii mucaakoo gaafatan. Bakkuma inni rafaa jiruu kaasanii fuudhanii deeman. Waliin baanee jennaan isin deebaa jedhanii manatti nu deebisan.''

Guyyoota shaniif nyaata geessaafii turanis garuu ijaan hin argine jedhan.

''Boolla keessatti hidhamee miidhaan irra gahe.’’

Harki ilma isaanii tortoruun waan foolii gadhee godhateef namootni isa waliin turan iyyatanii jennaan achii baasuu himan.

Obbo Tolasaan namoota jaarsummaa itti baasanii booda ilmisaanii wabiidhaan akka bahe himan.

''Baay’ee natti dhagahame. Anis qaama hir’uudha. Rakkina kana waliin ijoollee kana waliin baay’een rakkataa jira. Miillikoo citaadha. Miilla artifishaaliin deemeen hojii humnaa hojjedhee isaan guddisaa jira,'' rakkoo keessa jiran ibsan.

''Anatti qofa miti namoota biroo ollaa keenyaafis gadda ture. Harki isaa irraa cituun hedduu nu gaddisiise,'' jedhan.

Obbo Tolasaan magaalaa Asmaraatti adda waraanaatti rukutamuun milli isanii akka irraa cite himan.

Yeroo sana waggoota sadii kan tahuuf hospitaala Phaawuloos ciisuun yaalamaa akka turan himan.

Haadha warraa isaanii waliin hojii humnaa adda addaa hojjechuun akka jiraatan kan himan Obbo Tolasaan, ilma isaanii Maarqosiin yaalsisuuf hedduu akka rakkatan himan.

''Waan tokko hin qabnu. Birrii baay’eetu gaafatame mana yaalaatti. Namootatu buusee isa yaalsifne.''

Obbo Tolasaan baabura midhaanii nama gargaaranii daaksisuun waan xiqqoo argataniin akka jiraatan himan.

‘Ilmikoo harka na qaba jennan harka irraa muran’

Obbo Tolasaa Raggaasaa ilma isaanii Maarqos waliin ijoollee jaha qabu. Ilmi isaanii Maarqos baratee bakka guddaa gahee harka na qaba jedhanii abdii qabu.

Haa tahu malee, harki Maarqos amma hojjetu bitaa waan taheef kobbee qabatee barreessuu hin danda’u jedhan.

‘’Harki bitaa hafeyyuu rukutamee miidhameera. Ittiin qabatee nyaachuu hin danda’u. Barreessuufis ni rakkata. Kanaaf bara kana osoo hin taane bara dhufu mana barumsaatti akka deebi’un barbaada.

Maarqos barataa kutaa 11 ture. Silaa bara kana kutaa 12ffaatti darba ture.

Maarqos waan isa mudate yoo himu, ‘’olola sobaa wayiin dhufan taha malee akkamiin callisanii dhufuu danda’u’’ jedhe.

Harki Maarqos guutummaan irraa cite amma madaan isaa qooreera. Hiriyyoota isaa biraa hafuutti hedduu aka gaddu kan himu Maarqos inni bitaas madaa waan qabuuf hanga fayyutti mana turuun qaba jedhe.

‘’Dhukkubbii keessa ture jechootaan ibsuun na rakkisa. Waaqumatu na dandeessise malee baay’ee ulfaata ture.’’

Amma shaakala durii malee harka bitaan nyaataa fi hojii shaakaluuf dirqamaa akka jiru hime.

Kana dura harka bitaan waa hojjechuu hin danda’u kan jedhu Maarqos, osoo itti hin briin hojii miti ittiin nyaachuunuu nama rakkisa jedhe.

Ijoolleen dararamuu fi namoota gurguddoo waliin hidhamuu hin qaban

Akka seera UNtti ijoolleen yakka hojjetan ykn seera cabsuun himataman, ajjeefamuu hin qaban, dararamuu fi umurii guutuu hidhamuu hin qaban jedha.

Hidhaan filannoo isa dhumaa taha jedha seerri UN. Yoo kan hidhaman tahes namoota gurguddoo waliin hidhamuu akka hin qabne hima.

Ijoolleen mana hidhaa galan mirga tajaajila seeraa argachuu fi maatii isaanii dubbisuu akka qaban eera.

Haa tahu malee barataa Maarqos Tolasaa mirgoota heeraan isaaf kenname kana hin arganne.

Qondaalota mootummaa Itoophiyaa irraa dararaa humni nageenyaa dhaqqabsiise jedhame gaafachuuf yaallus hin milkoofne.

Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti daayirektara qorannoo naannolee kan tahan Obbo Imaad Abdulfattaa, ijoolleen umurii waggaa sagalii olii haallitti to'annoo seeraa jala oolan jiraachuu hime.

Haa tahu malee, mirga isaan qaban ilaalchisee seerotni idil-adunyaa hedduu jiraatanis hojiirra oolmaa isaa irratti rakkoo jiraachuu mala jedhe.

Waa'ee dararaa barataa Maarqos Tolasaa irra gahee garuu akka quba hin qabne hime.

Namootni umuriin isaanii waggaa 18 gadi tahe yoo haalli dirqisiisaan jiraate malee hidhamuu hin qaban.

Kan isaan to'atamuu qaban yoo haalli ala taa'anii dhimma isaanii hordofuu hin dandeenye uumame qofaadha jedhe.

''Deeggarsa addaa fi eegumsa addaatu ijoollee yakkaan shakkamaniif taasifamuu qaba.''

Imaad ijoollee qofa osoo hin taane namni kamiyyuu dararamuu akka hin qabnee fi mirgi isaanii sarbamuu hin qabne seerri ni hima jedhe.

Humnootni nageenyaa mootummaa yakka dararaa akkasii raawwatanii yoo jiraatan mootummaan sirreeffama fudhachuu akka qabu kan himu Imaad, qaamoleen seera raawwachiisanis mirga ijoolleef kennamu irratti xiyyeeffannoo kennuu qabu jedhe.

Itoophiyaa keessatti manneen hidhaa addatti ijoolleef qophaa'an bakka hedduu akka hin jirree fi namoota gurguddoo waliin akka hidhaman kan himu Imaad kun sirrii akka hin taane eera.

Waggoota shanan darban keessa naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaa keessa rakkoo nageneyaa hamaan jira.

Yeroo hidhattootni WBO fi humni nageenyaa mootummaa wal lolan namootni nagaanis keessa miidhamu.

Humnootni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa namoota WBO deeggaru jechuun shakkan irratti tarkaanfii ajjeechaa bakka adda addaati fudhachuun komatamu.