Abbaan Jifataa Liivarpuul Luwiis Diyaaz butamanii turan yeroo duraaf dubbatan

Tibbana abbaan jifataa Liivarpuul Luwiis Diyaaz hidhattootaan butamuun addunyaaf ijoo dubbii ture. Maatiin immoo dhiphina jabaa keessa turan.

Abbaan jifataa kanaa, Luwiis Maanu’el Diyaaz, erga hidhattootaan gadhiifamanii booda yeroo jalqabaaf dubbataniiru.

Gaarreen keessa hirriba gahaa malee ‘’baay’ee’’ miilaan akka imalan taasifamuu dubbatan.

Osoo imimmaan cobsanii ‘’haala ani keessa tureen eenyumtuu gaara sana keessa akka turu hinfedhu,’’ jechuun ripportarootaaf dubbatan.

Obbo Diyaaz, Onkololeessa 28 ture qe’ee maatii isaanii Barraankaasiitii kan butaman.

Ibsa miidiyaaleef guyyaa Jimaataa kennaniin, ga’eessi ganna 58 ‘’yeroo cimaa’’ dabarsuu dubbatan.

Akka miidiyaalee biyya keessaatti, poolisiin Kolombiyaa dhimma butamuu isaanin walqabatee namoota afur to’ateera.

Poolisiin aangawooti Kolombiyaafi Biriiteen wal ta’uun garee yakkaa ‘’los Pirimoos’’ jedhamu akka diddiigamu taasifameera jedhe.

Obbo Diyaaz hanga Sadaasa bultii 9’tti qabamanii erga turan booda miseensonni Waraana Bilisummaa Biyyaalessaa (ELN) qondaaltota UN fi Waldaa Kaatolikiitti dabarsanii isaan kennan.

Poolisiin jalqaba butamuu abbaa taphataa kanaaf wanbadee yakkamaatti quba qabee ture.

Boodarra garuu aangawoonni abbaan Luwiis Diyaaz kan butaman garee ELN waliin hidhata qabaniin ta’u beeksise.

ELN garee finciltoota Kolombiyaa bosonatti hafeefi erga 1964’ti mootummaa lolaa jirudha. Miseensota 2,500 qaba jedhamee tilmaamama.

Keessumaa bakkee Veneezuweelaa daangeessuufi Obbo Maanu’el Diyaaz haadha warraa isaanii waliin jiraatanitti sosso’u.

Harmeen taphataa Liivarpuul kanaa Aadde Kileenis Maarulaandaa Obbo Diyaaz waliin erga butaman booda yeroosuma ture kan gadhiifaman.

Erga abbaan isaa butaman booda akka gadhiifaman Luwiis Diyaaz irra-deddeebiin gaafataa ture.

Diyaaz abbaan isaa Kamisa gadhiifamuu isaanii dura guyyaa Dilbataa tapha Lutoon waliin gareen isaa taphateen galchii galcheera.

Uffata isaarras barreeffama ‘’freedom for papa’’ jechuun katabee mul’iseera.

Yaaddoon maatii isaa Kolombiyaa keessa bal’inaan kan dhagahame yoo ta’u jiraattonni Barraankaas shaamaa ibsuun akka abbaan taphatichaa gadhiifamu gaafataniiru.

Abbaan Diyaaz marii Pirezidantiin Kolombiyaa Gustaavo Petroo garee ELN waliin taasisaniin gadhiifaman.

Marii hidhattoota waliin ta’an kanaaf garuu paartileen mormituu cimsanii isaan qeeqaniiru.

‘’Kanneen butan waliin nagaan homtuu hin jiraatu,’’ jedhan Pirezidantiin duraanii Kolombiyaa Alvaaro Uribee.