Xalayaan jaalalaa waggoota 250 dura ergame yeroo jalqabaaf baname

Madda suuraa, THE NATIONAL ARCHIVES
Xalayaan yeroo waraanaa loltoota Faransaayiif ergamaniifi Humna Galaanaa Biriteeniin qabamanii turan, yeroo jalqabaaf banaman.
Xalayaan kunniin bara 1757-58 jidduu kan barreeffaman ogguu tahu, loltoota doonii waraanaa Faransaay irra jiraniif, jaalallee isaaniirraa kan ergamaniif ture. Garuu osoo isaan hin dhaqqabin hafe.
Namni xalayaa kanniin argatan Piroofeesar Renoo Morii, kunniin "muuxannoo ilma namaa addunyaati," jedhan.
Waraanni Waggaa Torbaa (Seven Years' War) gara caalu Biriteen fi Faransaay jidduutti kan raawwate ogguu tahu, Ameerikaa Kaabaa fi Indiyaa to'achuuf jecha ture.
Waraanni kun waliigaltee 'Treaty of Paris' jedhamuun kan goolabame. UK'n kanarraa bu'aa guddoo argatte.
Barsiisaan Yunivarsiitii of Kaambiriij Pirof Morii xalayaawwan 104 Kuusaa Biyyaalessaa 'Kew' keessaa soqanii baasan.
Xalayaawwan kun namoota doonii 'Galatee' irra jiraniif kan barreeffame ogguu tahu, "hangam namoota sana gahuuf dhiyaatanii akka turan yaaduun nama dhukkubsa," jedhu.
Bulchiinsi poostaa Faransaay buufata adda addaa biyyattii keessa jiranitti geessuun xalayaawwan kanniin bakka yaadame qaqqabsiisuu yaalaniis, odoo hin milkaa'in hafan.
Dooniin Galatee wayita Bordoo irraa Kuwibeekitti imaltu, humnoota Biriteeniin bara 1758'tti qabamte.
Anga'oonni Faransaay doonittiin harka Biriteen seenuushee erga hubatanii duuba, xalayaa kanniin Ingilaanditti ergan.
Achiis humnoota galaanarraa biyyattii bira gahan, isaanis kuusaa keessa galchan.
Qondaalonni waraanaa Biriteen xalayaawwan kun gatii waraanaa hinqaban jechuun murteessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirof Morii "xalayaa kanniin erga barreeffamanii booda namii yeroo jalqabaaf dubbise anadha," jedhu.
"Kan isaaniif barreeffame bira hin qaqqabne. Baay'ee miira keessan gale."
Hayyuun kun qorannoo dabalataa gaggeessaniin namoota 181 doonicharra turan hunda adda baasaniiru.
Isaan keessaa tokko xalayaa Meerii Duboo irraa abbaa warraashee Letanaal Luwii Chaambirelaanif barreeffame keessatti argama.
Akkas jechuun katabde: "Siif barreessaa halkan guutuu dabarsuu danda'a... Ani haadha warraakee amanamtuu barabaraati.
"Halkan gaarii, hiriyyeekoo jaalatamaa. [Asitti] halkan walakkaadha. Yeroon itti boqochuu qabudha."
Qorattoonni akka jedhanitti, yeroos abbaan warraashee eessa akka turee fi dooniin Biriteeniin to'atamuu quba hinqabdu turte.
Xalayaa jaalalaa isheen barreessiteef kana hin argine, ergasiis jarri lamaan ijaan wal hinagarre. Duboo waggaa ittaanu keessa kaaba Faransaayitti lubbuun dabre.
Chaambirelaanis gara Faransaay deebi'uun 1761 keessa haadha manaa biraa fuudhe.
Xalayaa biraa dubartiin Anne Le Cerf jedhamtu abbaa warraashee Jaan Topisaantiif barreessiteen: "Hangan harkakoo keessa si galfadhu obsuu hin danda'u," jette.
"Xalayaawwan kunniin mudannoo fi muuxannoo ilma namaa addunyaa maraati. Waan Faransaay yookis kan jaarraa 18ffaa duwwaa miti," jedhu Pirof Morii.
"Akkamiin akka rakkoo cimaa jireenya keessatti nu mudatu ittiin dandamannu agarsiisu."
"Yeroo ammaa Zoom fi WhatsApp qabna. Jaarraa 18ffaa keessa namoonni xalayaa qofa qabu, tahus wanti isaan barreessan [nu wajjiin] baay'ee walfakkaata."












