Xalayaan qaruuraa keessa kaa’ame galaanatti gatame ganna 25 booda argame

Madda suuraa, Elena Andreassen Haga
Waggaa 25 dura ergaan barreeffamaa buccullee/qaruuraa keessa kaa’amee Iskootilaandirra ergame Norwaayitti argame.
Johaanaa Buchaan umurii ganna saddeetiitti bara 1996 hojii manee mana barumsaaf buccullee ergaa qabate kana bidiruu irraa Piteerheeditti Galaanaa Kabaatti darbatte.
Bucculleen kun wagga 25 booda km1,287 fagaate Noorway, Gavayeer keessatti Elenaa Andireesan Hagaan argame, isheenis miidiyaa hawaassummaa fayyadamuun Johaanaa qunnamte.
Barrattuun kun xalayaa kana irratti nyaata mi’aawaa akka jallattuu fi dhiirota akka jibbittu barreessitee turte.
Xalayaa bareedinaan barreeffamee fi ‘habuuraaf’(dicoveror) jedhu kanaratti, Johaanaan dabalatanis sareeshee akka jaallattu hoji manee kennamee fi haphee 'Blu Tack' jedhamu sassabuu akka jallattu ibsiteetti.
Eleenaa, ganna 37, buccullee magariisa ganna 2020 keessa yeroo argattu, battalumaan waa akka keessa jiru hubachuu ishee BBC Iskootilaanditti himteetti.
“Bucculleechaa banne, ta’us yeroo dheeraaf bishaan keessa waan tureef baay'ee of eeggachu qabna turre, sana booda xalayicha yeroo dubbisnu Iskootlaandirraa akka ta’e hubanne, baay'ee namatti tola,” jetti.

Madda suuraa, Elena Andreassen Haga
“Ilmikoo Elaayijaah umurii ganna ja’aa ture yeroo buccullee kana argannuu, dhugaa dubbachuuf maaliif akka nuti gammadne isaaf hin gallee – wanta bara duriidha ta’a egaa.”
Lammiin Noorwaay kun Feesbuuki irratti Johaanaaf ergaa barreessite, ta’us barattuun duranii Piterheed kun hanga Wiixataatti ergaashee kana hin argane ture.
Eleenaan, “abbaankoos yeroo daa’ima ganna shanii ture, xalayaa buccullee keessa kaa’ame argatee ture, inni amma ganna 66 waan ta’eef kun yeroo dheeraa duradha, garuu nannooma tokkorraa argame,” jetti.
“Kanaaf qarqara galaanaatti waa ba’ee argachuun waan baramedha garuu wanta akka barbaachisaa ta’e yeroo hedduu hin argattu.”

Madda suuraa, Joanna Buchan
Johaanaan amma ganna 34, Awustarliyaa, Niiw Sawuuz Weelsi keessa ogeettii fayyaa taatee jiraachaa jirti.
“Bara 1996’tti xalayaa buccullee keessa ka’uu mana barnoota Piitarheed keessa yeroon ture hojjachuukoo hanga tokko nan yaadadha,” jetti.
“Kun barreeffamakoodha’ jedhe.”
“Yeroon xalayicha dubbise kolfaanan du’e,” jetti.
“Wantoonni garii barreeffaman jiru, akka wantoota na gammachiisanii. Barsiisotakoo yeroos yaada kana naaf kennanitti utuun himuu danda’e natti tola.”
“Yeroo dheeraaf Galaana Kaabaa keessa akka ture bi beeksisa.”













