Yaman: Teknishiyaana doonii lammii Itoophiyaa finciltoota Huutiin buatameefi yaaddoo maatiisaa

Teknishiyaana doonii lammii Itoophiyaa Ayyanaachaw Mokonniin

Madda suuraa, Social Media

Ibsa waa'ee suuraa, Teknishiyaana doonii lammii Itoophiyaa Ayyanaachaw Mokonniin

A L I Dilbata Mudde 24, 2014 dooniin fe'umsaa Yunaayitid Arab Emiratis Yaman Sokootiraa irraa kaatee gara Sa'udiitti deemaa osoo jirtuu ture harka finciltoota Huutii warra Yaman kan galte.

Hojjetoota 11 doonii sana keessa turan keessaa Ayyenaachew Mokonnin kan jedhamu namni lammii Itoophiyaa ta'e akka keessatti argamu guyyootaan booda maatii isaaf bilbiluu hordofeeti kan barame.

Ayyenaachew maatii isaatti Yaman Sana'aa akka jiruufi finciltoonni Huutii doonii inni irra hojjetu akka to'atan akka hime obboleettiin isaa Firehiwoot Mahaarii BBCf ibsiteetti.

Waggoota torban darban wal waraansa akkasumas falmii biyyoonni addunyaa gurguddoo ol-aantummaa argachuuf taasisan gidduutti akka hin jirre kan tate Yaman, garee waraanaa Sa'ud Arabiyaan durfamuufi finciltoota Iraaniin deeggaraman gidduu walitti bu'insi jiru hammaatee itti fufeera.

Finciltoonni Huutii dooniin sun meeshaalee waraanaa fe'eera yoo jedhan, UAE ammoo doonii sanatti fe'amee kan ture meeshaalee tajaajila fayyaa akka ta'e ibsaa turteetti.

Doonii kanarra kan ture Ayyenaachew Mokonnin, dooniirra hojjechuun wagga torba dabarseera. Dhaabbata amma keessa hojjetuun alatti dhaabbileen imala galaanaarraa hojjetan gara garaa keessa oogummaa isaatiin qacaramee hojjechaa tureera.

Kanarraa kan ka'e yeroo hojiitiif bahu ji'ootaaf maatiirraa adda bahee akka turu kan dubbattu obboleettiin isaa Firehiwoot, haata'u malee yeroo biyyarraa fagaatee turutti maatii isaatiif, keessattuu haadha warraa isaatiif akka bilbilu BBC'f ibsiteeti.

Tibba doonii Sa'udii butametti, haala duraan hin baramneen sagaleen isaa bade turuu isaatiif maatiin hunduu yaadda'aa ture.

Guyyootaan booda maatii isaatiif kan bilbile Ayyenaachew, Yaman qarqara galaanaatti dooniin isaanii finciltoota Huutii harka galtee akka jirtuufi to'annoo isaanii jala jiraachuu dubbateera.

"Haadha warraa isaatiif bilbilee namooti Huutii jedhamaniin butamee ugguramuu dubbate.

''Isaan keessaa torba kan ta'an lammilee Indiyaa akka ta'aniifi mootummaan isaaniis isaan gadhiisisuuf, akkasumas eenyummaa isaanii ibsuufiif yaalii gochaa akka jiru itti hime," jetti Firehiwoot.

Haati warraa isaa akka warra Hindootaa taasisan gara Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa deemtee ragaa eenyummaa isaa ibsuufi hojii dooniirra hojjechuun alatti gahee biraa akka hin qabne agarsiisu akka fidduuf yeroo bilbileefitti gaafatee ture.

Haati warraa isaas akkuma inni jedhe gara Ministeera Dhimma Alaa deemuun akka hubattetti yeroo ammaa Itoophiyaan Yaman keessaa Imbaasii akka hin qabneefi manneen hidhaa mootummaa Yaman keessa jiran keessa Ayyenaachew barbaadamee argamuu akka hin dandeenye maatiin BBC'f ibsaniiru.

Bakka finciltootaan qabamee jirurraa si'a lama yeroo bilbiletti hojjetoonni isa waliin qabaman mootummaan isaanii ragaa eenyummaa isaanii ibsu argatanillee inni garuu ragaa tokkollee akka hin qabne dubbachuu isaa obboleettiin isaa kun ibsiteetti.

A L I gaafa Amajji 08, 2014 deebiyee maatii isaatiif yeroo bilbiletti hidhattoonni isaan ugguran isaafi namoota isa waliin hojjetan gara bakka hin beekamneetti akka isaan dabarsan himeera.

Bakki sun hoteela akka ta'e Ayyenaachew'n akka dubbate Forehiwot himteetti.

Rooyitars ammoo hojjetoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoonii doonii Ayyenaachew irra hojjetaa ture butamte sana ulaa galaanaa As-Saliif bakka jedhamtutti fagootti akka arganiifi hojjettota doonichaas dubbisuu isaanii A L I gaafa Amajji 04, 2012 gaabaasee ture.

Ayyanaachaw jiruurratti

Madda suuraa, family

Ayyenaachew abbaa ijoollee lamaa yoo ta'u, mucaan isaa jalqabaa wagga lama kan lammaffaa ammoo ji'a sadii waan taateef hojiif bahee biyyarraa fagaatee waan jiruuf mucaan isaa lammaffaa erga dhalattee akka hin argiin jiru obboleettiin isaa ni dubbatti.

Haala amma Ayyenaachew Mokonnin keessa jiru nageenya isaatiif sodaachisaa waan ta'eef maatiin yaaddoo qaban irra deddeebiin ibsaniiru.

Dhimmicha Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Dhimma Godaantotaatti beeksisanii ragaalee isa ilaallatan hunda kennaniifii akka jiran ibsiti Firehiwoot.

Abbaa qabeenyaa doonii harka finciltoota Huutii galte kan Ayyenaachew qacaree hojjechiisa jedhame dhaabbata tajaajila doonii fe'isaa "Kaaliid Faraaj" jedhamudha.

Haala hojjetoonni isaa keessa jiraniifi nageenya isaanii ilaalchisee wanti beeku yoo jiraateef jecha BBCn karaa iimeelii gaaffii dhiyeesseef ture hanga ammaa hin deebisne.

Haata'u malee, Ayyenaachew yeroo maatii isaatiif bilbile dhaabbanni isa hojjechiifatu akka ugguraman yeroo dhagahetti baduu isaatiifi teessoo isaatiin bilbilus argamuu akka hin dandeenye dubbachuu isaa obboleettiin himteetti.

Ayyenaachew Mokonnin dhaabbata doonii Sa'udii waliin hojjechuudhaaf waliigaltee waggaa lamaa kan qabu yoo ta'u, dooniin inni irra hojjetu yeroo finciltoota Yaman kanaan ugguramtu erga hojii jalqabee reefuu ji'a saddeeti guuta.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa doonii finciltoota Huutiitiin butamterra hojjechaa kan ture waa'ee Ayyenaachew Mokonnin odeeffannoo argate tarii yoo qabaate baruudhaaf yaalii BBCn dubbi himaa Ministeerichaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbisuuf yaale yeroodhaaf hin milkoofne.