Lammiin Firaans Iraan keessatti basaasuun himatame hidhaan adabame

Tuuristiin lammii Firaans

Madda suuraa, Reuters

Turiistiin lammii Firaans, basaasuun himatamee mana murti Iraaniin hidhaan wagga saddeeti irratti murtaa’uu, abukaatoon isaa Paaris jiru hime.

Beenjamin Biryeer, ganna 36, erga daangaaa Iran-Turkimenistaanitti siqee diroonii balaliisee booda Caamsaa 2020 keessa to’annoo jala oole.

Ministeerri dhimma alaa Firaans, murteen kun “dhugaa irratti waan hin hundoofneef, fudhatamummaa hin qabu,” jedheera.

Abukaatoon isaa, Filippee Valeent, akka jedhutti, Beenjaamin sababa lagannaa nyaataa Muddee keessa jalqabeen “caalatti dadhabaa deemeera.”

“Abbaa murtii logii hin qabne fulduratti dhiyaate dhaddacha haqa qabu hin argannee” jechuu isaas AFP gabaaseera.

Beenjamin dhaddacha cufamaatti kan dhiyaate, Mana Murtii Warraaqsaa magaalaa bahaa Mashhaad jiruttidha.

Abukaatoon isaa Vaalent akka jedhutti, Beenjamin himati irratti dhiyaate maal akka ta’e guutummatti itti hin himamne.

Dabalataanis himata sirna Islaamummaa Iraan irratti olola ofeera jedhamuunis ji’oota saddeet dabalataaf hidhaameera.

“Murteen kun guutummatti adeemsa siyaasaa… homaa raga irratti hin hundoofnedha,” jedha Vaalent.

Maatiin Beenjamin yakka akka homaa akka inni hin raawwannee falmuun, siyaasaaf itti fayyadamaa jiru jedhaniiru.

Beenjamin to’annoo jala kano ole daawwannaaf yeroo gara Iraan imale tauu, Ministeerri dhimma alaa Firaans ibseera.

Lammilee biyyaa biro ykn lammuummaa dachaa kan Iraanifi biyya biraa qaban, Iraan keessatti hidhaman keessaa Beenjamin tokko ta’us, lammii biyya lixaa paaspoortii Iraan hin qabne hidhamee ta’uun garuu isa jalqabadha.

Dhimmi isaa kun kan uumame yeroo Iraanii fi humnooti Lixaa dhimmaa sagantaa nukileeraa IRaan irratti waldhabaa jiranittidha.

Iraan, Firaans, Jarmanii fi UK’n ji’ooti hedduuf Viyeenaa keessatti sagantaan nukileeraashee Iraan yoo dhaabde, qoqoobbii diinagdee irraa kaasuun waligaltee idil addunyaarra ga’uuf mari’achaa kan turan yoo ta’u, waligaltee duraan ture keessaa US bara 2018tti baatetti.

Hanga ammaatti mariin kun murteerra utuu hin ga’iin, qamooleen gama lamaaniyyuu waligaltee uumuuf yeroon darbaa jira jechuun akeekkachiisaa jiru.

Humnootiin alaa, Iraan sagantaan nuukileraa sihee karooraa nagaaf malee boombii ijaaruuf miti jechuu ishee guutummatti hin amanani.