Xalayaan waggaa 100 dura barraa'ee teessoo itti ergame qaqqabe

Xalayaa waggaa 100 booda teessoo ergame qaqqabe

Madda suuraa, FINLAY GLEN

Xalayaan Guraadhala 1916 barreefame waggaa 100 ol booda mana jireenyaa kibba Landan jiru qaqqabe.

Poostaan xalayaa kana baatu chaappaa magaalaa Baaz kan naannoo Ingilaanditti argamtuufi chaappaa fakkii Joorji 5ffaa yeroos UK bulchaa ture ofirraa qaba.

Xalayaan kunis magaalaa Kiristaal Paalaas, appaartimentii nama Finlaay Gileen jedhamu kan daandii Haamleet irratti argamutti bara 2021tti kenname.

Finlaay Gileen, ’’akkamiin xalayichi otoo teessoo ergame hin qaqqabiin waggaa 100 oliif ture kan jedhu baayyeema nu ajaa’ibe, gaaffiis nutti tahe, ‘’ jedhe.

Tajaajilli poostaa Rooyaa Meel, ‘’yeroo kanatti maaltu akka tahe mirkanaan waan himnu hin qabnu,’’ jedhe.

Xalayaan kuni Biriiteen keessatti yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa hanqinni nyaataa uumama jedhamee, nyaatni hiramuu jalqabuun wagga lama durseetu ergame.

Mootii Joorji 5ffaa immoo yeroos waggaa shaniif aangoorra ture.

Finlee Gileen

Madda suuraa, FINLAY GLEN

Xalayaa kallattiin siif hin ergamne banuun UK keessatti seeraan nama adabsiisus, daarektara tiyaatiraa kan tahe Gileen garuu, xalayichi 2016 otoo hin taane 1916tti kan ergame waan taheef banuun ''waanuma malu’’ jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni ganna 27 kuni, ''yoon yakka dalageera taheef, kan ani gochuu danda’u dhiifama gaafachuu qofa,’’ jedhe.

Xalayichi ''jaalatamtuu koo Keetiif’’ jedha isheen immoo haadha warraa Oswaald Maarsh turte.

Akka ogeessi seenaa Oksifard Isteefan jedhanitti, namni Oswaald Maarsh jedhamu kuni ogeessa chaappaa waraqaa (stamps) yoo tahu yeroo xalayaan bal’inaan hojiirra oolaa turetti waliindhahuun chaappaa yeroo uumamu mirkanaaf nama waamamu ture.

Xalayichi immoo kan barreefame hiriyyaa maatiin sun akka firaatti ilaalan Kiriistaabeel Meeneeliidhaani, isheenis intala daldalaa baala shayii sooressa Heenrii Tuuk Meneel jedhamu kan magaalaa Baaz jiraatuti.

Xalayaa kanarttis Aadde Meeneel, ''waanin dalage ergan dubbadhee booda baayyeen qaana’e,’’ jetteetti akkasumas sababa qorra hamaan gadadamaa akka jitu himatteetti.

Obbo Okisfard xalayaan kuni seenaa namoota naannoo akka barruuf karaa saaqaa jedhan.

''Magaalaa Kiriistaal Paalaasitti namoonni dureeyyii baayyeen yaa’u ture, abbaan warraa namni xalayaan ergameefi kuni maaliif garas akka deeman baruun waan namatti tolu taha,’’ jedhan.

Namni xalayaan manasaatti ergame Gileen, ‚‘‘seenaa maatii ajaa’ibaa gatii taheef firrii namoota xalayaa walii barreessan kanaa, yoo argamaniifi fedhii qabaatan na quunnamuu danda’uu,’’ jedhe.

Dubbii himaan tajaajila poostaa, ''waan akkasii darbee darbee qofa mudata, amma xalayaan kuni maaliif akkanni hafe hin barre,’’ jedhan.

''Namoonni waa’ee xalayaa 1916tti otoo hin ergamiin hafee baruu barbaadu taha, garuu odeeffannoo kanarra darbu garuu hin qabnu,’’ jedhan.