Godina Jimmaa: ‘Qabeenyakee waanan hateef dhiifama naaf godhi' - Xalayaa hattuun nama hateef kaa’ee deeme

Madda suuraa, Gera Communications
Hattuun qe'ee namaa hatuuf deemu karaa foddaan seenee, mi'a barbaadu fuudhee, nyaata fuudhatee nyaatee 'dhiifama' jedhee xalayaa barreesse kaa'a jettanii yaadduu?
"Rabbiin tola siif ooleera, atis tola naaf ooli, qabenyakee waanan si jalaa hateef dhiifama guddaa naaf godhi!" Kun xalayaa namni hannaan shakkame nama qabeenya jalaa hateef barreessedha.
Abbaan kana barreessees barataa ta'uu mala jedhamee shakkameera. Taatullee hanga yoonaa hin qabamiin jira/jirti.
Taateen kun kan mudate ammoo biyya biraatti isinitti hin fakkaatiin. Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa Aanaa Geeraa keessattidha.
Kan ta'ees akkana ture. Namni hannaan shakkameefi eenyummaansaa hanga yoonaattuu hin baramiin, erga mana nama Obbo Gaarii Tasfaayee jedhamu seeneen booda meeshaalee gara garaa hate.
Wantoota hate immoo waraqaa irratti tarreessuun barreesse. Hateera jedhee kan tarreesse meeshaalee saglan keessaa sadii qofa fudhachuusaa ibsuun xalayaa irratti katabe.
Dhimma kana BBC'n waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Geeraa irraa odeeffate.
Gochi kun bara darbe baatii Bitootessa keessa raawwachuu abbaan adeemsaa mana hojii abbaa alangaa Aanaa Geeraa, Obbo Tarreessaa Iddoosaa BBC'tti himaniiru.
Jiraataan Obbo Gaarii jedhaman, 'hattuun manakoo seenuun meeshaalee gara garaa na jalaa fudhachuun, nyaata mana tures sooratee deemeera' jechuun waajjira poolisii aaanichaatti beeksisuu isaanii himan.
Obbo Tarreessaan himannichaan walqabatee eeruu kennameen nama dhuunfaa guyyaa hannichi raawwate naannoo sanaa dallaa (mooraa) ijaaraa ture qoratamuus, homtuu waan irratti hin argamneef gadhiifameera jedhan.
Haata'u malee, yakki kun erga raawwatee guyyaa tokkoon booda ammoo Obbo Gaariin meeshaaleen hatamanii turan harki caalu xalayaa hattichi ittiin dhiifama gaafatu waliin mana isaanii keessatti arguu himuun lammata gara waajjira poolisii fiduu dubbatu.
Taatee akkanaa kana dura isaan qunnamee akka hin beekneefi akka baay'ee isaan dinqe himan.
Xalayaan hattichi guyyaa tokkoo booda kaa'ee deeme maal jedha?
Meeshaalee saglan namni hannaan shakkame xalayicharratti tarreesse kanneen armaan gadiiti.
Teermoomeetira (meeshaa ho'ina qaama namaa safaru) fi Isteetooskoppii (meeshaa ittiin keessoo namaa dhaggeeffatan), bilbila harkaa (moobaayilii) siimkaardii isaa waliin, eerfoonii (meeshaa ittiin dhaggeeffatan), chaarjarii lama, guwaantii harkaa kan wal'aansaa, qalamawwan, qarshii 25, akkasumas boorsaa qarshii (waaleetii) fa'idha.
Ogeessi seeraa kun akka jedhanitti, Obbo Gaarii Tasfaayee waajjira galii aanichaa keessa kan hojjetan yoo ta'u, haati warraan isaanii immoo ogeettii fayyaati.
Haati warraa isaanii buufata fayyaa aanichaa keessa hojjetu. Kanaaf, meeshaaleen yaalii fayyaaf tokko tokko mana keessaa ture jedhu.
Akka xalayaa hattuun eenyummaansaa hin beekamnee kanarraa hubatamuutti, waan miira gaabbii jabaa keessa ta'un barreesse fakkaata jedhu Obbo Tarreessaan.
''Namni kun barataa yoo ta'u, rakkatee akka hannicha raawwate hima. Rabbii na gaafata jedhee meeshaalee olitti tarreeffaman keessaa jaha akka deebise himuun, sadii qofa: guwaantii harkaa, qalamawwanii fi qarshii 25 ammoo 'waan na barbaachisaniif hin deebisu' jechuun xalayaa dhiifamaa barreesseen ibseera.''
Akkasumas "Waanan akkamalee beela'eef nyaatas fudhadhee nyaadheera," jechuun irra-deebiin dhiifama gaafateera jedhu qabiyyee xalayichaa yoo ibsan.
Akkaataa xalayicharratti ibsameen, namni kun akkataa itti mana seenees ibseera. ''Karaa borootiin [mana duuba] akka gara mooraatti seenee fi foddaa manichaa dhiibuun erga banameefiin booda gara manaatti lixuu ibsa'' jedhu.
Itti fufuudhaanis, gara manaa erga seenee booda sanduuqa banuudhaan meeshaalee olitti tarreeffaman akka fudhate xalayicha irratti tarreesse.
"Ija seeraatiin, yakki sadarkaa garaa garaa qaba,'' kan jedhan Obbo Tarreessaan, ''yakki itti yaadamee, karoorfamee raawwatu fi kan filannoo biraa dhabuun raawwatamu waliin tokko miti," jedhan.
"Namni tokko erga yakka raawwateen booda waan raawwate amanuun gaabbee dhiifama gaafachuu fi otuma raawwachuunsaa beekamuu itti cichee yakka raawwate haaluun tokko miti.
''Gara adabbiittis yoo dhufan waldarbu" jechuun taateen kun ija seeraatiin haala itti ilaalamu BBC'tti himaniiru.
"Namni hanna kana raawwate kunis haala inni keessatti hate sirriitti beekuun rakkisus, yoo xiqqaate erga hatee manatti galee guyyaa tokkoon booda gochasaatti baay'ee gaabbuusaa meeshaalee kaan deebiisuun mul'iseera.
''Kanaan dura dhimma akkasii arginee hin beeknu. Xalayaa barreeffame sanarraa, nama amantaa ykn Waaqa sodaatu ta'uunsaa tilmaamuun ni danda'ama," jedhu Obbo Tarreessaan.
Gochi kun hawaasa bal'aaf ergaa guddaa kan qabudha kan jedhan Obbo Tarreessaa Iddoosaa, "Inni dursaa, yakki kamiyyuu boqonnaa sammuu waan nama dhorkuuf, yakkarraa akka of-eeggannudha.
''Kan lammataa immoo dogongorrees ta'ee haala kamiinuu yoo yakka raawwannellee gochichatti gaabbuu fi dhiifama gaafachuu akka qabnu barnoota guddaa kenna," jedhu.
















