Barataan duraanii Yunivarsiitii Haramaayaatti hanna raawwateen hidhaan waggaa 15 itti murtaa'e

Barataan kuni kana dura yunivarsiitii Odaa Bultumitti yakka raawwatuu qondaalli yunivarsiitii Haramaayaa BBC'tti himaniiru

Madda suuraa, Haramaya University

Ibsa waa'ee suuraa, Barataan kuni kana dura yunivarsiitii Odaa Bultumitti yakka raawwatuu qondaalli yunivarsiitii Haramaayaa BBC'tti himaniiru

Barataan duraanii Yunivarsitii Odaa Bultum, hanna Yunivarsitii Haramaayaa keessatti raawwateen himatame hidhaan waggaa 15 irratti murtaa'e.

Manni Murtii Aanaa Haramaayaa murtii kan kenne yoo ta'u dargaggoon kuni hanna irra deddeebin Yunivarsiitii Haramaayaa keessatti raawwateen to'annoo jala ooluu akka danda'e yunivarsiitichi ibseera.

Hannaan ala saamicha yeroo raawwate barataa tokkoorratti miidhaa dhaqqabsiisullee Daayrektarri Nageenyaa Yunivarsiitii Haramaayaa Komaandar Abaadir Yuuyyaa BBC'tti himaniiru.

"Dhimmicha akka hannaatti osoo hintaane akka yaaddoo nageenyaatti ilaalle" kan jedhan qondaalli kuni himatamaan iyya barattootni taasisan hordofee qaamolee eegumsaa yunivarsiitichaan to'atamuu himan.

Dhimma isaas Qajeelchi Poolisii godina Harargee Bahaafi Waajjirri Abbaa Alangaa godinichaa waloon qorachuufi kunis bifa seera qabeessa ta'een adeemsifamuu dubbatan.

Akka yunivarsiitichi beeksisetti dargaggoon Dinaa'ol Takkaa jedhamu kuni akka irratti hinbeekamne dubartii fakkaatee saamicha raawwataa ture.

"Diriyaa/shitii uffatee, mataasaa irratti shaashii marateefi halbee harkatti qabatee gara doormii seenuun hanna raawwate" jedhan Komaandar Abaadir.

Himatamaan kun Caamsaa 25, 2013 "uffata dubartii uffatee gama daggalaatin kaampaasii tekinoloojiiti iddoo bultii/ doormii dubartootaa seene" jechuun BBC'tti himan.

Yeroo garaa garaatti uffata barattootaa, mobaayiliifi laaptooppii kan hate yoo ta'u, wayita to'annoo jala oolettis kompitaroota laaptooppii lamaafi bilbila mobaayilaa lama waliin qabamuusaa Komaandar Abaadir dubbatan.

Himatamaa Diinaa'ol yeroo garaagaraatti waliigalatti kompitaroota laaptooppii jahaafi bilbila harkaa/mobaayila shan hatuusaas himaniiru.

"Barataa maastarsii tokko miidhaa qaamaa irraan gahee laaptopii irraa fudhate" jechuun Daayrektarri Nageenyaa Yunivarsiitiichaa himan.

Himatamaan kun eenyu?

Himatamaa Diinaa'ol Takkaa waggoota afur dura bara 2008 Yunivarsiitii Odaa Bultum irraa ari'amuufi achittis yakka garaa garaa raawwataa akka ture qondaalichi himu.

"Sana booda Harariifi Ciroo gidduu deddeebi'aa ture. Gara Yunivarsiitii keenyaa erga dhufee gara ji'a lamaa ni ta'a.

''Ji'a lamaan gara yunivarsiitii Haramaayaa dhufe kana keessatti keessaafi alaan caasaa ijaarrachuun qabeenya barataa keessattuu laaptoppii, mobaayilafi uffata hataa ture" jedhan.

Himatamaan kun odeeffannoo waahila isaa yunivarsiiticha keessatti argaman irraa argatuurratti hundaa'un saamicha raawwata jedheera yunivarsiitichi.

Kunis, wayita barattootni gara daree seenan, iddoowwan hulaan eegumsaa itti uumametti akkasumas halkan yakka hannaa raawwachaa turuu ibsame.

"Barataan wayita gara yunivarsiitii dhufu qabeenyisaa eeggamuu qaba" jechuun Komaandar Abaadir dirqama qaamni nageenyaa qabu ibsu.

Yunivarsiitiiwwan adda addaatti hanni uffataa, mobaayilii, laap toppiifi kaan yeroo garaa garaatti ni mudata.