Hattuun moobaayilii tamsaasa kallattii Feesbuukiin tasa fuula of mul'ise hidhame

Suuraa Hattuu

Madda suuraa, Youm7/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Hattuu moobaayilii tasa fuulli mul'ate

Lammiin Maasrii utuu bilbila gazeexessaa tokkoo hatee baqatuu, tasa tamsaasa kallattii irratti fuulli isaa namoota kumaatamaan lakka’amaniin argame.

Gazeexxessaan miidiyaa Youm7, Mahmuud Ragheeb, miidiyaa hawaasummaa irratti gabaasaa dhiyeessaa utuu jiruudha, hattuun kun doqdoqqee irra ta’ee bilbila isaa bute.

Tamsaasa kana irratti fuulli hattuu kanaa yeroo inni naannichaatii tamboo xuxaa baqatu argameera.

Boodarra hattuun kun to’annoo jala ooluun isaa ibsame.

Hattuun kun bilbilicha erga haatee booda, kaameerichi erga sosocho’uu dhaabee boodaa, hattuun maqaan isaa hin ibsamne kun tamboo xuuxaa, namni isa hordofe yoo jiraatee of duuba ilaalaa yemmuu inni jiru kaameeraa kanaan argameera.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

1px transparent line

Yeroo bilbilli kun butamutti namootni 20,000 ta’an gabaasa tamsaasa kallattiin darbaa ture kana Feesbuukii irratti daawwachaa turani.

Erga sanaatii sa’aatii 24 keessatti viidiyoon kun si’a miiliyoona 6.2 ol ilaalameera.

Battala hatee baqataa turetti wayita of duuba garagalee ilaalu namootni kallattiin daawwataa turan kaan 'kolfa duune' jechuun 'comment' yoo godhan, kaan ammoo 'maal of duuba ilaalta addunyaan guutuun si argaa jira' jechuun itti qoose.

Sababa tamsaasa kanaan namicha kana to’annoo jala oolchuun akka itti salphate kan ibse poolisiin, bilbilli hatamee garuu gurguramuu ibseera.