Masiriin humnoota Sudaan keessatti wal-waraanaa jiran araarsuuf gaaffii dhiheessite

Masirii fi Sudaan Kibbaa humnoota Sudaan keessatti walwaraanaa jiran jaarsummaa taa'uun araarsuuf gaaffii dhiheessan.

Pireezidantiin Masirii Abdel Fattaa al-Siisii ollaa Sudaan kan taate Sudaan Kibbaa waliin ta'uun raayyaa ittisaa fi humna addaa Sudaan (RSF) walitti araarsuuf gaaffii dhiyeessuu ibsa baasaniin eeraniiru.

Ollaa Sudaan kan ta'an qondaaltonni Masirii fi Sudaan Kibbaa Dilbata kaleessaa (Ebla 16, 2023) bilbilaan erga waliin dubbatanii booda humnoota walwaraanaa jiran lameen walitti araarsuuf gaaffii dhiheessan.

Al-Siisii fi giti isaanii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir, humnoonni lameenuu dhibdeesaanii marii nagaan hiikkachuu qabu ejjennoo jedhu akka qaban ibsaniiru.

Aanga'oonni kunneen gaaffii jaarsummaa dhiheessanis, garee Sudaan keessatti walwaraanaa jiran irraa hanga ammaa deebiin kenname maal akka ta'e hin ibsamne.

Oduu walfakkaatuun jaarmiyaan qindoomina mootummoota baha Afrikaa- IGAD humnoota lameen walitti araarsuuf jaarsummaa akka taa'aniif dureewwan biyyoota baha Afikaa sadi garas akk ergu ibseera.

Dureewwan biyyoota miseensa IGAD Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Jibuutii hatattamaan gara Sudaan imaluun hojii jaarsummaa akka eegalan walta'aniiru.

Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, kan Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir fi kan Jibuutii Ismaa'el Omaar Giilee, rakkoo nageenyaan buufati xiyyaaraa ishee cufamee kan jiru Sudaan yoom akka seenan beekuun hin danda'amne.

Humni addaa- RSF dhimma loltoota Masirii daangaa Sudaan keessatti booji'uu ilaalchisuun qondaaltota Masirii waliin dubbadheera jedhe.

Miseensonni RSF loltoonni Masirii bakka Merowee jedhamtutti harka kennataniiru jechuun ragaa viidiyoo agarsiisaa turan.

Raayyaan Ittisaa Masirii ammoo loltoonni isaa Sudaanitti kan argamaniif shaakallii waraanaa humna Sudaan waliin gaggeessuuf ta'uu ibse.

Nageenya loltoota kunneenii mirkaneessuuf aanga'oota mootummaa Sudaan waliin dubbachaa akka jirus hime.

Humni addaa- RSF loltoota Masirii harka kennataniiru jedhe dabarsee kennuuf humnootii Masirii waliin qindoominaan hojjedheera jechuu Rooyitarsi gabaaseera.

Qaamoleen tikaa Masirii jiran, loltoonni isaanii Sudaanitti qabamanii jiran nageenyummaansaanii eegamee jiraachuu ajajoota waraanaa gama Sudaan jiranirraa odeeffannoo argachuu gabaasi Rooyitarsi ni mul'isa.

Waamicha walitti bu'iinsa kana dhaabuu...

Erga walitti bu'iinsi kun ka'ee booda qaamotni adda addaa biyyattiin tasgabbiitti akkka deebitu waamicha dhiyeessaa jiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, gareen lamaanuu walitti bu’iinsa hammeessuu irraa of qusachuun, gara marii nagaa akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.

Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni Liigii Arabaa walitti bu’iinsi kun hatattamaan dhaabbatee, kanneen walwaraanan mariidhaaf akka taa'an gaafataniiru.

Liigiin Arabaa fi Ameerikaan gareen walwaraanaa jiran aangoo bulchiinsa siiviliitti deebisuuf marii jalqabuu qabu jedhan.

Gamtaan Afrikaa walitti bu'iinsa kana dhaabuuf dura taa'aa komishinichaa gara Kaartuum akka erguuf jiru beeksise.

UK fi Gamtaan Awurooppaa walitti bu’iinsi kun hatattamaan dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.

Barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees Jeneraal Al-Burhaanii fi Jeneraal Dagaloo bilbilaan dubbisuu ibsaniiru.