Waancaan Addunyaa dubartootni qofti taphachiisaniifi kan jalqabaa ta'e har'a gaggeeffama

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa Kaataar keessummeessaa jirturratti tapha ramaddii Kamisa halkan Kostaarikaafi Jarman taasisan yeroo jalqabaatiif murteessitoota kuubbaa miilaa hundi isaanii dubartoota ta’aniin gaggeeffama.
Isteefaanii Firaapaart ammoo Waancaa Addunyaa dhiirotaa irratti haadha murtii ta’uudhaan dubartii jalqabaa taati.
Haati murtii lammii Firaans taate kun Kibxata darbe tapha Meksiikoofi Polaand taphatan irratti murteessituu afraffaa ta’uudhaan dorgommirratti dubartii murteessituu kubbaa miilaa jalqabaa jedhamteetti.
Firaapaart dorgommicha dura taphicha ilaalchisuun BBC Sport irratti, “dhiibbaa isaa ni beekna,” jechuun dubbatteetti.
“Kanaaf jecha garuu waan of jijjiirru natti hin fakkaatu. Tasgabbaa’uu, xiyyeeffannaa kennuu, qalbiifi waa’ee miidiyaafi waa’ee dhimma biroo heddu yaaduu dhiisuun dirreedhuma irratti fuulleffanna,” jette.
Tapha Kamisa Sadaasa 1, 2022 istaadiyoomii Al-Baayit irratti gaggeeffamu kanarratti Firaapaartii gargaaruun haadhotii murtii kan ta’an lammii Biraazil Nuuzaa Baak fi lammii Meksiikoo Kaaren Diyaaz ta’u.
Sababa dubartummaa isheetiif taphattoota irraa, leenjistoota ykn deeggartoota irraa yaadni kennameefiif yoo ta’eef kan gaafatamte Firaapaart, “[murteessituu] ergan jalqabee kaasee gareewwan, kilabootaafi taphattoota irraa deeggarsa argachaan jira.
''Yeroo hunda istaadiyoomii keessatti simannaan waan naaf taasifamuuf akka nama kamiyyuu tapha murteessu tokkoottan of ilaala. Ammallee wanti wal fakkaatu akka na eeggatuun yaada,” jechuun deebiste.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Firaapaart bara 2020 tapha Chaampiyoons Liigii dhiirotaa irratti haadha murtii ta’uun dubartii jalqabaa taateetti.
Murteessituun kubbaa miilaa umuriin ishee waggaa 38 ta’e kun, bara 2019 ammoo tapha Suuppar Kaap Liiverpuuliifi Chelsii gidduutti ture irratti taphachiisuunis dorgommiiwwan Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa dubartii taphachiisuu dandeesse jalqabaa taateetti.
Dubartoota Waancaa Addunyaa Kaataar kana irratti haadha murtii akka ta’anniif filataman sadii keessaa tokko lammii Ruwaandaa Saalimaa Mukaasaangaa ishee tokkodha.
Walumaa galatti murteessitoota 36 Waancaa Addunyaa Kataar kana taphachiisan keessaa dubartoonni afur jiru.
Dorgommiin Waancaa Addunyaa erga jalqabamee torban lama guutaa jiru kun taphani ramaddii Jimaata boruu xumuramanii, dorgommiin mo’anii darbuu ammoo ni jalqabama.
Waancaan Addunyaa yeroo jalqabaatiif addunyaa Arabaa keessatti qophaa’e kun murteessitoota dubartootaatiin taphoonni gaggeeffaman jiraachuu qofa osoo hin taane, taateewwan ajaa’ibsiisoo adda addaa irratti mul’ataniiru.
Waancaan Addunyaa kun gammoojjii Kaataar keessatti kan gaggeeffamu waan ta’eef, waqtii kanaan dura itti gaggeeffamaa tureen yeroo adda ta’etti gaggeeffamaa jira.
Keessummeessuu dogommii hanga ammaa jiruun dolaara biliyoonotaan baastee qophii guddicha addunyaa kanaan Kaataar milkaa’aa akka jirtu himama.















