Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waggoota 23f hidhaa kan jiru gaazexeessaan Ertiraa mirga namoomaan badhaafame
Gaazexeessaan Ertiraa osoo mana-murtiitti hin dhiyaatiin waggoota 23f mana-hidhaa jiru Daawwit Yisihaaq mirga namoomaan badhaasa argate.
Mana-hidhaa Ertiraa keessatti haala inni itti jiru kan hin beekamne gaazexeessaan kun qabsoo bilisummaa yaadaatiif taasiseen Siwiidiniinis badhafameera.
Gaazexeessaa lammii Ertiraafi Siwiidin kan ta’e Daawwit, badhaasni ‘Edelsitaam’ jedhamu kan kennameef “gootummaasaa adda ta’eef” akka ta’e dhaabbatichi himeera.
Gaazexeessaa Daawwit, Ertiraatti gaazexaa bilisaa kan jalqabaa kan ta’e ‘Setiit’ warra hundeessan keessaa tokkodha.
Bara 2001 jijjiiramni dimokiraasii akka dhufuuf barreeffama gaafatu gaazexaa kanarratti erga baaseen booda ture to’annoo mootummaa Ertiraa jala kan oole.
Yeroo mootummaan Ertiraa ministiroota olaanoo 20 ol, miseensota paarlaamaafi gaazexeessitoota walabaa hidhetti Daawwit isaan keessaa tokko ture.
Waggoota darban keessa mootummaan Ertiraa Daawwit eessa akka jiruufi haalli fayyaasaa maal akka ta’e odeeffannoo hin kennine.
Namoonni Daawwit waliin hidhaman du’aiiru jedhamanii amanamu.
Sirni badhaasa namoota mirga namoomaatiif qabsaa'uu keessatti gumaachaniif qophaa'e kun Sadaasa 19 Istookoolmitti gaggeeffama.
Intala Daawwit kan taate Beeteliheem maqaa abbaasheetiin badhaasa kana kan fudhattu ta'a.
Barreeffamoota gaazexaa Setiit irratti dhiyeesse keessatti kanneen mootummaa Ertiraa qeeqaniifi jijjiiramni dimokiraasii akka dhufuuf gaafatan, akkasumas bilisaan yaada ofii ibsachuu kanneen gaafatan keessatti argamu.
Akka inni hidhamuufillee sababa kan itti ta'an barreeffama kanneenidha.
Daawwitiif badhaasa kan kenne Fawondeeshiniin Edelsitaam gaaxexeessaan kun hidhaatii akka ba'uuf irra deddeebiin gaafateera.
Daawwit eessa akka jiru mootummaan Ertiraa akka beeksisuufi abokaatoon akka dhaabbatuuf gaaffi dhiyeesseera.
Itti-gafatamtuun daanyota badhaasa Edelistaam Kaarolaayin Edelistaam, "Daawwit Yisihaaq gaazexeessaa addunyaarratti hidhaa yeroo dheeraa jala jirudha.
''Bakka inni itti argamu wallaalamuuniifi haalli fayyaa isaa nu yaadddessa. Yakkaan hin himatamne. Maatiifi abokaatonni isaa akka argani hin hayyamamnef. Kun ammoo nama dirqiin miliqfame isa taasisa," jedhan.
Itti dabaluun, "kan duubatti hin deebine ta'uun isaafi gootummaan isaa murannoo inni yaada ofii bilisaan ibsachuurratti qabuuf ragaadha," jechuun waa'ee gaazexeessaa kanaa dubbatan.
Faawundeeshiniin Edelsitaam badhaasa dippilomaatii Siwiidin Haraald Edelsitaam yaadachuuf namoota mirga namoomaaf qabsaa'uu keessatti gumaacha taasisaniif kennamudha.
Ertiraan biyya Afrikaa tokkittii sabaa-himaaleen dhuunfaa keessatti hin argamnedha.
Bara 2001 "nageenya biyyaalessaa eeguudhaaf" jechuun sabaa-himaaleen dhuunfaa cufamaniiru.
Daawwit gara biyya Siwiidinitti kan baqate bara 1987 yeroo Ertiraan waraanatti jirtu yoo ta'u, erga Ertiraan biyya walabaa ta'uu ibsatteen booda bara 1993 biyyatti deebi'e.
Ertiraan erga biyya taateen booda biyyattii keessatti filannoon gaggeeffamee hin beeku. Pirezidant Isaayyaas Af-warqii aangoo biyyattii waggoota 30f dhuunfatanii jiru.