Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walabummaa Pireesii: Pirezidant Isaayyaas Afawarqiirratti himatni yakka namoomaa dhiyaate
Dhaabbatni Gaazexessitootaa daangaa maleeyyii, 'Reporters Without Borders (RSF), damee Siwiidiin Pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiifi aanga'oota biyyattii biroo torba irratti himata yakka namoomaa dhiyeesse.
Dhaabbatichi himata kana kan dhiyeesse Abbaa alangaa biyya Swiidiin jirutti yommuu ta'u, mootummaan Eertiraa gaazexessaa lammuummaa Eertiraafi Siwiidiin qabu Daawwit Isaaq bara 2001 irraa hanga ammaatti dhoksaatti hidhu isaatiin.
Akka dhaabbatichi jedhutti gaazexessaan kun addunyaarratti gaazexessa waggaa dheeraaf hidhameedhaa jiruudha.
Dhaabbatichi himannaa dhiyeesse kanaan aanga'ootni Ertiraa saddeet kun Daawitiin butanii hidhuun, dararuufi achi buutee isaa dhoksuun akka qorataman gaafate.
Dhaabbata gaazexessitoota daangaa maleeyyii kana bakka bu'uun aabbotiin seeraa lama himata kana Mana Murtii Istookhoolm jirutti kan dhiiyesssan yoo ta'u, Pireezidantiin Eertiraa waggoota 27 Isaayyaas Afawarqii, Ministirri haajaa alaa, haqaafi odeeffannoo dabalee aanga'oonni olaanoon afur keessatti argamu.
Badhaafamaan Noobeelii nagaa oogummaan abbaa seeraa ta'an looreet Shiriin Ebaadii, aangoon isaanii hangamuu guddaa ta'u, namootni Daawitiin hidhanii waggoota 20tti siiqaniif isa dararaa jiran yakkaan himatamuu qabuu," jedhan.
Daawwit Isaaq eenyu?
Daawwit Isaaq ogummaa isaatiin gaazexessaa yoo ta'u kan dhalate Eertiraatti ta'uu isaatiin lammuummaa biyya sanii qaba.
Baqatee erga biyyaa bahee ammoo biyya Siwiidinitti lammuummaa argateera.
Daawwit bara 2001 wagga 19 dura biyya isaa bilisummaa argattetti deebi'uun gaazexaa rifoormii leellisu Seetiitu jedhamu maxxansuu eegale ture
Fulbaana bara 2001'tti duula mootummaan sabaa himaalee ofiin dhaabbatan irratti baneen Daawwit butamee achi buuteen isaa dhabame.
Waggoota 19'n darbaniifis maatii isaas ta'u abukaatoo isaa arguuf hin hayyamamneef.
Bakka buutoota UN fi Siwiidin irraa is arguuf dhiyaatees fudhatama hin arganne.
Yeroo dhumaatiif Daawwit lubbuun akka jiru kan beekame bara 2005'tti. Gaazexessaa Daawwiit naannoo gammoojjii kaaba galaanaa diimaatti hidhamee jira jedhamee akka abdatamuus dhaabbatni kun ibseera.
Himatni dhaabbatni RSF’ dhiyeesse kun hoogganoonni haqaa Siwiidiin namoota hidhaa fi dararaa gaazexessaa Daawwit keessaa harka qaban Siwiidi yoo dhufan akka qabaman yoo barbaachisaa ta'e ammoo ajajni idila addunyaa bakka jiranii akka qabaman ajaju akka bahu dhiibbaa gochuufi.
Dhaabbanni Reporters without Borders gabaasa waggaa '2020 World Press Freedom Index' walabummaa pireesii kan 2020'n biyyoota addunyaa sakatta'e 180 keessaa Eertiraa 178'ffaarra kaaheera.