Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa xiyyaaraa Kooriyaa Kibaatti mudateen namoonni 179 du'an
Kooriyaa Kibbaatti xiyyaarri imaltootaa tokkoo osoo qubachuuf jiruu balaa mudateen yoo xinnaate namoonni 179 du'uu tajaajilli balaa ibiddaa biyyatti beeksiise.
Xiyyaarichi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Mu'aan kan kiba lixa biyyattiitti argamutti qubachuuf wayita jedhuu sarara irra balalii'urraa bahuudhaan keenyaatti bu'ee balaan irra qaqabuu maddi oduu Yonhap gabaaseera.
Qabeenyummaansaa kan Daandii Qilleensaa Jeju kan ta'e xiyyaarri kunis imaltoota 175 fi hojjattoota xiyyaaraa 6 qabatee, waliigalatti namoota 181 Taayilaandi Baangkook irraa deebii'ee qubataa ture jedhame.
Hanga ammaattis namoonni lama lubbuun kan argaman yoo ta'u, hojii lubbuu baraarsaa ammalleen gaggeeffamaa jiraachuun maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.
Tajaajilliwwan balaa tasaa namoota kutaa duuba xiyyaarichaa keessa jiran baraaruudhaaf yaalii gochaa akka ture qondaalli buufata xiyyaaraa tokko himaniiru.
Imaltoonni balallii kana keessa turan lammiilee Kooriyaa Kibbaa 173 fi lammiilee Taayilaand lama akka ta'an Yonhap gabaaseera.
Sababni balaa kanaa hanga ammaatti adda kan hin baanee yoo ta'u, miidiyaaleen biyya keessaa garuu simbirroonni sirna xiyyaarichaa keessatti galuun akka hin ollee gabaasan.
Akka Ejensiin balaa Ibidda Biyyaalessaatti, namoota du'an keessaa dubartoota 37 fi dhiirota 25 adda baafameera.
Waraabbiin viidiyoo hin mirkanoofne balaa kana ilaalchisee miidiyaa hawaasaa irratti naanna'u fi akka sa'aatii biyyattiitti sa'aatii 09:00 booda (00:00 GMT) yeroo muraasa booda, xiyyaarichi daandii balalii irraa bahuun keenyaatti bu'ee, osoo gartokkoon isaa ibidda itti hin qabatiin agarsiisa.
Viidiyoon gara biroon tokko ammoo aarri gurraacha dukkanaa'aan gara samiitti ol ka'aa jiru agarsiisu.
Hanga ammaatti hojjetaan balalii tokkoo fi imaltuun tokko balaa kanarraa baraaramuu isaanii ejensiin balaa ibiddaa Kooriyaa Kibbaa ibsa baaseen kan hime yoo ta'u, hojjattoonni balaa ibiddaa 80 fi konkolaattonni ibiddaa 30 ol bakka balaan kun itti dhaqqabeetti bobbaafamuu isaanii ibseera.
Buufan Xiyyaaraa Muu'aan magaalaa guddoo biyyattii Saa'ool irraa gara kibbaatti gara maayilii 288 fagaatti.
Industiriin aviyeeshinii Kooriyaa Kibbaa nageenya balalii amansiisaa qabaachuudhaan galmee seenaa gaarii akka qabdutti ilaalama.
Balaan kunis seenaa daandiiwwan xiyyaaraa gatii xiqqaa Kooriyaa Kibbaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Daandii Qilleensa Jeju kan bara 2005 hundeeffame keessatti balaa lubbuu namootaa galaafate isa jalqabaati.