UStti manneen buna Itoophiyaa fi kaan gurguran gatii dabaluuf dirqamuu himan

Ameerikaa Saan Firaansiskoo keessatti haadha mana bunaa kan taatee Jeenii Ngoo sababii qaraxaatiin samii xuqeef yaaddoo keessa galu BBC'tti himte.

Jeenii Ngoo haadha qabeenyaa mana bunaa Teeleskoop jedhamu yoo taatu, dhaabbileen buna dhiyeessaniif gatii hangam akka qaaleessan dhagahuuf eeggataa jirti.

Bunni isheen gurgurtu kun maddi isaa Itoophiyaa fi Guwaatemalaa yoo ta'u, biyyoonni lamaanuu qaraxni %10tu irra kaahameera.

Akkasumas buna cabbaa'aa (iced coffee) Chaayinaa irraa akka argattu kan dubbatte yoo ta'u, gatiin isaa halkan tokkoon samii xuquu akka hubatte dubbatteetti.

"Wanti nama dhibu daldala keenya itti fufsiisuudhaaf jecha ammas gatii ol kaasuuf karoora qabna," jette.

Abbootiin qabeenyaa daldalaa guutuu Ameerikaa keessa jiran, waan ijji bunaa alaa galfamu gatiinsaa qaala'eefi maamiltoonnis sabbata isaanii cimsaniif jecha hiriirri namoota ganamaan buna(laattee) dhuguuf eeggataanii gabaabbachaa dhufeera jedhu.

Lammiileen Ameerikaa bunaaf jecha waggaatti doolaara biliyoona 100 baasu. Sababa taarifaafi qaala'insa gatii aadaan kun jijjiiramuu mala.

Jorge Prudencio magaalaa Waaashingitan DC keessatti mana Bread Bite Bakery jedhamu qaba. Bunni manasaatti gurgurami Kolombiyaarraa dufa. Kolmbiyaanis erga torbee darbee qarxa kaffaluu eegaltee gatii bunaa dabaltee gurguraa jirti.

Akka ragaan Ministeera Qonnaa US agarsiisutti biyyattiin buna hanga guddaa biyya alaatii galchuun addunyaarraa lammaffaadha. Harki hedduun ammoo Biraaziiliifi Kolombiyaarraa gala.

Ebla 5 irraa eegalee biyyootni buna ergan kun qaraxa dhibbeentaa 10n miidhamaniiru.

Prudencio yaada BBCf kenneen daldaltootni buna Kolombiyaarraa fidaniif yeroo itti aanu bunni dhufuuf gatiinsaa akka dabalu itti himuu dubbate. Innis gatii buna manasaatti gurguruu dabaluu malee filannoo akka hin qabne hima. Ammoo haalli kun akkaan isa yaaddessuu dubbata.

Manaajara Au Lait café Kaamlaa Mortada qaaluun gatii erga eegalee bubbuleera jedha.

Qaraxni kun dhufuu duras bunni gatii amma dura qaala'ee hin beeknerra gaheera jedha. Gatii isa bara 2020 ture doolaara sadiin caaleersa jedha.

''Sababa kanaatti maamiltoota bunaa xiqqaa qabaachaa jirra'' jedha.

Maamiltootni hedduun wantoota dur itti dabalan akka aanniniifi kaan dhiisanii buna duwwaa fudhachaa jiraachuus dubbataniiru.

Meenuu isaaniirrattis bunarratti daballii dhibbeentaa 25 gochuu himan. Sababa kanaatti namni buna hangaan xiqqoo qofa bitatachaa akka jirus dabaluun himan.

Mortaadaan ofiifuu akka duri Istaarbaaksirraa buna bitachuu dhiisee manatti danfifachuu akka filate himeera.

Abbootiin manneen bunaa akka Prudencio gatiin qaala'us namni buna waan barbaaduuf maamilli dhufuu hin hafuu abdii jedhu qabu.

Battala qaraxni 10% Omishaalee Itoophiyaarraa gara US galaniirra kaahamuun dhagaahame qonnaan bulaa Jimmarraa buna gabaa USf dhiyeessan BBCn dubbise dhiibbaansaa salphaa hin ta'uu jedhanii turan.

''Gatii bunaa nu harkatti ajjeesa'' yaaddoo jedhus dhageessifatanii turan.

Kaaffeefi manneen daabboofi keekii tolchanitti wanti biraa qaala'ee isaan dhiphise killeedha.

Ji'a darbe gatiin killee darzana tokkoo doolaara 6.22 Gaue. Hammanaan gurguramee hin beeku.

US keessatti gatiin killee akka safartuu fayyina diinagdee UStti ilaalama. Namootni siyaasaas dhimmicha callisanii hin laalan.

Doonaald Tiraamp qaala'uu gatii killeef bulchiinsa Baayidan komatanii, akka gadi buusan dubbataniiru.