Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ganamaan buna dhuguun dhukkuba onneetiif saaxilamuu hir'isa-Qorannoo
Namoonni ganamaan buna dhugan carraa isaan dhibee onneetiin du'an gadi aanaa ta'uu qorannoon tokko mul'ise.
Namoota guyyaa guutuu buna dhugan caalaa warri ganama dhugan dhukkuba onneetiif saaxilamuurraa fagaachuun alatti umurii dheeraa qabu jedha qorannichi.
Haata'u malee, dhibee onneerraa fagaachuufi umurii dheeraa jiraachuuf bunni qofti gahaadhaa? kan jedhuuf garuu qorannoon kun deebii hin kennine.
Yunivarsiitii Tulaaneetti Itti-gaafatamaan Wiirtuu Qorannoo Obesiitii [Furdina Garmalee] Dr. Luu Kii akka jedhanitti, buna ganama dhuguun maaliif akka balaa dhukkuba onnee hir'isu beekamuu baatus, buna gara galgalaa dhuguun garuu sirna qama namaa jeeqa kan jedhu akka sababaatti ni dhiyaata.
Qorannoon kun Amajji 08, 2025 barruu Yurooppiyaan Hert Joornaal jedhamurratti ibsameera.
Dr. Kii itti dabaluun, " Sa'aatiin itti buna dhugnu hangam akka jijjiirraa fidu baruudhaaf qorannoofi yaalii qabatamaa taasisuun nurra jira," jedhan.
"Qorannoon kun ganamaan buna dhuguun maaliif balaa dhukkuba onneerraa akka nama oolchu wanti ibsu hin jiru," jechuun ibsan.
"Tarii ibsi fooyyaa'aan namoonni buna waaree booda ykn gara galgalaa dhugan sirna qama isaanii [marsaan jijjiramaa qaamaa, sammuufi amala qaama keenya sa'aatii 24 qaba] waa jeeqaniif ta'a."
"Kun ammoo wantoota dhukkuba onnee fidan warra akka dhiita'uu, [Inflamtation], akkasumas dhiibbaa dhiigaaf nama saaxiluu danda'a," jechuun ibsu.
Qorattoonni Yunivarsiitii Tulaanee kan Niwu Orliyaansitti argamuu, bara 1999-2018 gidduutti adeemsa namoota ga'eessota ta'an qorannoo fayyaafi sirna nyaataa biyyaalessaa keessatti hammataman kuma 40 fi 725 ilaalaniiru.
Namoonni kunneen waa'ee wanta guyyaa guyyaatti soorataniifi dhuganii, akkasumas buna kan dhugan yoo ta'e ammoo yoom akka dhugan gaaffiiwan gaafatamaniiru.
Qorannoowwan kanaan dura bahan bunni fayyaa keenyaaf fooyidaa murtaa'e akka qabu ibsamus, buna yoom yoo dhugne faayidaa qaba kan jedhu yoo qoratamu kun kan jalqabaati.
Dr. Kii akka jedhanitti, kanneen qorannicha keessatti hammataman keessaa harka dhibba keessaa 36 ganamaan buna kan dhugan yoo ta'u, kanneen hafan garuu guyyaa guutuu warra dhuganidha.
Qorattoonni kunneen waggoota 10 darbaniif namoota qorannichaaf filataman kan hordofan yoo ta'u, yeroo kana keessa namoota du'an du'uu isaaniitii ka'umsi maal akka ta'e galmeessaa turan.
Akka qorannoon kun eerutti namoonni buna ganamaan dhugan carraan du'uu isaanii harka dhibba keessaa 16n kan hir'ate yoo ta'u, carraa onneetiin du'uun isaanii ammoo harka dhibba keessaa 3n kan hir'atudha.