Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bunni attamiin dhugaatii si'eessuufi beekamaa ta’e?
Bunni qaama keenya keessatti attamiin nu daddamaqsuuf hojjataa?
Gaarreen Itoophiyaatii hanga magaalaa Niiw Yoorkitti maqaan bunaa maatii hedduu biratti beekama. Hiyyeessa ta’ee dureessa, maanguddoo hanga dargaggoo buna unatan malee ooluu kanneen hin dandeenyee miliyoonota.
Bunni jaarraa 15f jidduugala aadaa ilmaan namaa ta’ee tureera. Tokko tokkoos jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa ilaalchi yaada rimee aadaa fi faalaasamni kan maddee (Enlightenment) bunarraa akka ta’e dubbatu.
Qabiyyeen buna keessatti argamuufi nama si’omsu Kaafeeyiin jedhama. Wantoota addunyaa kanarratti nama si'eessan keessaa bunni kan fayyadamtoota baayyee qabudha. Ilaalcha keenya osoo hin hafne akka waliqixxeessutti yaadama.
Bunni eessaa dhufe?
Bunni muka Koofii yaa Araabiikaa jedhamu irraa kan argame yoo ta’u, mukni kunis jalqaba kan argame Itoophiyaatti.
Bunni harki 90 kan ta’u kan oomishamu biyyota guddinarratti argaman jedhaman keessattuu Kibba Ameerikaatti yoo ta’u, faallaa sanaatiin irra jireessi namoota buna dhuganii kan argaman biyyoota guddatan keessatti.
Seenaan afaanii akka himuutti, tikseen Kaalidii jedhamu tokko jaarraa 9ffaa keessa osoo re’ee tiksaa jiruu, re’oonni ija bunaa nyaatanii haala duriitiin adda socha’u hubata. Tikseen kunis kana yoo argu ofiif yaaluu barbaadee ija bunaa akka dhandhame himimama.
Isaan booda namoonni naannichaa ija bunaa bishaan keessatti dhoobuufi baalasaa affeelaa akka shaayiitti dhuguu eegalan.
Sanadoonni seenaa akka agarsiisaniitti, suufiiwwan Yeman yeroo jalqabaatiif jaarraa 14ffaa irratti ija bunaa akaa’uudhaan, akka buna amma beeknuutti kan dhugan jedhama.
Jaarraa 15ffaatti ammo bara mootummaa Otomaaniitti (Impaayeera) eddoowwan bunni itti gurguramu eegalame. Kunis gara Awurooppaatti babal'achuun manneen bunaa, bakka madda yaada bizinasii, siyaasaa fi yaada haaraa ta’e.
Abbaan falaasamaa Jarmanii Yargan Haabarmaas dabalatee qorattoonni kaanii fi hayyoonni qorannoo hawaasaa (sociology) jaarraa 20ffaa buna malee barrii madda falaasamaa hin dhugoomu ture jechuun falmu.
Habarmaas akka jedhaniitti, jaarraawwan 17ffaa fi 18ffaa keessatti manneen bunaa jidduugalawwan namoonni itti yaadaa fi ilaalcha isaanii itti wal jijjiraan turan.
Namooti falaasamaa bara aadaafi falaasama maddisiisuutti araada bunaa cimaa qabu ture yaadni jedhu ni ka’a.
Namni falaasamaa Faransaay Voolteeyiir guyyaatti buna sinii 72 dhugu turan, hiriyaan isaanii Diideerootim ammo insaayikilopidiyaa kutaalee 28 qabu barreessuudhaaf buna baayyinaan akka dhugaa turan dubbatama.
Barreessaan Ameerikaa Maayiikiil Pooliin insaayikilopidiyaan hojii dinqii bara falaasamaati jedhu.
Falaasamaan Antiropolojii, Teed Fiishar Ameerikaa Yunivarsitii Vaandarbiiltiitti daareektara qorannoo bunaati. Hayyuun kunis gabbiifamu ilaalcha kaappiitaalisiimiitiif bunni gumaacha olaanaa baheera jedhu.
‘‘Bunni seenaa kan geeddaree fi yaadoti akka Enlightenment fi Kaapitaaliziim jiran akka guddatan kan gargaaredha’’ jechuun BBCtti himan.
‘‘Yaadoti akka waa’ee dimokiraasii, saayinsii fi kaapitaaliziim jiran bara bunni baayyee barameetti maddiisiifamunsaanii akkasumaan waan walitti dhufeedha jedhe hin yaadu. Bunni kishaafee dhimmoota ittiin ilaaluu bal’isa. Xiyyaaffannaa keenya walitti nu qaba.Kaapitaaliziimiidhaaf gummaacha olaanaa taasiseera jedheen yaada.’’
Yeroon sunis kan daldaltoonni bunni bu’aa qabeessuummaa akka dabalu itti baran ture kan jedhan Fiishar, hojjattoota isaanitiif boqonnaa bunaa kennaa akka turan dubbatu.
Gochaawwan bunaa hin himamiin
Seenaan bunaa balaaleeffannaa irraa bilisa miti. Sababiinsaas daldala garbaatiif gumaacha mataasaa akka taasise himama.
Faransaayoonni garboota Afriikaarraa fudhatan Heeyiitii keessatti hojii qonna bunaafi shaayi hojjachiisaa turan. Bara 1800moota keessa ammoo bunni garboonni Afriikaa Biraaziil keessatti omisha addunyaarratti tokko sadaffaa haguugaa ture.
Barana bunni dhagaa bu’uura aadaa idil-addunyaati. Guyyaatti sinii miiliyoona lamaa oliituu dhugama. Diinagdee addunyaatiifis waggaadhaan doolaara biiliyoona 90 ol gummaacha.
Haata’u malee ‘‘ammas ganaa baayyeetu hafa’’ kan jedhu ammoo dhaabbata miti mootummaa iyyummaa fi beela balleessuuf hojjatu, Haayiifar jedhamudha.
Dhaabbatichi akka jedhuutti, indastiriin bunaa namoota magaalaa fi gurraacha ta’aniif indastirii cimaa ta’ullee, kan kanfalamuuf garuu baayyee gadaanaadha. Namoonni miiliyoonni 125 kanneen biyyoota 50 keessatti argaman, indastiriin bunaa madda galiisaanii ta’ullee, kanneen wallakkaadhaan ol ta'an ammallee hiyyummaa keessatti argamu.
Bunni attamiin qaama keenya keessa tamsa’a?
Qabiyyeen bunaa kaafeeyiin jedhamu wayita qaama keenya keessa seenutti karaa sirna nyaataa daakuutiin darbee karaa marrumaanitiin sirna sochii dhiiga keenyaa bira gaha.
Haata’u malee hojiisaa hojjachuu kan eegalu erga sirna maashaa keenya bira gaheen booda.
Kaafeeyiin, wanta adeenoosaayiin jedhamuufi kan qaamni keenya maddisiisuun wal fakkaatu qaba. Adeenoosaayiin sirna narvii keenya tasgabbeessuun rukuttaan onnee keenyaa akka tasgabbaa’u fi haalli miira nutti tolu ykn mijachuu keenyaa akka ol ka’u taasisuuf dandeettii qaba.
Kaafeeyiin wayita adeenoosaayiin waliin walitti makamu rukkuttaan onnee keenyaa ni dabala. Sammuun keenya ni si’ata. Miirri beelaa baduun akka si’omnu nu taasisa. Kanaafiidha ammi xiyyeeffannaa keenyaa kan yeroo biraarra kan caaluufi.
Kaafeeyiin dandeettii miira keenya geeddaru qaba. Dadhabuu ni hir’isa. Dandeettii qaama keenyaa waan ol kaasuuf yeroo baayyee atileetoonni yoo itti fayyadaman mul’atu.
Humni kaafeeyiin daqiiqaa 15 hanga sa’aatii lamaa turu danda’a. Qaamni keenya kaafeeyiinii sa’aatiiwwan 5-10 jidduutti kan of keessaa dhabamsiisuu yoo ta’u, isaan ol illeen turu danda’a.
Ogeessoonni bu’aa kaafeeyiin ol kaasuudhaaf murteessuun fudhachuufi waaree boda dhugurra ganama keessa dhuguun bu’aa gaarii argamsiisuu akka danda’u dubbatu.
Namoonni dameen guyyaattii kaafeeyiiniin giraamii 400 gahaadha jedhu. Kana jechuun guyyaatti buna sinii afur ykn shan gahaadha.
Ta’us namaa namarraa adda adda ta’u danda’a. Garuu ammoo baayyachuun irriba dhabuu, dhiphina, dhukkubbii garaa, dabaluu rukkuttaa onnee fi mataa-dhukkubbii hordofsiisuu danda’a.
Qorattoonni Waajira To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa ammoo bunni miiliigiraamii 1200 (sinii 12) saffiisaan yoo fudhanne qaamni keenya to’annoon ala kirkiruu danda’a jedhu.
Buna haala gahaa ta’een qofa dhuguun garuu bu’aa fayyinaa qabachuusaatiin alatti dandeettii dhukkuba ofirraa ittiisuu ni kenna kan jedhan ammoo Dr Maatiiyaas Heen, Fayyaa hawaasaa TH irraayiiti.
Akka isaan jedhaniitti, ‘‘guyyaatti buna sinii 2-5 dhuguun dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee fi gosa kaansarii tokko tokkoorraa ittisuu danda’a.’’