Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan bulaa buna kiiloo tokko birrii 47,000'tti gurgure
Laggasaa Baxoosaa Naannoo Sidaamaa Aanaa Arbegonaa, ganda Bursaa keessatti dhalatee guddate.
Laggasaan hojii qonnaatin jiraata. Omishaalee akka boqqoolloo, qamadii fi garbu fa’aa qotuudhaan jiraataa akka ture hima.
Haati manaa fi ijoollen isaas kanumaan jiraatu. Yeroo dhiyoo as garuu buna dhaabutti fuulleffate.
Jireenya isaa bunaan deeggaruu erga eegalee waggoota shan ta’eera. Kanaan dura buna maalif hin dhaabin turte jedhamee yommuu gaafatamu, ”Qe’een [keenya] buna akka biqilchu hin beekun ture” jedha.
Naannoon isaa bunaaf mijataa akka ta’e osoo hin beekin tureera. Ammas taanaan, naannichatti buna kan omishaa jiru namoota muraasa qofa.
Laggasaan buna oomishuu gaafa eegalu oomishni bunaa akkaan ta’eef. ”Omisha biraa caalaa galiin buna irraa argamu kan caaludha,” jedha Laggasaan.
Lafa heektaara walakkaa irraa buna kiiloo kuma tokkoo ol galchaa jira.
Waggaatti oomisha bunaa irraa galii kuma 70 hanga kuma 100 tti argata ture. Osoo kanaan jiruu buna dorgommii gabaa addunyaaf dhiyeessun akka jiru dhagaha.
Namoonni buna naannoo isaaniitti oomishame bitanii dorgommii qulqullina bunaa ‘Cup of Excellence’ jedhamuuf akka dhiyeessan dhagahe.
Waggoota 20 darbaniif dorgommiin qulqullina bunaa biyyoota buna oomishuun beekaman keessatti ni gaggeeffama ture.
Itoophiyaatti ammoo dorgommichi erga eegalee waggaa 2 ta’eera.
Kaayyoon dorgommii kanaa buna filatamaa ta’e adda baasun caalbaasiwwan gurguddaa gabaa addunyaa irratti gurguruudha.
Gama biraan ammoo qonnaan bultoota, buna dhama addaa qabuu fi oomishtoota wal beeksisuuf kan karoorfameedha.
Namoonni dorgommii kana mo’atan buna isaanii gatii guddaadhaan gurguratu.
Laggasaanis kana dhagahee qophaa isaa dorgomuuf murteesse. Daldaltoota bunaa naannoo isaa jiranitti buna gurguruu dhaabe.
“Kanaan dura namoonni ani beeku buna isaanii [dorgommii] irratti dhiyeessanii lammaffaa fi sadaffaa yeroo bahan argeera,” jedha.
Laggasaan dorgommiif buna kiiloo kuma tokko dhiyeesse. Kana keessaa filatamee kiiloo 480 kan ta’u dorgommiif dhihaate.
Dorgommii kana irratti hanga sadarkaa 40 keessa yoon gale jedhee yaadaa ture Laggasaan. Dorgommicha irratti garuu bunni isaa tokkoffaa ta’ee filatame.
Dadhabbiin isaa waggaa shaniis ija garii godhateef. Bunni Laggasaan dorgommiif dhiyeesse kun kiiloon tokko gatii guddaa dolaara 884.10tti gurgurame. Birrii 47,236 kan ta’utti jechuudha.
Kunis seenaa gabaa buna Itoophiyaatti buna gatii guddaatti gurguramedha.
Walumaa galatti buna dorgommiif dhiyeesse birrii miliyoona 20 olitti gurgurate. Bu’aa dorgommii isaa torbee lama dura dhagahe.
“Odeeffannicha karaa obboleessa koon dhagahe. Baay’en gammade,” jechuun hime.
“Bunichi sadarkaa tokkoffaa ta’a jedhee hin yaanne. Garuu ammoo ni filatame. Namoonni biroo yeroo dorgomanii fi mo’atan argeen buna miiccee akkaataa barbaadamuun dorgommiif dhiyeesse…”.
Ofii bunni gatii hamma kana baasuu kan danda’e akkamitti?
Naannoon jireenya Laggasaa lafa olkaa’aadha. Buna omishuun naannichatti baramaa miti.
“Qulqullinni bunichaa lafti isaa bunaaf haaraa waan ta’eef natti fakkaata. Lafa kana bunaaf itti fayyadamnee hin beeknu.
''Waggoota dheeraf lafa qonnaa ta’us buna dhaabun kan eegale yeroo dhiyoodha. Kanaaf, bakkichi orgaanikii waan ta’eef bunni kun waan barbaade laficha irraa argateera natti fakkaata,” jedha.
Kanaan alatti sababai bira hin beeku Laggasaan.
“Nuti nama amantiiti, buna kana filatamaa kan taasise Waaqayyodha” jedha Laggasaan.
“Gara hojii bunaatti akkan galeen namoonni milkaa’ina akkamitti akka hojjatan nan ilaalan ture. Anis bunicha gogseen gurgure. Afurtama keessayyuu nan gala jedhee hin yaanne. Waaqayyotu na gargaare.”
Laggasaan amma birrii miliyeena lakkaa‘uu eegalee jira. Qarshiin ammatti harka isaa galuu baatus karoora itti baasuu eegaleera.
“Hojii bunaa keessatti waanan hin yaannetu na mudate. Hawaasatti mana bitee itti galuu murteessera. Hojicha babal’isuun barbaada” jedha.
Nannichatti amma kaka’uumsi uumamuu irraa kan ka’e namoonni biroos dorgomuuf qophaa’aa akka jiran hima Laggasaan.