Bunaafi Oromoo: Aadaafi hawaas-dinagdeen olitti

Oromoo biratti namni erga buna dhugee ka’ee, “Bunaa fi nagaa hin dhabinaa” jedha. Ummatoota Itoophiyaa hunda biratti bunni iddoo guddaa qaba. Nyaataa fi dhugaatii bira darbee tajaajila aadaa fi hawaas-dinagdee keessatti dhimma itti bahama.

Aadaa, afoollii fi safeeffannaan buna waliin walqabatee jiruufi jireenya guyyuu Oromoo keessatti calaqqisu danuu fi bal’aa ta’uu Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan aadaa waa’ee bunaa irratti qorannoo PhD adeemsise BBC waliin turtii taasiseera.

Jechi buna jedhu eessaa dhufe?

Oromoo biratti bunni mukadhas, mukas miti kan jedhan Dr. Jiraan, “namoonni biyya alaa keessumaa warreen Arabaa gaafa buna argan gara maqaa isaaniitti harkisanii waamaa turaniiru,” jedhu. Akka yaada isaanitti jechi buna jedhu jaarraa dheeraa dura iyyuu Afaanuma Oromooti.

Ragaan Dr. Jiraan akka fakkeenyatti dhiyeessan keessaa “Bunnoo” kan jedhuudha. Bunnoo kan jedhu maqaa buna jedhu irraa akka dhufe jaarsoliin akka raga bahan dubbatu.

Afoola fi seenaa buna nama Kaalid kan re’ee tiksu tokkotu argate kan jedhu Dr. Jiraan hin fudhatan. Inumaayyuu seenaa warri Arabaa fi adiin barreessanii ittiin uummata keenya afaanfajjeessaniidha jedhu.

Fakkeenyaf uummata Lixa Itoophiyaa jiran biratti Oromoonni Maccaa gara Lixaa jiran waa’ee nama Bunoo jedhamuu himu.

“Oromoonni Maccaa Bunootu jalqaba buna argate jechuun himu. Ijji bunaayyuu dhiiga, lafee fi foon Bunoo keessaa bahe afoola jedhutu jira. Namoonni keenya baay’een amma afoola kana dagatanii jiru” jechuunis dubbatu.

Gama biraatiin ammoo nyaataa aadaa fi dhugaatii Oromoo ta’uun cinaatti sirnoota jila Oromoo keessatti bakka guddaa qabaachuu irraa kan ka’e maddi bunaa Oromoo ta’uu dubbatu. Aadaa Oromoo keessatti maqaan namaa, maqaan lafaa, afoolli Oromoo hundi walitti ida’amuun hariiroo cimaa Oromoon buna waliin qabu ragaa akka ba’anis kaasu.

Jireenya guyyuu Oromoo keessatti gaheen bunaa hedduu ta’uu kan dubbatan qorataan kun, ija hawaasaatiin bunni gosoota lamatti qoodamuu kaasu.

Bunni inni aadaa hawaasaa keessatti dhimmoota hawaasummaa fi amantaa ykn jiloota gara garaatiif oolu buna isa ganamaa ykn aadaati. Bunni aadaa karaa hedduun jiruufi jireenya Oromoo walii hariiroo guddaa qabaachuus dubbatu, qorataan kun.

Bunni aadaa maqaa gara garaatiin hawaasa biratti akka beekamu fi keesumaa godina Jimmaatti buna aadaa, buna keenya, buna Oromoo, buna gurraacha, buna ganamaa, buna durii, buna ilma dhaalchistu, buna baggajjaa guddaa umurii dheeratu, buna obsaa kan hin jarjarre jechuun akka waaman himu, Dr. Jiraan.

Hawaasichis buna aadaa kana naannoo gosa gara garaa 12-15 qabaachuu dubbatu. Oromoo Maccaa biratti bunni ganamaa kan jiloota aadaa raawwachuu keessatti bakka kan qabu yoo ta'u Oromoonni Maccaa fi Jimmaa buna kana yeroo ibsan Oromootti fakkeesssu.

“Bunni kun hanga labata lama, sadii jiraachuu danda’a. Amalli isaas, buna erga dhaabdee booda ganna shan, jaha obsee daggala keessa taa’uudhaan gahudha. Amala buna kanaa amaluma uummata Oromootti nameessu. Bunni inni kun akkuma Oromoo hin jarjaru, suuta suuta jedha. Kanaaf buna keenya jenna.

Gaafa waa’ee bunaa odeessan illee gulummoo ‘isa’ jedhu fayyadamuun saala dhiiraatti fakkeessu. Akka dhiiraatti ilaalu. Hojiin bunaas hojiidhuma dhiiraati,” jechuun hawaasa Oromoo Jimmaa wabeeffachuun dubbatu, qorataan kun.

Gosti bunaa lammaffaan buna ammayyaati. Bunni kunis bara mootummaa Dargii naannawaa bara 1969tti weerara dhukkuba koleeraa bunaa kan karaa Keeniyaa biyya seeneen walqabatee hubaatiin oomisha bunaarra gahuu irraa kan ka'e buna dhibee dandamatu fidan. Bunni kun hawaasa biratti buna ammayyaa jedhamee beekama.

Amalli buna ammayyaa kan buna aadaatiin faallaa akka ta'ee fi buna ammayyaa kana namni "ishee" jedhaa waama.

“Bunni kun gaafa dhabdus gadi hin fageessitu, kan aadaa garuu hordaadhaan horditee gadi fageessitee dhaabda. Bunni isheen kun dhaabdee gaafa waggaa lamaa, sadii ija naqatti. Yeroo naqatu garuu baay’ee naqatti waan ta’eef nama bayyanachiisti; daftee nama qaqqabdi. Akkuma naqataa ishee dhamaatii baay’ee barbaaddi.

Kanumaan walqabsiisee, “Naa gugguufi, siin gugguufaa siin jetti bunni ammayyaa,” jedhee mammaaka, hawaasni. Yoo ati baay’ee naa dhamaate, anis akkuma sanattan siif kenna yaada jedhu ofkeessaa qaba,” jechuun himu.

Hawaasni Oromoo Jimmaa gosa buna ammayyaa kana durba yeroo malee daftee guntuttee heerumtee, yeroo malee ilmaan horattee, caccabdeetti akka fakkeessu."

“Bunittiin qaqal’oo wayiiti malee akka isa kan aadaa sanaa bagggajjaa miti. Loon illee yoo itti rigatan hin dandamattu. Sanyiidhumti ishee illee yeroodhaa yerootti waan fooyyoftuuf ni gegeeddaramti. Kanaaf, qotee bulaan amala buna gara garaatti baruuf ni ko’oommata” jedhu Dr. Jiraan.

Aadaa Oromoo keessatti bunni bakka akkamii qaba?

Bunni foolii waan isatti dhihoo jiruu waan ofitti harkisuuf miiccamuu qaba. Akka Dr. Jiraan jedhanitti hawaasni Maccaa naannoo Jimmaa jiru waa'ee bunaa gaafa dubbatan lakkoofsa hir'uu wajjin wal qabsiisu- sadi, shan, torba,... Hawaasni Macaa naan“Hawaasni Maccaa naannawaa Jimmaa yeroo waa’ee buna sitti himu lakkoofsa wayii waliin walitti hidhanii dubbatu,” kan jedhan Dr. Jiraan, fakkeenyaaf, “bunni maangoo miicama.”

“Bunni yoom si’a meeqa miicama? gaaffiin jedhuyyuu aadaa ofiisaa qaba. Fakkeenyaaf, bunni manaaf danfu, si’a sadii miicama: abbaa manaa, haadha manaa fi ilmaan isaanii bakka bu'a jedhu.

Gaafa waaqa kadhachuun ykn duwaa’ii gochuun jiraatu ammoo lakkoofsa namootaa irratti hundaa’uun si’a torbas, sagalis, sanaa olis akka miicamu dubbtu.

Akka Dr. Jiraan jedhanitti bunni guyyaatti al-sadii dhugama. Bunni mallatto nageenyaati waan ta’eef warri nagaa qabu guyyaatti yeroo sadii: ganama, guyyaa fi galgala buna dhaabbata.

Bunni ganamaa kan "ija banaa" jedhamuun beekama. Maatin gara hojiitti osoo hin bobba'in dura dhugu.

Buuni guyyaa ammoo kan hagas mara filatamu otoo hin taane buna amalumaaf jecha bakka hojiitti dhugamuudha.

Bunni galgalaa erga maatiin hunduu manatti galee booda gara waarii kan danfuudha. Yeroo baay’ee buna galgalaa irratti ollaan wal hin waamu; maatiidhumatu dhuga. Keessumaa abbaa manaa fi haadha manaa walitti urgeessa jedhama.

Dr. Jiraan qorannoo buna irratti yeroo gaggeessan: "Ijoolleen keessan yoom buna dhuguu jalqabu, jedhee yeroon gaafadhu, ‘ijoolleen keenya durumaanuu bunaan dhalatti; bunumaan mirqaannee wal horra’ naan jedhan,” jechuun hariiroo bunnii fi hormaanni qaban dubbatu.

Bunni waan amantaas ofkeessaa akka qabutu himama. “Gaafa dubartiin ciniinsifattus, otoo hin hiikamin dura dubartoonni buna danfisuun aara bunaa itti aarsu. Kanas kan taasisaniif, ‘aara bunaa qofatu Waaqa bira gaha’ amantaa jedhuuni."

Aarri kun erga Waaqa bira gahee, dubartii ciniinsifachaa jirtu sanaaf deebii fidee akka isheen hiikamtu godha” jedhuun, aadaa hawaasichaa kaasuun ibsu.

Lakkoofsi sadii karaa hedduutiin buna waliin walqabatee akka ka’u kan himu, qorataan kun, “bunni si’a sadii daraara. Akkuma si’a sadii daraaru, irraa jalaan si’a sadii ija naqata, akkasumas si’a sadii funaanama," jechuun dubbatu Dr. Jiraan.

Bunniifi nagaan waliif maali?

Bunnii fi nagaan hariiroo qabaachuu qofa osoo hin taane, bunni mataan isaayyuu nagaa ta’uu kaasu ogeessi kun.

“Warra nagaan buletu ganamaan ka’ee, mana aarsee buna danfifata; ollaan ganamaan ka’ee mana hin aarsuu taanaan, buna ennaa tumu hin dhaga’amu taanaan rakkoon jiraachuu mala jedhamee shakkama" jedhu Dr. Jiraan.

Yeroo bunni danfes ollaan wal waamuun buna dhuga, nagaa wal gaafata, wal iyyaafata. "Ebelu maal ta'ee buna dhufuu dhiise?" wal qoratu.

Namni gaafa wal waamee buna dhugu, waan hawaasummaa, nagaa, taatee haaraa fa'aa odeeffannoo wal jijjiiru.

Bunni yeroo baay’ee dabareedhaan ollaan wal waamee waliin dhuga, keessumaa buna ganamaa irratti.

Namni tarii buna waamamee hin dhufne maalif akka hin dhufne waan wal iyyaafataniif waltajjiin buna dhuguu waltajjii itti ollaan nageenya walii isaa hordofuudha.

Bunaa fi Afoola Oromoo

Afoola buna waliin walqabtee jedhamu ilaalchisee, bakkaa bakkatti garaa garumaan jiraachuu kan himan qorataan kun, naannawaa Jimmaatti safeeffannaa bunaa baay'etu jira.

Gara Wallaggaa ammoo geerrarsi waa'ee bunaa akka jiru himu.

Fakkeenyaf: “Keessummaan otoo karaa deemuu mana keetti goree yoo buna si gaafate dhoowwachuun safuudha."

"Maasaa bunaatiinis walqabsiisee hawaasni naannawaa kanaa waan safeeffatu danuu qaba. Bunni nageenya barbaada waan ta’eef, maasaa bunaa keessatti hin geeraran, hin weeddisan, hin dhaadatan, walumaa galatti, hin iyyan," jechuun safeeffannaa waa'ee bunaa kaasu.

Itti dabaluunis, "Maasan bunaa qulqullina barbaada waan jedhamuuf, horii du’e achitti hin gatan, sibiila qaraa sodaachisoo ta’an kan akka eeboo, qottoofaa baatanii maasaa buna keessa hin deeman. Bunni nageenya waan ta’eef, buna sodaachisuu, naasisuu hin qabdu ilaalcha jedhutu jira,” jedhu Dr. Jiraan.

Wallaggaa ammoo weeddu fi geerrarsa bunaan wal qabatutu jira. Bunni bu'uura diinagdee cimaa namni qabaachuf dhama'us akka ta'e geerrarsaan ibsama:

Kubur dachaa muka arbaa

Inni nyaate afaan darbaa

Reefun hubadhee argaa…

Af hamman harree bitaa, harreen baataa bunaatii

Af hamman tarree lixaa, tarree nyaataaf dhugaatii

Yaa buna hin daraarinii, hamman harree bituttii, harreen baataa bunaatii

Yaa du’a na hin waaminii, hamman tarree lixuttii, tarree nyaataaf dhugaatii

Geerrarsi kun buna dhaabanii, sooromanii, dinagdeen of danda’anii, hiriyaan gituu, ijaarrachuu, naqachuu, qalachuu mul’isa.

Kana qofa osoo hin taane, durbi illee ittiin dhiira doorsisti jedhu, Dr. Jiraan. Durbi nama jabaa dhama’ee buna dhaabbatee dinagdeen jabaate barbaaddi waan ta'eef akkana jechuun weeddisti:

Asoosaa hin dhaqin in duutaa

Kurmuu hin dhaqin bool’a buutaa

Buna dhaabbadhuu itti soqi

Isaan naqattee na fuutaa

Oromoo biratti eebba bunaa gara baacotti jijjiirun hawaasni yeroo ittiin wal gorsus ni mul'ata.

Bunaaf nagaa hin dhabinaa

Bunaaf gabaa hin dhaqinaa

"Bunaaf gabaa hin dhaqinaa!" yaanni jedhu, waan danfistan dhabdanii bittaa gabaa hin dhaqinaa, ofuma qe’ee keessa dhaabbadhaatii irraa funaannadhaa dhugaa gorsa jedhu ofkeessaa qaba.

Bunni araada yaanni jedhu dhugaa ta’uu kan kaasan, qorataan kun “garuu Oromoon waan ofii yoo araade homaa rakkoo hin qabu.

Yaada bunni fayyaa namaa irratti dhiibbaa qaba jedhu irratti yaada walfalmisiisooo gara garaatu jira. Hawaasni Oromoo nuti gaafa buna dhuguu dhiisne fayyaa dhabna jedha,” jechuun dubbata.

Dubbiin bunni gama aadaatiin jiruuf-jireenya guyyuu Oromoo keessatti qabu kana qofa akka hin taane kan dubbatan, Dr. Jiraan akkaataan itti buna ciran, gogsan, manatti qodaa akkamii keessa akka kaa’an hundi aadaa fi beekumsa hawaasichaan hariiroo qabaachuu kaasu.

Haala qabatamaa amma jiruun bunni waan aadaa caalaa gara daldalaatti, gabaatti xiyyeeffannoo cimaa kennaa waan jiruuf, hawaasni waan aadaa, beekumsa bal’aa bunaa fi adeemsa oomisha bunaa akkasumas buna danfisuu, dhuguu, olla waamuu waliin walqabatee jiru beekuu, gabbisuu fi itti fufsiisuu qaba jechuun dhaamu Dr. Jiraan.