Dorgommii buna shiiniin doolaara 65tti, kiiloon doolaara 330’tti gurgurchise

Dorgommiin qulqullina bunaa irratti xiyyeeffate, Cup of Excellence, jedhamu waggoota 20 darbaniif biyyoota buna oomishan keessatti gaggeeffamaa tureera.

Dorgommiin kun Itoophiyaatti bara darbe kan eegale yoo ta'u, kaayyoon isaas buna filatamaa adda baasuun daldaltoota bunaa bebbeekamoo addunyaatti caalbaasiidhaan gurguruudha.

Qonnaan bultoota buna oomishan, dhandhama bunaa biyyattiin qabduu fi oomishtoota bu'aa bunaa addunyaatti beeksisuunis kaayyoo dorgommii kanaati.

Itoophiyaa keessaa naannolee buna oomishuun beekaman keessaa tokko Sidaamaadha.

Jiraataa naannoo Sidaamaa, ganda Qaxanaa kan ta'e Taammiruu Taaddasaa, ''namni Sidaamaa keessatti guddate kamuu waa'ee bunaa ni beeka. Daldaltoonni naannochaa baay'een buna daldalu,'' jedha.

Barnoota Elektirikaal Injinariingiin digirii lammaffaa (MA) kan ta'e Taammiruu Taaddasaa, barnootasaa cinaatti dhaabbata buna gara biyya alaa ergu keessatti qacaramee hojjetaa turuu hima.

''Digirii lammaffaa (MA) yuuniversitii Finfinneetti osoon baradhuu dhaabbata Dukkaale Waaqayyoo jedhamutti qacaramee waggaa ja'a hojjedheera. Waa'ee bunaa yeroo sanan bare,'' jedha.

Muuxannoo erga gabbifatee booda dhaabbata oomishaa bunaarratti hojjetu kan mataasaa waggaa darbe hundeesse.

Taammiruu Taaddasaa hojii oomisha bunaa hojjechuuf dirqama hojii qonnaatti galuun dirqama miti jedha.

''An oomisha bunaa ooyiruu irraa hin qabu. Qonnaan bultootarraan walitti qaba. Qonnaan bultoota 400 ta'an irraan argadha,'' jedhe.

''Bara darbe bunni kiiloon tokko doolaara 407'tti gurgurameera''

Waggaa darbe Itoophiyaatti kan eegale dorgommiin Cup of Excellence, sababa koronaavaayirasii akka yaadame ta'uu baatus, daldaltoonni hedduun irratti hirmaatanii bitaniiru.

Dorgommii kanarratti sanyiiwwan bunaa hunda caalaa filatamaa ta'antu dhiyaatu waan ta'eef, dorgommichi ulfaataa ture.

''Gosoota bunaa 1,864 dhiyaatan keessaa 40 filannee gara biyyoota sddeetii ergineerra,'' jedhan dhaabbata Cup of Excellence kan damee Itoophiyaatti gorsituu kan ta'an Qiddist Mulugeetaa.

''Kanatti aansuun gosoota bunaa 40 kunneen daldaltoonni caalbaasiidhaan bitu. Bunni dhandhama addaa qabu kun buna Itoophiyaati. Dhandhama addaa waan qabuuf daldaltoonni caalbaasiin bitu,'' jedhan Aadde Qiddist.

''Bara darbe bunni kiiloon tokko doolaara 407tti gurgurameera. Kun gatii isa guddaadha. Qonnaa bulaa naannoo Sidaamaa Nugusee Gammadaa jedhantu gatii kanatti gurguran.''

Bara darbe bunni tokkoffaa ba'e keeshaan torba kan gurgurame oggaa ta'u, keeshaan tokkos kiiloo 60 kan qabatuudha.

Baranas kan mo'ate naannoo Sidaamaarraa Taammiruu Taaddasaati.

''Buna keeshaa 24 qofatu eeyyamama''

Bara darbe namnui mo'ate hiriyaasaa ta'uu kan himu Taammiruu Taaddasaa, isarraa baratee kan isarra fooyya'u akka dhiyeesse hima.

Buna gosa lama qabatee dhiyaatee lamaanittuu milkaa'eera, lameen keessaa tokko tokkoffaa, kaan ammoo shanaffaa ba'e.

''Kan eeyyamamu hang abuna keeshaa 24 waan ta'eef anis kanan dhiyeesse. Keeshaan tokko kiiloo 60. Kanaafuu kan tokkoffaa ba'e kiiloo 1,440, shanaffaa kan ba'es akkasuma kiiloon tokko hanga doolaara 330tti gurgurameera.''

''Caalbaasiif kan dhiyaate kiiloo 1440 guutuusaa miti. Samudi keessaa fudhatamuun alatti waan ergamuuf, akkasumas wayita caalbaasiif qopheeffamu kan keessaa ba'u waan jiruuf kiiloo 1140tu dhiyaate. Sadarkaa tokkoffaa kan ba'e doolaara kuma 364tti, shanaffaa kan ba'emmoo doolaara kuma 67tti gurgurame. Sharafa amma jiruun naannoo birria miiliyoona 19tti gurgurameera,'' jedha Taammiruu Taaddasaa.

Buna Taammiruu maaltu adda godha?

Haalli qilleensa naannoo fi biyyoo gabbataan bunaaf barbaachisu bakka bunni Taammiruu dhufu, Sidaamaa jiraachuun gosa bunaa inni dhiyeessu filatamaa taasiseera.

''Bakka inni itti oomishamu yoo ta'e malee wanti adda godhu hin jiru. Gosti bunaa 74158 fi 74165 jedhamu nu qofa biratti osoo hin taane bakka biraattis ni argama. Lafa olka'aa irratti kan biqiluudha. Bakkasaa qofatu buna kana adda godha,'' jedha Taammiruun.

Dorgommii akkanaarratti hirmaachuun maallaqa argachuu qofaaf osoo hin taane, beekamtii argachuu fi daldala alergiif haala kan mijeessuudha jedha Taammiruun.

''Badhaasi kan hundaati''

Sababa dorgommii Kanaan oomishtoonni bunaa faayidaa maallaqaa fi beekamtii guddaa argatu waan ta'eef carraa guddaadha jedhan Aadde Qiddist.

Namni buna oomishu tokko yoo mo'ate, namoonni gosa bunaa sana oomishan hunduu ni fayyadamu. Faayidaan kan biyyaati.''

Taammiruu Taaddasaa maallaqaa dorgommii kanarraa argateen hojii oomisha bunaa babal'isuu fi qonnaan bultoota buna oomishan tumsuuf karoora akka qabu hima.

Dorgommii bara dhufuurratti buna baayyee dhiyeessuu baatus akka hirmaatu garuu himeera.

Namoonni karaa Cup of Excellence oomisha bunaa caalbaasiif dhiyeessanii fi bitan, buna akaayuu irraa jalqabanii sona adda addaa itti dabaluun gabaaf kan dhiyeessaniidha.

Wayita gurguranis maqaa Cup of Excellence jedhuun gatii guddaan gurguru. Kanneen kaaffeewwan gurguddaa keessatti baay'inaan gurguranis jiru.

''Bara darbe bunni tokkoffaa ba'e Landan keessatti shiiniin tokko doolaara 65'tti gurgurame. Innuu akka beeksisaatti guyyaa kana hanga kanaatti jedhamee himameeti kan dhiyaate,'' jedhan Aadde Qiddist.

Dorgommiin kun ulfaataa ta'uu kan himan Aadde Qiddist, namni ulaagaa guutu hunduu akka doromu dhaaman.

''Sanyiin bunaa tokko dhiyaachuuf eessaa ka'ee eessa ga'e kan jedhu, adeemsa keessa darbe hunda ragaadhaan dhiyeessuu barbaachisa. Odeeffannoo sirrii bakka bunni itti oomishamee ni barbaanna. Ragaan abbaa qabneeyummaa mirkaneessus dhiyaachuu qaba. Kana dhiyeessuu kan danda'u hundi dorgomuu danda'a.''