Gabaa fi dhiyeessiin bunaa Itoophiyaa maaliif hir'ate?

Bunni Itoophiyaa waggootii muraasa darban keessatti galii dolaara biiliyoona tokko ta'u biyyaaf argamsiiseera.

A.L.I bara 2015'tti bunni toonii kuma 240 ol ta’u gabaa idil addunyaatti dhiyaateera.

Bara kana biyyootiin buna Ittophiyaa hedduminaan bitan kan akka Sa’udii Arabiyaa, Jarman, Ameerikaa, Kooriyaa, Beeljiyeem, Jaappaan fi UAE dha.

Bara kana karoorri ture buna toonii kuma 360 ta’u gara gabaa idil addunyaatti dhiyeessuu ture.

Sadarkaan galii yoo ilaalame ammo, kaayyoon ture doolara biiliyoona 1.8 argachuudha.

Kan waggaa duraa waliin yeroo walbira qabamu bunni barana dhihaate gara toonii kuma 60’n hir’iiseera.

Hangi bunaa gabaatti dhiyaatuu hir’isuu isaaf sababootni adda addaa ni himamu.

Rakkoo guddaadha jedhamuun kan Hoogganaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa, Dr Addunyaa Dabalaan ibsameeru, fedhii fi gatiin buna addunyaa hir’isuu isaadha.

Itoophiyaa bakkeewwan tokko tokko rakkoon nageenyaan jirus, bunni gabaaf akka hin dhiyaanneef guufachiisa akka jiru himu.

Naannolee tokko tokkotti buna gara %50 ta’u gabaatti dhiyeessuun hin danda'amne jedhamuun miidiyaa biyya keessaan gabaafamee ture.

Dhimm kana irratti kan gaafataman qondaalli kuni bakkeewwan rakkoo nageenyaa qaban Gujii fi Wallaggaa keessatti “gara jalqabaa irratti al ergiin bunaa haalli itti hir’ise jira ture.

''Hanga kana bunni hir’iseera jechuun garuu kan harbeeffamedha,” jechuun Dr Addunyaan ibsaniiru.

Bara darbe bunni toonii kuma 300 gabaa addunyaaf dhiyaachuu fi barana ammoo toonii kuma 240 kan ta’u dhiyaachuu isa himaniiru.

Dhiyeessi bunaa biyya keessa jiru irratti hanqinni akka hin jirre ibsaniiru.

Ammas “ bunni gara biyya alaatti ergamu ga'aa ta’e harka keenyarra jira,” jedhan.

Keessumaa bunni naannoo Oromiyaa irraa dhiyaatu hir’iseera jedhamuu isaa akka hin fudhanne Waldaa Qonnaan Bultooota Bunaa Oromiyaatti, hogganaa kutaa daldalaa kan ta’an Obbo Mittikuu Baqqalaan ibsaniiru.

Godinaalee Oromiyaa 12 buna oomishan waliin akka hojjetan ibsuun, godinaalee kunneen keessatti “miidhaan ga’e” akka hin jirre himan.

Naannoo Sidaamaa irraa buna gara biyyootii alaatti kan erganii fi maqaan isaanii akka himamu kan hin feene namni tokko gama isaaniin, naannoo isaaniirra bunni alatti ergamu yaaddoo adda addaan akka gufateeru dubbatu.

Sababiin inni jalqabaa gatiin buna addunyaa hir’isuu isaadha. Keessumaa weerara Covid-19 booda addunyaa keessatti diinagdeen qabbanaa’ee waan tureef, fedhiin buna bitachuu hir’isuu isaa ibsaniiru.

Gabaa addunyaa utuu hubannoo keessa hin galchiini fi gatiin birrii hir’isuu danda'a yaada jedhuun, ji'oota bunni itti sassaabaman, ji’oota Muddee fi Amajjii keessa daldaltoonni gatii guddaan buna bituu isaanii himu.

Biyya keessatti bunni gara birrii 6,500 bitame gabaa addunyaa irratti birrii 5,500 kan ta’ullee hin argamsiisu jedhan.

Kanadha “gatii gabaa addunyaa waliin haala wal hin simne fakkaatuun gatii guddaan [kan] bitame,” kan jedhu.

Gatiin bunaa hir’isuu isaan kan walii galan Dr Addunyaan, “bara darbe waliin yemmuu madaalamu gatiin buna addunyaa %30 oliin hir’iseera,” jedhu.

Waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegaluu isaan booda diinagdeen addunyaa waan qabbanaa’eef, fedhiin buna bituus haaluma sanaan akka hir’iseeru ibsu.

Rakkoo kana hambisuufis, qonnaan bultoonni, dhiyeessitoonni fi daldaltoonni buna biyyootii alaatti ergan yeroodhaa yerootti gatii buna addunyaa akka beekan taasifama jira.

Karoorri kanaa ammo gatiin bunaa kan biyya keessaa, gatii bunaa kan addunyaa irratti hundaa’uun akka baafamu gochuufidha.

Rakkoon biraa jiru fedhiin hir’isuu isaa waan ta’eef, bakkeewwan gabaa haaraa uumuuf hojjetamaa jiru.

“Carraa gabaa haaraa barbaaduu, gabaa kana dura keessa turuuf carraa bal’isuu,… keessumaa gabaa kibbaa fi baha Eeshiyaa keessa seenuuf hojiiwwan hedduu bal’inaan gaggeeffamaa jira,” jedhu Dr Addunyaan.

Daldalaan bunaa Sidaamaa dubbisne rakkoo jiru kan bira yemmuu ibsan, baankooliin sadarkaa liqii kennuu dhiyeessu dhiisaniiru jechisiisurra waan jiraniif “maallaqa callaa kan kaffaluu danda’u hin jiru” jedhu.

Kana dura kontiraata gurgurtaa utuu hin qabaatiinillee liqaa argachuun ni danda’ama ture kan jedhan daldalaan kun, amma garuu “ kontiraata yoo qabaattes, dolaara yoo gashitees,” liqii argachuun cimaa ta’eera jedhan.

Haala jiruu waliin yeroo ilaalamu kun odeeffannoo sirrii miti kan jedhan Dr Addunyaan gama isaaniin “ liqiin ga’aa kennameefii buna bitaniiru,” jedhu.

Daldaltooti buna kana kan gabaa addunyaatti hin dhiyeessine, haala gabaa addunyaa hubannoo keessa hin galchineen buna waan bitaniif ta’uu isaa dabaluun ibsaniiru.

Daldalaan Sidamaa rakkoon biraa, kan loojistikii fi saamichaas akka isaan qunnamu ibsaniiru.

“Daandii irratti waan si qunnamu hin beektu, bunni ni hatama, konteenaratti erga fe'amee boodayyuu Jibuutiitti hatamuu danda’a,” jedhu.

Dhiyeessotii buna kalattiin daldaltootaaf akka dhiyeessaniif adeemsi qophaa’eeru jira.

Adeemsa kana hordofuun wiirtuu hawaasaatti sadarkaa bunaa irratti odeeffannoon ni kennama.

Gaggeessaan taasifameefis gara wiirtuutti geeffama. Odeeffannoon kun hanga bunaa, sadarkaa, lakkoofsa gabatee konkolaataa fe’umsaa fi eenyummaa konkolaachisaa of keessatti kan qabatedha.

Odeeffannoo kana fayyadamuun bunni kun keellaa adda addaa darbee Finfinnee ga’uu isaan dura keellaan guddaa isa eeggatu kan Tulluu Diimtuu jirudha.

Keellaa kana erga darbee booda garuu yeroo tokko ol bunni hatamuu isaa daldalaan kun BBC’tti himaniiru.

Daldalaan kun akka jedhanitti 'qaamoleen nageenyaa mootummaa' hidhata qaban, “waan biraa feetee jirta ni barbaadamta jechuun konkolaachisaa qabanii” buna konkolaataa keessaa baasani gara biraatti fudhatu.

Haala kanaan konkolaataan bade jedhamee ture guyyootii booda argamuu isaa himu.

Wanti wal fakkaataan namoota inni beeku lama mudachuu isaas dubbatu. Mudannoo tokko irratti saamichi harkaa harkatti qabamuu isaa ibsaniiru.

Samicha kana keessatti kan hirmaate ekispoortara ta’uu isaa himuun “Buna miicamedhaam kan saamame. Buna miicame kara deemaan kamuu saamuu hin danda’u.

''Sababiin isaas bunichi qola qaba. Qola sana eenyuyyu irraa kaasuu hin danda’u. Cimaa waan ta’ee maashina guddaa barbaada.

''Maashina kana ammo mootummaan eeyyama kenneefi nama kireeffatee, buna kana akka biyya alaatti ergu fakkeesse waraqaa sirriin fe’uumsarraa buusee, maashina kanaan felfelee buna kana gabaa Markaatootti gurgurata,” jechuun ibsaniiru.

Saamicha kana keessatti hirmaachuun namni harkaa harkatti qabame homaa adabbiin akka itti hin murtoofne daldalaan kun gaabbiin himu.

'Yeroo baay'ee nama gaddisiisu keessa jirra'

Kuusaa isaan itti hojjetan keessaas irra daddeebiin bunni miiliyoonaan tilmaamu kan jalaa bade ta’us, dhimmicha ilaalchisee namni to’annoo jala oolfame akka hin jirre ibseera.

“Gara fuldaaraattis kun hojii eksipoortiif yaddoodha” jedha.

“Omisharra rakkoon hin jiru. Kuusaa keessa bunni guuteera. Gabaan qaalii waan ta’eef bade. Daldalaan rakkoo nageenyaa sodaate buna hin fe’u.

''Amma gara Finfinnee fiduunis, kuusaa keessa kaa’uunis sodaachisaa waan ta’eef, utuu hin mirkaneeffatiin fiddee gabaa hin barbaaddu,” jedhu.

Ji’ootii lama ykn sadii dura wantoonni akkanaa ni mul’atu ture kan jedhan Dr Addunyaan “ kana irratti poolisii federalaa fi bulchiinsa Finfinnee waliin ta’uun, buna Finfinnee seenaniif eegumsi akka kennamu taasifame yeroo ammaa rakkoon homti hin jiru,” jechuun deebii kennaniiru.

Obbo Mitikkuun ammoo gama isaaniin saamicha ilaalchise miidhaan waldaa isaanirra ga’e akka hin jirre BBC’tti himan.

Kanarra, sababa rakkoo nageenyaan rakkinni qulqullina bunaa isaan mudachaa akka jiru ibsu.

Buna tokko tokkoon qubaan funaanamuu utuu qabu, sababa sodaatiin buna kana ariitiin walitti harkisanii sassabuu yaalu.

“Bunichi ni rifata. Kun ammo qulqullina hir’isa. Kan bara kanaa qofa osoo hin taane bara itti aanuttis bunni qulqullina hin qabne akka oomishamu taasisa.

''Sababa kanaan bunni kun yemmu nu bira ga’u kan bitu dhaba,” jedhu.

Qulqullina bunaa irratti hojiin hedduu hojjetamuu kan himan Dr Addunyaan, leenjii fi paakeejii qulqullinaa irrattis akka hojjetamaa jiru ibsaniiru.

Dabalataan ammo wiirtuulee dhamdhama bunaa gara naannoleetti gadi buusuuf yaaduun, Jimmaa fi Hawaasaa keessatti hundeeffamuu isaa ibsaniiru.

Daldalaan naannoo Sidaamaa irraa buna gara biyya alaatti ergu, buna harkasaa jiru gabaaf dhiyeessus “daldaltoonni biroo garuu waan uumamu eegaa jiru. Bunni namoota hedduu kuusaa keessa taa’ee jira,” jedhan.

Furmaatni isaa maal ta’uu mala kan jedhuuf, “daldalaan akka kasaaru beekee, sammuu isaa amansiisee gabaatti baasuu qaba. Hojii bunaa irratti yeroo baay'ee nama gaddisiisu keessa jirra.”

“Bunni al takkaatti konteenaratti feenu gara birrii miiliyoona kudha wayii ta’a. Kun badee eenyuyyu gargalee na hin ilaalu jechuudha.

''Biyya kana irratti amantaa akka dhabduu fi abdii kutattee akka baatu si godha.

''Mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennee hojechuu qaba. Abbootiin taayitaa namoota hojii kana keessa jiran waamanii rakkoo maaltu jira jechuu qabu.

''Abbootiin taayitaa utuu quba qabanii kan callisanii fi kan dhimma hin qabne hedduudha,” jedhan.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itoophiyaa, waggootii lamaan dhufan keessatti galiin bunarra argamu doolaara biiliyoona lamaa ol akka ta’uuf hojjeechaa jiraachuu ibseera.

Omishni ga’aan jiraachurra darbee bunni haaraan gara omishaatti ni gala jedhamee eegama. Qulqullina irrattis xiyyeeffannoon kennameera.

Dr Addunyaa akka jedhanitti, “galma gabaa keenya bal’isuun, haalli diinagdee addunyaa yoo foyya’iinsa agarsiisee fi waraanni Raashiyaa fi Yuukireenis haaluma sanaan yoo sirrate, karoorri keenya milkaa’uu danda’a jenne abdanna.”