Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lubni Balaay hidhaa waggaa shan manni murtii itti mure ol iyyachuuf
Lubni Balaay Mokonniin kan maallaqa doolaara miiliyoona jaha ol ragaa dogoggoraan baasuuf yaalaniiru jedhamuun shakkamanii baatiiwwan dura to'atamanii turan har'a hidhaa waggaa shanii fi adabbiin birrii kuma kudhanii itti murtaa'e.
BBC'n abukaaatoo isaaniirraa akka odeeffatetti, Lubi Balaay fa'i adabbii itti murame ol iyyachuuf jedhu.
Murtee kana Mannii Murtii Federaalaa ramaddiin Lidataa, dhaddachi dhimma malaammaltummaa qoratu murteessuutu gabaafame.
Himatamtoonni kaan lama Luba Balaay waliin himanni tokko irratti banamee ture tokkoon tokkoon isaanii hidhaa waggaa afuriifi birrii kuma sadii akka itti murtaa'e FBC'n gabaaseera.
Luba Balaay dabalatee shakkamtoonni kaan yakka gowwoomsaa cimaa, maalammaltummaa raawwachuun himannaa irratti dhiyaate ture.
Lubni Balaay 'sobaan irratti qindaa'ee' akka to'ataman kana dura mana murtiitti himani.
Shakkamtoonni kaanis mana murtiitti dhihaachuun himannaa irratti dhiyaate waakkatani.
Erga murtiin darbee booda Lubni Balaay dhaddacharratti yaada yoo kennanii jiraatan kan gaafataman abukaatoon isaanii Obbo Yonaataan Zawudee, ''yaada hin kennine, kennuunillee hin barbaachisu'' jedhan.
Lubni Balaay Baankii Daldalaa Itoophiyaa damee Gamtaa Afrikaarra 'ragaa sobaan doolaara miiliyoona jaha baasuuf wayita yaalan' qabamanii Ebla darbe to'annoo jala oolan.
Mana Lubummaa Bataskaana Ortodoksi Tawaayidoo Itoophiyaatti hojii gaggeessaa ittaanaa kan turan Luba Balaay, mooraa Gamtaa Afrikaa kan dhaqan ''namootaan gowwoomfamanii'' akka ta'eefi dhaquurra kan darbe badiin raawwatan akka hin jirre kana dura mana murtiitti dubbatanii turan.
Akkasuma sanadi sobaa jedhame sirrii ta'uuf dhiisu hoggantoota baankiirraa mirkaneeffachuuf bakka sanatti argamuusaanii dubbataa turan Lubni Balaay.
Abbaan alangaa himatamtoonni kunneen himannaa irratti dhiyaate ofirraa hin ittisne jechuun namoota galmee Luba Balaay jalatti himatamanitti balleessaa mure.
Kana dura Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhimmi itti himataman mana amantichaan akka wal hin qabanne ibsitee turte.
Ol iyyannoo
Manni murtichaa Lubni Balaay irratti dhimmooota murtii salphisan afur dhaggeeffachuun hidhaa cimaa fi maallaqaan adabe.
Abbaan Alangee ''yakkichi waliigalteedhaan kan raawwatame waan ta'ef'' adabbiin akka cimu mana murtii gaafachuu abukaatoon isaanii Obbo Yonaataan Zawudee himu.
Yaadicharratti manni murtii ''sagalee caalmaadhaan'' itti murteessan jedhu abukaatoon.
''Gama keenyaan immoo morminee turre. Sani achimmoo yaada adabbii kan salphisu baay'ee dhiheessinee turre,'' jechuun BBC'tti himan.
''Dhukkubsataa waan ta'anif, maatii waan qabaniif, akkasumas kanaan dura yakkaan himatamanii balleessaa waan hin jedhamneef,'' kanneen jedhan akka adabbii salphisu dhiheessuu himan.
Kana dura yakki itti himataman hanga waggaa 15 akka adabsiisu abukaatoon BBC'tti himanii turan.
Yaada adabbii waan dhiheessaniif adabbiin ''saniif gadi salphate,'' jedhan abukaatoon.
Si'achi murtee kana Mana murtii Waliigalaa Federaalaatti akka ol iyyatan himan.
''Ol iyyanna, dirqama keenya'' jedhan. Manni murtii ol iyyannoo ilaaluus ''kana caalaa [adabbii] gadi buusuu danda'a'' jechuun BBC'tti himan.
Namoonni murteen irratti darbe guyyaa to'atamaniirraa kaasee akka raawwatamu ibsame.
Lubni Balaay Mokonniin Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa eenyummaafi Afaan Oromoo irratti dhiibbaa geessise jira jechuun ummanni Oromoo dhiifatama gaafatamuu qaba jedhan kanaan dura BBC dubbatanii turan.
Kana malees Mana Lubummaa Ortodoksi Tawaahidoo Oromiyaa hundeessurratti yaadasaanii kanaan dura ifatti dubbachaa turuun isaanii ni yaadatama.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.