Arteettaan ammayyuu waancaa Piriimer Liigii baranaa mo'achuu irraa abdii hin kutannee?

Maanchister Yuunaayitid yeroo ofiiyyuu kufaatii keessa jirutti Arsenaaliin qabxii lama gachisiise.

Buruunoo Fernaandez fageenyarraa rukuttaa adabbii argate lakkoofsisuun Yuunaayitid akka dursa qabatu taasise.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan Buruunoo Fernaandez ''nuufi murteessaatti baay'ee cime'' jechuun amane.

Kana kan jedhe ammoo akkaataatti Buruunoon kubba dhaabbatee fi rukutuuf murteessaa taphichaafi taphattoota Arsenaal itti gowwoomse ilaalchisuuni.

Kubbi Buruunoon rukute bakka taphattoonni Arsenaal ittisuuf dhaabatan irraa fageenya yaardii 11.2 (meetira 10.24128) irraa yoo tahu akka seeraatti silaa yaardii 10 (meetira 9.144) qofa fagaachuu qabu ture.

Kun ammoo akka inni bilisa tahee fageenyarraa kubbicha rukutee galchii lakkoofsisu isa gargaareera.

''Kubbi miilaa warra sammuu cimaa qabaniif. Buruunoonis kanuma raawwate.''

Arteettaan ''boqonnaan dura kubba to'achuun isaan caallee ture. Garuu gara galchiitti yeroo dhiyaannu hojii gahaa hin hojjenne,'' jedhe.

Gara dhumaatti carraa galchii tahu sadii argatanii ture. Deevid Raayaatu nu oolche. Inumaayyuu carraa taphicha injifachuu argataniiru jechuun taphaan booda dubbate.

Leenjisaan Maan Yuunaayitid Ruuben Amoorim ammoo osoo taphattoota sadii afur akka Buroonoo Fernaandez qabaanne kilebni kun haala ammaa kana keessa hin galu ture jedhe.

''Gahumsa qofa miti. Dogoggoroota tokko tokko ni uuma. Garuu kubba waliinis tahe sochii inni kubba malee taasisu baay'ee murteessaadha.

''Yeroo hundumaa taphaaf qophiidha. Bakka adda addaa irra jijjiirtee yoo taphachiifte ni taphata. Yeroo galchii barbaannu inni jira. Kubba mijeessanii kennuuf Buruunoon jira. Taphataa addaati,'' jechuun Amooriim isa jaje.

Bara kana Buruunoon galchii Piriimer Liigii torba lakkoofsisuun Yuunaayitid keessaa dursaa jira. Waliigalaan galchii 12 lakkoofsiseera.

Yuunaayitid sadarakaa 14ffaa irra jira. Galchii 14 Yuunaayitid lakkoofsise keessaa ammoo Fernaandez gahee qaba.

Buruunoon erga gara Maanchister Yuunaayitid dhufee goolii 106 galcheera.

Goolii fi carraa goolii uumuudhaan Mohaammad Saalaa [177] fi Tootenhaam irraa Son Hing Miin [124] qofatu isa caalu.

Waancaa injifachuuf ''yoon du'e malee abdii hin kutadhu'' jedhanii kan ture Arteettaan amma abdiin isaanii jalaa waan dhumte fakkaata.

Waa'ee kanaa yoo gaafatamu osoo deebii gahaa hin kenniin aariidhaan kutaa ibsa kennan keessaa bahan.

Gabaabumatti ''amma deebii siif hin kennu. Garuu amma haala gaarii irra hin jirru'' jechuun xumure.

''Inni guddaan tapha har'a harkaa qabnu kana mo'achuu dhabuu keenya. Hammam murteessaa aka tahe ni beekna. Carraa wayii argachuuf tapha hundaa mo'achuu qabda.kana ammoo hin goone.''

Deklaan Raayis ammoo ''ammayyuu dorgomiin waancaaf goonu hin xumuramne. Nuyi Arsenaalidha. Hanga dhumaatti ni falmanna'' jedhe.

Taphoota sadan darban irratti Arsenaal qabxii gateera. Kun garaagarummaa Liiverpuul waliin qaban akka hin dhiphanne godheera.

Arsenaal waancaa Piriimer Liigiif Liiverpuul waliin morkii jabaatti ture. Liiverpuul qabxii 70 yoo dursu Arsenaal qabxii 55 qaba. Liiverpuul waancaa injifachuuf qabxii 27 injifachuu danda'u keessaa 18 argannaan isa gaha.

Liiverpuul Shaampiyoonsi Liigiidhaan tapha jabaa PSG waliin qaba. Paarisitti galchii 1-0 injifatee haa deebi'u malee haalli taphichaa hedduu ulfaataa ture.

Taphattoonni PSG 'Aanfiildi irratti injifachuun akka marsa itti aanutti darbinu shakkii hin qabnu jechaa jiru. Leenjisan isaaniis akkasuma.

Kun ammoo taphattoonni Liiverpuul akka baay'ee dadhaban isaan taasisuu danda'a.

Tarii taphoota hafan irratti Liiverpuul haaluma mul'atee hin beekneen yoo taphoota sagal keessaa tapoota afurii fi isaa ol mo'ame malee Arsenaal carraa waancaa injifachuu hin qabu.

Arteettaan taphataa sarara duraa jabaa malee morkii bara kanaa jalqabe. Rakkoon Arsenaal kana tahunnaa? jedhamee yoo gaafatamu garuu lakki! kana miti jechuun deebisa.

Arteettaan yeroo jijjiirraa ganna dhufuutti yoo taphattoota galchii lakkoofsisan sarara duraa haaraa hin finne ammas waancaan irraa fagaachuun waan hafu miti.