Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoogganaan Garee Waagnar Yevgeny Pirigoozhiin eessa jira? Maaliif barbaachisa?
Hoogganaan Garee Waagnar Yevigene Pirigoozhiin, kan finicila gabaabaa torbaniin dura Raashiyaa keessatti gaggeeffame dursaa ture, Belaaruu keessa osoo hin taane Raashiyaa keessa jiraachuu hoogganaan Belaaruus beeksiise.
Erga guyyaa fincilli Raashiyaa keessatti eegalamee guyyaa lammaffaarratti dhaabbateen booda dursaan garee mindeeffamtootaa kun eessa buuteen isaa hin baramne ture.
Erga finicilicha dhaabuudhaaf waliigaltee taasifamuun, himannaa yakkaa irratti banamuf ture kaafameen boodas, akka gara biyya Belaaruus imaluuf hayyamameefii ture.
Garuu ammo guyyaa Kamisa Adooleessa 6, 2023 pirezidantiin Belaaruus Aleeksaandar Luukaashenkoo, ‘‘Pirigoozhiin daangaa Belaaruus hin qaxxaamurre. Raashiyaadhuma keessa jira,’’ jedhan.
Kiremiliin yaada Mr Luukaashenkoo kanaaf deebii kenniteen, ‘‘sochii Pirigoozhiin hin hordofiin’’ jettee jirti. Pirezidantiin Belaaruus fincilicha dhaabuuf Garee Waagnariifi Puutiin jidduu jaarsummaa taa’anii kan turan, torbaniin dura Prigoshiin Belaaruus qaqabeera jedhanii ture.
Jeettiin dhunfaa hoogganaa Waagnar Pirigoozhiin waliigaltichaan guyyootaan booda gara Belaaruutti balaliitee, booda alkanuma sana gara Raashiyaatti deebiite yoo qubattuu BBC mirkaneeffate ture.
Haata’u malee Hogganaan garee mindeeffamtootaa Pirigoozhiin jeettiitti keessa haa jiraatuu haa dhiisuu hin baramne ture.
Kamisa kaleessaa Pirezidantiin Belaaruus gaazexessitootatti akka himaniitti, ‘‘hangan beekuutti’’ loltoonni Waagnar hafan ammalleen bakkuma buufatasaanii, lixa Yukireen ykn buufata leenjii Raashiyaa kan naannoo Kraasnodaar keessatti argamu jedhan.
Garuu, hogganaan garichaa Pirigoozhiin ammatti Raashiyaa Seenti Piitarsibarg keessa jira jedhan. Bulchiinsa gara biraa keessas hin jiru jedhan.
Pirezidantichi dabalunis, loltoonni garee mindeeffamtootaa muraasni akka Belaaruus keessa qubataniif yaadni dhiyeessan akkuma jiruutti ta’uu dubbatan, garuu kun ammoo biyyoota ollaa Belaaruus kanneen miseensa Nato ta’aniitti yaaddoo umeera.
Gareen Waagnar mindeeffamtoota loloota dhuunfaa kan qabu yoo ta’u, waraanaa Raashiyaan Yukireen waliin gaggeessaa jirtu keessattis loloota idile maddii hiriiruudhaan lolaa turan.
Hogganaan garee Waagnar Pirigoozhiin looltota isaatti fayyadamuun Raashiyaa keessatti fincila kaasee wayita tureettis, loltoota isaa Yukireen keessa turan kaasuun kibba Raashiyaa keessatti kan argamtu magaala Rostov-on-Doon jedhamtu keessatti jidduugala ajaja waraanaa tokko ta’atanii turan.
Isaan boodas finciltoonni kunneen gara magaala guddoo biyyattii kan taate Mooskootti imaluu waan eegalaniif, mootummaan Raashiyaa Mooskoo dabalatee bulchiinsoota biyyattii hedduu keessatti eegumasa nageenyaa cimsee ture.
Pirezidanti Vilaadmiir Puutiin yeroo sanatti garicha biyya haaluudhaan kan himatee ture yoo ta’u, waliigaltee fincilicha dhaabuuf taasifameen, hoogganaa garichaa Pirigoozhiinif wabii nageenyaa kennuun himannaa Garee Waagnar irratti banamee ture kaase.
Loltoonni garichaatiis waraana biyyattiitti makamuuf waliigalte akka mallatteessan, kan hin barbaadne yoo ta’e ammo gara jireenya nagaatti deebii’uu ykn yoo filatanis gara Belaaruus demuu akka danda’an filmaanni dhiyaateef ture.