US dhimma Iraan gidduu seenuun bu'aamoo miidhaa qaba? Iraanonni biyya keessaa fi alaa maal jedhu?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Mojaah fi abbaan warraa ishee mormiin Iraan keessarratti giddu-seentummaan US kanneen addatti dhiibbaa isaanirratti qabaatu keessaayi.
Amajjii darbe mana isaanii Waashingtan DC irra gara gara Teehraan maatii isaanii ilaaluu deemanii turan. Karoorri isaanii dafanii ofirra deebi'uu ture. Garuu sababa mormii Iraan keessaa balalliin xiyyaaraa ni haqame, imallisaaniis danqamuun jalaa dheerate.
Jireenyi keenya dhaabbatee ture jetti Mojaah'n, "Keessumaa halkan interneetiin cufamee bilbilli hin hojjetu.
Mormiidhaaf karoora hin qaban ture garuu mormiin halkan Amajjii 01 fi 08 keessaa hafuu kan danda'an hin turre ."
"Yoo manaa baate ni agarta jetti kan maqaa ishee sodaa nageenyaaf BBC'n jijjiire.
Halkan tokko mana nyaataa deemuuf gad bahanii yoo laalan magaalaan kan biraa taatee jirti.
Hedduun daandiitti bahanii yoo ilaalan namni guutee hiddiin darban lafa hin buutu. Humnoonni nageenyaa to'achuuf hin dandeenye.
"Uummanni Tehraan akka to'ateetti natti dhagahame" jetti.
Mormiin Iraan keessatti kan dhoohe barri haaraan faranjootaa osoo hin seenin ture. Qaalayiinsa jireenyaa fi kufaatii maallaqaa saffisa olaanaan mudateen kan kaka'e mormiin kun, battaluma gara jijjiirama sirnaa gaafachuutti cehe. Guyyoota booda humnoonni nageenyaa nama ajjeesuu jaqaban.
Sababa intarneetiin cufamee fi qorannoon walabaa hin godhamneef nama dhume adda baasun rakkisaadha.
Haata'uu malee, bu'uurri isaa Ameerikaa kan ta'e Human Rights Activists News Agency (HRANA) akka jedhutti, hiriirtonni 6,000 mormii kanarratti ajjeefamanii jiru. Dhaabbanni biraa Noorweey keessaa Iran Human Right jedhamu akka jedhutti, ammoo nama 25,000 caalutu dhume. Aangawootni Iraan nama 3,117tu dhume, irra caalaan isaaniis miseensota qaamolee nageenyaati jedhu. Kanaafis kanneen "mormii kakaasantu" gaafatamas jedhan.

Madda suuraa, LightRocket via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezdaantiin US Donaald Tiraamp mormitoota Iraan waliin dhaabbachuu isaanii irra deddeebin himaa turan.
Jimaata qondaaltonni US fi Iraan mariirra turan. Tiraamp marichi "baay'ee gaarii" ture, "Iraan marii kana akka malee waan feetu fakkaata" jedhan.
Mojaah'n yeroo Tehraan turtetti namoonni yoo fiigan, yoo rasaasan rukutaman, reebaman taajjabuu ibsiti. Iraan keessaa baatees taateewwan hin irraaffanne kanneeni jetti.
Abbaan warraa ishee ammoo wanni rifaasise waa tokko. Hiriyoonni fi maatiin isaa Iraan jiran akka yaadanitti Ameerikaan mormii Iraan keessa waraanan seenuun haleellaa osoo hin taane, "gargaarsa."
Maatiin kun Ameerikaa jiraatan kun abdii kutannaa uummataa hubatanis giddu-seentummaan Ameerikaa waan hordofsiisuurratti shakkii qabu. Gaaffii uummataa sirriin jijjiirama sirnaa qofa osoo hin taane kabaja, rakkoon diinagdee furamuu fi bilisummaadha.
Fageenya sanarra taa'anii yaaddoon isaanii haaloo bahiinsaaf jecha diigumsa raawwatamudha.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
'Jijjiiramni sirnaa keessaa dhufuu qaba'
Mormii torbaanotaaf addaan hin cinne, tajaajilli interneetii guutummatti jechuun haala danda'amutti cufame kana booda lammiileen Iraan biyyaa keessaa fi ala jiran waayee giddu seentummaa Ameerikaa irratti ammallee mamii keessa jiru.
Shiriin lammummaa Iraan fi Ameerikaa kan qabduu fi Kaalifoorniyaa jiraattu giddu-seentummaan humna alaa akka barbaachisu hawwiti.
"Hawaasni addunyaa dhuguma jeequmsaa fi tasgabbii dhaba addunyaa dhaabuuf hojii qabatamaan ni barbaachisa" jetti Shiriin [maqaan ishee gabaasa kana keessatti jijjiirame].
"Mataan bofaa yoo hin cinne summiin isaa inuma tamsa'a- daangaa hundatti, naannoo tokko fi dhaloota tokko cehee."
Ammaa lammiileen Iraan kuun giddu seentummaan humnoota alaa maatii isaanii kan sirnicha jala jiran miidhuu danda'a sodaa jedhu qabu.
Roozbeh Faaraahanipuur, kan asiin dura barattuu ta'ee mormii keessaa hidhame amma immoo Los Ajalas keessaa mana nyaataa qabu waayee giddu-seentummaa Ameerikaa yeroo mara akka yaadda'u BBC'tti himee jira.
"Namoonni meeqa akka ajjeefaman, meeqa akka madaawan, eenyufaan akka achi buuteen dhabame hin beeku. Haawwan, abbootii, obbolaa, haadholii warraa, abbootii warraa fi daa'imman meeqa dhaqanii jajjabeessuun akka danda'amu hin beeku" jedha.
Tumsi addunyaa jiraachuu qaba jedha. Garuu, balaa fi seenaa giddu seentummaa Ameerikaa ni yaadata. Jijjiiramni sirnaa keessaa dhufuu qaba jedha.
"Har'a, humni jabaan tokkummaa, naamusaa, kutannoo fi sochii hawaasaa bal'aa keessa jira, hawaasa bal'aa ijaaruu fi kanneen mootummaa keessa jiraniif akka gananii sochii uummataatti makaman waamicha gochuudha. Keessaa ka'anii jigsuun humna alaa caalaa murteessadha" jedha Faaraahaanipoor.
'Karaan biraa hin jiru'
Dhalataan Iraan biraa waggaa 21 Ameerikaa jiraate Alii, waggoota dheeraa jijjiiramni siyaasaa Iraan keessatti akka dhufu tumsaa ture. bara 2014 booda garuu abdii kutuu hime.
"Asiin duras agarreerra," jedhe Aliin. Mormii, waadaa, cunqursaa, warraaqsa asiin duras agarreerra jedha. Mormii bara 2009 yaadata.
Yeroo hundaa namni ni dhuma. Jijjiiramni xinnaatu dhufa. Akka ilaalcha isaatti sirnichi hin haaromu. Dhiibbaa malees hin mo'amu.
Inni weeraraafis waamicha hin godhu. Garuu, haleellaan namoota nagaa caalaa bu'uuraalee sirnichaa fi hogganoota ijoo ta'anirratti xiyyeeffatee godhamuu qaba.
Waamicha uummataatiin sirnicha haleeluu fi biyya haleeluun walii adda jedha.
Hedduun lammiilee Iraan amma giddu-seentummaa Ameerikaa barbaadu. Kun ammoo waan Ameerikaa amananiif osoo hin taane, carraan biraa waan hin jirreefi jedha.
Rogeessi fi ogeessi suuraa Iraan biraa bara 2015 biyyaa bahee amma Denmaark jiraatu Hemaad Naazaarii yaada wal fakkaataa qaba.
"Akkamiin sirna kanaa waliin mari'achuu dandeenya? jedha.
Giddu-seentummaan humnoota alaa madaala ni jijjiira jedha. "Yeroo sirriin gidduu seenamuu malu ji'a dabre ture. Kan lammeessoo ammma."
Naazaariin, yeroo intarneetiin biyyattii keessaa adda citetti odeessa biyyaa miidiyaa hawaasaa isaa karaa Starlink isatti ergan qooduun beekama. Inni amma biyyatti deebi'uus hin danda'u. Torbaanota muraasa darban qofatti ergaawwan 500 kallattin ergamuufii hima. X gubbaatti hordoftoota 21,000 qaba.
Lammiileen biyyaa giddu-seentummaan humnoota alaa filannoo tokkicha ta'uu dubbatu jedha. "Karaatti baane, ni ajjeefamne, falli biraa hin jiru jedhu" jedha.

Madda suuraa, Europa Press via Getty Images
Waayeen uummata miliyoona 90 nama yaachisa
Erga mormiin dhaabbatees ukkaamsaa karaa adda addaa Iraan keessatti itti fufeera.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Iran Human Rights (IHRNGO), erguma mormiin eegalee namoonni 40,000 ta'an hidhamuu hima.
Ammallee waayee namoota achi buuteen dhabamee, hidhamanii, abukaatoon akka hin qunamne dhorkanamnii fi bakka hin beekamnetti hidhamanii yaaddoo jabaa qabaachuu ibsa.
Dhaabbileen mirga namoomaa IHRNGO fi The Human Rights Activists News Agency (HRANA) lamaanuu qaamoleen nageenyaa dhaabbilee fayyaatti marmaaruu fi kanneen mormitoota waldhaanan hidhuu hima.
Kaawonsiliin Ogeeyyii Fayyaa Iraan garuu ogeessi fayyaa sababa kanaan hidhame hin jiru jedha.
Amma intarneetiin hamma ta'e gadhiifameera. Ta'us tajaajiloonni biroo ammas ugguramanii jiru.
Lammiileen Iraan biyya keessaa fi alaa ammallee waayee barbaachisummaa giddu-seentummaa Ameerikaa irratti wal falmaa jiru.
Shiriin waan ji'a darbe biyya sanatti ta'e yaaduun ulfaatadha jetti.
"Akka nama Iraan tokkootti, akka namaattis haala Iraanotni itti jiran yoo yaaddu si dhukkubsa," jetti. Kun waayee maatii keenyaa qofa miti, waayee uummata miliyoona 90 ti."












