Dubartoonni Keeniyaa HIV qabdu jedhamanii maseenfaman akkamitti dhugaasaanii galfatan?

Dubartoonni Keeniyaa afur dhibee HIV qaban fedhiisaanii malee waan maseenfamaniif manni murtii biyyattii tokkoo tokkoosaanif doolaara 20,000 murteessef.

Dubartoonni kun miidhaa isaanirra gaheefi akkamitti haqasaanif akka falmatan BBCtti dubbataniiru. Eenyummaansaanii akka hin beekamneef maqaansaanii inni dhugaan dhokfameera.

Dubartoonni kun arfan dhugaasaanii bade galfachuuf waggaa sagaliif mana murtii dhaabbatan.

Peendan ijoollee lakkuu erga godhattee booddee hospitaala mootummaa magaala Naayiroobitti argamutti waldhaansi baqaqasanii yaaluu isheef godhame "jireenya koo mancaase" jetti.

Osoo ishee hin hayyamsiisin waldhaansa bilateral tubal ligation (BTL) jedhamuun akka isheen deebitee dhala hin godhanne taasisan. Abbaan ijoollee lakkuu dhalatanii osoo isheen hin dahiin ishee dhiise sokke. Abbaan warraashee inni seerawaan waggootaan dura sababa dhibee HIVn wal-qabatuun du'e.

Kana booda akka dahuu hin dandeenye yoo beekan eenyutu na fuudha? jettee yaaddofti. Peendan yeroo ulfooftu akka HIV qabdu beekti waan ta'eef gorsa barbaacha mana yaalaa deemte. Yeroo sana dubartoonni HIV qaban mana yaalatti waldhaansa baqaqsanii hodhuun akka dahaniifi dhibichi ijoolletti akka hin dabarreef harma akka hin laannef gorfama ture.

Kanneen harka qaleeyyii tahaniif kana raawwachuun isaan rakkisa. Yeroo amma Keeniyaa keessatti waldhaansi dahuumsaa hedduunsaa bilisa.

Peendan erga ijoollee lakkuu deessee booda aannan formulaa ijoolleesheef akkasumas isheef ammoo nyaata bilisaan akka argattu waadaan galameef. Kana gochuuf ammoo ulaagan kennaniif karoora maatii akka fayyadamtuudha.

Peendan gargaarsa akka argattuuf gara kilinika Marie Stopes, kan sagantaa karoora maatii gaggeessutti, ergamte. Unka akka mallatteessituuf itti kennan. Unka sanarratti kana booda dhala godhachuu hin barbaadu, kanaaf ammoo waldhaansa nama maseensu bilateral tubal ligation jedhamu akka fudhattu kan ibsuudha.

Rakkoon jiru peendan dubbisuu hin dandeessu. Warri ishee mallatteessises dhimmasaa hin ibsineef.

Neeman dubartii biraa rakkoon wal-fakkaatan ishee mudateedha. Waan hospitaala Pumwaanii, Keeniyaa keessatti hospitaala dahuumsaa guddaa ta'e, keessatti ishee mudate BBCtti himteetti.

Neemanis akkuma Peendaa HIV qabaachuushee ni beekti. Isheenis ulfa waan turteef yeroo deessu vaayirasiin mucaasheetti akka hin dabarre yaadda'aa turte.

Akka Neeman jettutti, erga deessee booda waldhaansa dahuumsa ishee dhorku bilateral tubal ligation yoo hin fudhattu ta'e deeggarsa nyaataa akka hin arganneefi baasiin dahuumsashees ofii akka baastu hospitaalichi itti hima.

Guyyaa dahuumsashee kutaa dahuumsaa osoo hin seenin dura ogeettin fayyaa [narsiin] gaafa sana dabareerra jirtu "ijoollee sadi duraanuu qabda waan ta'eef karoora maatii fudhu|" jette gorsiti.

Karorri maatii isheen jettus waldhaansa dahuumsa ishee dhorkuudha. waldhaansa baqaqsanii yaalu akka deessufi achumaan waldhaansi dahuumsa dhorku akka taasifamuuf unka akka mallatteessituuf itti kennan.

"Maal jechuu akka ta'e hin barre ani. Ani karooruma maatii isa idilee natti fakkaate.

"Adeemsicha osoo sirnaan naaf ibsan ta'ee, waraqaa sana hin mallatteessun ture," jetti Neeman.

Furahaan [maqaan kan jijjiirame] ammoo hanga Hospitaala Dahuumsaa Pumwaanitti mucaashee sadaffaa deessutti waa'ee karoora maatii namni itti kaase akka hin jirre BBCtti himte.

Yeroo hospitaalichatti deessu HIVn mucaasheetti akka hin dabarreef waldhaansa baqaqsanii yaaluun dahuuf walii galuu malee "kana booda dhala hin godhadhu" jettee akka walii hin galle ibsiti.

Gaafa waldhaansa kana fudhattee kaatu, dhukkubbiin hamaan akka itti dhagahame yaadachuun ogeettin fayyaa waldhaansa dhala akka hin godhanne godhus taasifamuufii itti himame.

"Abbaa manaa kootti himuuf baay'en qaana'e. Namattuu hin himne. Gaafa kana baru [aarirraa kan ka'e] araada dhugaatin qabame. [Boodarra] motorri itti bu'ee du'e. Dhaabbileen kun mana koo diigan," jetti Furaahan.

Dubartiin biraa ammoo Farajaa [kan maqaan jijjiirame] deessee ji'a lama booda waldhaansa dahuumsa dhorku akka kennameef BBCtti himte. Dhibee HIV waan qabduuf mucaasheef harma akka hin laanne itti himamuun karoora maatii fudhadhu jedhamte.

"Filannoo hin qabun ture. Abbaan warraa koo na gatee bade. Kiraan manaa natti gaheera. Maalan gochuu qaban ture?" jetti.

Mana Murtii Walii-galaa Keeniyaatti dhiyaachun unka itti kennanii akka mallatteessiteefi dubbbisuu waan hin dandeenyef maal akka ta'e hin barre jette Farajaan.

Karoorri maatii fudhadhu jedhamte kan guutummaatti akka hin deenye ishee dhorku ta'uu namni ibseef hin turre.

Ogeeyyin fayyaa waan dubartoonni kun mallatteessan maal akka ta'e osoo hin ibsiniif akka mallatteessan godhan jechuun Manni Murtii Walii-galaa Keeniyaa murteessef.

Dabaluunis, manni murtichaa waldhaansi dubatoonni guutummaan akka dhala hin godhanne taasisu bilateral tubal ligation (BTL) osoo dubartoonni itti amananii hin fudhatin taasifamu mirga dubartootaa kan sarbuudha jechuunis murteesse.

Beenyaa dubartoota kanaaf Manni Murtii Walii-galaa Keeniyaa murteesse kana kan kaffalu dhabbilee Marie Stopes International, Médecins Sans Frontières (MSF)fi Hospitaala Dahuumsaa Pumwaaniti.