Miseensonni Paarlaamaa Keeniyaa pirezidantii itti-aanaa buqqisuuf adeemsa seeraa jalqaban

Miseensonni paarlaamaa Keeniyaa adeemsa seeraa pirezidantii itti-aanaa biyyattii aangoorraa buqqisuu isaan dandeesisu jalqaban.

Miseensonni paarlaamaa Pirezidantii itti-aanaa Rigaatii Gaachaaguwaan akka aangoorraa kaafamu deeggaran mormii mootummaarratti Waxabajji keessa gaggeeffame keessaa harka qabu, malaammaltummaa keessatti hirmaataniiru, mootummaas qeeqaniiru, akkasumas siyaasa gosaan wal qooduu jajjabeessu jechuun himataniiru.

Pirezidantii itti-aanaa Rigaatii Gaachaaguwaan garuu himannaa isaanirratti dhiyaate kan hunda haalaniiru.

Tarkaanfiin miseensa mana-maree biyyattii ammaa kun bu’aa wal gaarerfannaa Pirezidant Wiliyaam Ruutoo fi itti-aanaa isaa Gaachaaguwaa gidduu jiru akka ta’e dubbatu namoonni hedduun.

Har’a Onkoloolessa 1, 2024 kan walitti qabaman miseensonni mana-maree biyyattii yaada pirezidantii itti-aanaa aangoorraa buqqisuuf dhiyaate sagalee deeggarsaa 291n dabarsaniiru.

Sagaleen deeggarsaa kun pirezidantii itti-aanaa kana angoorraa kaasuudhaaf adeemsa seeraa jalqabamuuf sagalee barbaachisu 171 olidha.

Gaaffiin pirezidantii itti aanaa kana aangoorraa kaasuu mormii dhiyeenya kana mudate hordofee paartileen mormitootaa paartii pirezidantii biyyattii waliin waan gamtoomaniiruuf maneen-maree Keeniyaa lamaan keessatti deeggersa argatee darbuu danda’a jedhamee tilmaamameera.

Haata’u malee, kun yoom akka ta’u guyyaan hin murtoofne.

Gaaffiin pirezidantiin itti-aanaa Rigaat Gaachaaguwaa akka aangoorraa buqqifamuuf dhiyaate akka mana-maree bakka bu’oota ummataatti hin dhiyaanne irra deddeebiin mana-murtiitti iyyanni dhiyaatus fudhatama hin arganne.

Saamichi aangoo pirezidantiifi itti-aanaa isaanii gidduutti uumame kun yeroo biyyattiin rakkoo diinagdeefi maallaqaa keessa jirtutti mootummaa keessatti tasgabbii dhabuu uuma yaaddoo jedhu kaasaa jira.

Pirezidant Ruutoon itti-aanaa isaanii Gaachaaguwaa kan filatan duula filannoo bara 2022 turerratti morkataa isaanii Raayilaa Odingaatiin garaagarummaa qabxii xiqqaatiin yeroo mo’atanitti ture.

Gaachaaguwaan kan filataman naannoo kutaa biyyattii Maawon Keeniyaa jedhamurraa yoo ta’u, ammallee deeggarsa giddu-galeessa Keeniyaa akka qaban himama.

Pirezidantiin itti-aanaa kun “bakka buutonni dhibba lama fedhii ummatichaa duuba deebisuu hin danda’an,” jechuun dubbataniiru.

Gaaffiin paarlaamaatiif dhiyaate kun darbuudhaaf yoo xiqqaate sagalee miseensota mana-maree biyyaalessaafi Seeneetii sadii keessaa harka lama argachuu qaba.

Miseensonni mana-maree pirezidantii itti-aanaa aangoorraa kaasuuf murteessan yaadni isaanii sagalee caalmaan akka raggaasifamu waan mirkaneeffatanidha.

Haata’u malee, pirezidantiin itti-aanaa Gaachaaguwaan waan salphaatti harka kennan hin taane.

“Pirezidaantichi miseensota mana-maree dhaabsisuu ni danda’u. Ta’uu baannan inniyyu keessa jira jechuudha,” jechuun sagalee miseensonni mana-maree har’a kennan kanaan dura sabaa-himaaleetti dubbatanii ture.

Mufiin Pirezidant Ruutoo fi Gaachaaguwaa gidduu jiru erga yeroo dhiyootii as ifa bahaa dhufeera. Pirezidantiin itti-aanaan kun yeroo Pirezidant Ruutoon biyyoota garagaraatti imalanitti buufata xiyyaaraatti argamanii gaggeessuus ta’e simachuu erga dhaabanii bubbuleera.