Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti mormii ummataa hordofee daballi mindaa miseensota paarlaamaa haqame
Keeniyaatti mormii ummataa lubbuu namoota hedduu galaafate hordofee daballi mindaa miseensoota paarlaamaa biyyattiif taasifamuuf ture akka dhaabbatu taasifame.
Mormii gibiraa ummataan biyyattii keessatti torban oliif gaggeeffamaa jirru hordofuun pirezidantiin biyyattii Wiiliyaam Rutoon kan karoorri dabala mindaa akka keessa deebii’amee ilaalamuuf ajaja kennan.
Seerri wixinee faayinaansii kan dabala gibira garaa garaa qabate ilaalchiisuun mormii biyyattii guutuutti gaggeeffameen Rutoon erga wixinicha kaasuu ibsanii torban darbeera.
Dura teessuun Komishinii Mindaa fi Faayidaalee (SRC), Liiyiin Mangichi guyyaa Roobii, sababii haala qabatamaa biyyattii ammaatiif jecha daballi mindaa qondaaltoota mootummaa yaadamee ture ‘‘dhaabbateera’’ jedhan.
Komishinichi jalqabarratti abbootii seeraa dabalate, miseensoota qondaaltoota hundaaf dabala mindaa %2 fi %5 akka taasifamuuf kaa’ee ture.
Yeroo ammaa wayita biyyattiin rakkoo faayinaansii keessa jiraachuu dubbatamu kanatti qondaaltoota mootummaatiif mindaan attamiin dabalama gaaffiin jedhu ka’aa ture.
Komishinittiin akka jedhaniitti, murtee dabala miindaa kaasuu kunis ega bulchiinsa maallaqa biyyaaleessaa waliin mari’atameen booda ta’uu himan.
Komishinichi daballiin miindaa kunis baatii kanarraa kaasee akka kennamu bara darbe beeksiisee ture.
Haata’u malee Ministeerri Tajaajila Hawaasaa, Moosees Kuriiyaa daballi mindaa jedhame waan kaabinoota dabalatuuf hojiirra akka hin oolchine himan.
Ummanni biyyattii qaala’insa jireenyaafi gibira dabalameen rakkataa jiru gibira gara biraa dabalamu hin kaffalu jechuun mormii dhageessiseen booda pirezidanti Rutoon seera faayinaansii paarlaamaaf dhiyaatee ture haquunsaa ni yaadatama.
Baasiiwwan motummaa hedduun hir’ifamu qabu jechuun kan dubbatan yoo ta’u, Rutoonis kana akka raawwatan waadaa seenaniiru.
Seenaatara Gamtaa Paartii biyya bulchuu kan ta’an Aroon Cheeruyati dabalate miseensoonni paarlaamaa hedduun daballii mindaa akka hafuuf gaafataniiru.
Miseensi paarlaamaa paartii mormituu deeggarsa paartii biyya bulchuu kan ta’an Adaan Keeyiinaan gama isaanitiin yaada walfakkaatu kennuudhaan, daballii mindaa yaadamee ture sagalee ummataa dhaggeeffachuun hafu himan.
Barreessaan mana maree biyyaaleessaa Saamu’el Injoorogee guyyaa Kibxataa, daballi mindaa hojjattootaa mootummaa naannootti argamanis waan dabalatuuf hafuu hin danda’u jechuun gaazeexaa ‘People Daily’ jedhamuutti dubbatanii ture.
Haata’u malee pirezidanti Rutoon erga waajjiirri bulchiinsa maallaqa biyyattii haalicha akka xinxaluuf ajaja kenanniin booda karoorichi kaafameera.
Hojii dhabdummaa, qaala’insii jireenyaa, heddumina gibiraa akkasumas hiriira mormii tibbanaarratti namoonni hiriiraaf bahan poolisootaan ajjeeffamunsaanii dheekkamsi kaasee, biyyattii keessatti bifa mormii jijjirrachuudhaan pirezidantiin biyyattii aangoo akka gadhiisuuf gaafataa jiru.
Mormii ummataa erga Rutoon gara aangootti dhufanii booda gaggeeffame kanarratti namoonni 39 ajjeeffamusaanii Komishiniin Mirga Namoomaa Biyyattii beeksiiseera.
Mormii torban kana keessa guyyaa Kibxataa gaggeeffameen wayita suuqiiwwaniifi maneen daldalaa garaagaraa saamaman kan mul’atan yoo ta’u, poolisiin suuraa namoota gochaa seelaan alaa keessatti hirmaataniiru jedheen 38 ifa godheera.
Dargaggoonni mormicha qopheessaa jira garuu gochaa kana kan raawwatan ‘‘yakkamtoota bitamaniitu’’ keessa gale malee mormiitoota nagaa akka hin taane ibsuudhaan, tarsiimoo jijjirachuuf xinxalaa akka jiran ibsan.
Guyyaa har’aatiif mormiin ummataa kun akka itti fufu himameera.