Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaan Abbaa Gadaafi jila Gadaa Karrayyuu waggaa tokko booda yeroo yaadatamu
Tibbana waggaa tokkoffaa ajjeechaa Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawwaas dabalatee jila Gadaa isaan waliin turan 14 irratti raawwate yaadachuuf qophiin taasifamaa ture rakkoo nageenyaan achi dabarsine jedhan qopheessitoonni.
Ajjeechaan kun ALI Sadaassa 22, 2014 ykn Mudde 1 bara 2021 Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosatii fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamutti raawwate.
Waggaan isaas guyyaa Kamisaa har'aa oola.
Haa ta'u malee, Obbo Jiloo Boruu Hawwaas guyyaa isaan ajjeefaman irra saganticha qopheessuuf yaadnee ammas aanaa keenya keessa rakkoo nageenyaa guddaan waan jiruuf guyyicha dabarsine jedhan.
Ajjeechaan komii guddaa kaase ture kana mootummaan jalqaba akka hin raawwanneefi humna Shanee ittiin jedhutu raawwate jedhee ibsaa ture.
Eegasii aangawootni mootummaa keessaafi boodas qorannoon Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) taasise humnoota mootummaatti akeeke.
Ajjeechaan raawwatuu guyyaa tokko dura humnoota mootummaa irratti qaamoleen hidhatan ajjeechaa raawwatanii turan.
Ajjeechaan kun Mudde 1 bara 2021 Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosatii fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamutti raawwate.
Ajjeechaan kun kan raawwate naannoo uummanni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti ture.
Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee tuutni abbootii Gadaa ajjeefaman miseensota Gadaa Michillee, kan Dullachaa yoo ta'an, ajjeefamuu isaanii waggaa afur dura Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii akka turan jiraattotni BBC’n yeroos dubbise himaniiru.
Obbo Jiloo Boruu Hawwaas guyyaa isaan ajjeefaman irra saganticha qopheessuuf yaadnee ammas aanaa keenya keessa rakkoo nageenyaa waan jiruuf guyyicha dabarsine jedhan.
‘’Uffata waa’ee isaanii himu qopheesina, jaarrolee waliin dubbanna, sagantaa adda addaa qabaanna,’’ jedhan.
‘’Sagantaa guddaa qopheesuu yaadnee ture. Garuu uffata aadaa Oromoo uffattee bakka tokkotti yoo walitti qabamte waan hamaa mootummaa irratti akka hojjechaa jirtuutti si ilaalu. Sodaatu jiraaf kana dhiisne,’’ jedhan.
Akka Obbo Jilootti torban muraasa darban namootni nagaa torba naannoo Matahaaraatti ajjeefamuu himan. Ajjeechaa kanaaf humnoota mootummaa himatan.
Godina Shawaa Bahaa keessa Aanaa Boosatii fi Fantaallee keessa hidhattootni WBO kan mootummaan tarree shororkeessaa keessa galche ni socho'u.
Ajjeechaa abbootii Gadaa kana ilaalchisee murteen haqaa kenname tokkollee akka hin jirre kan himu Jiloon ergasii uummatni sodaa keessa akka ture hime.
‘’Uummanni erga guyyaa sanaa mootummaatti mufateera. Gidduu kana qondaalota mootummaa tokko tokko as erguun uummata mari’achiisuun sossobaa jiru. Namoota tokko tokkoof gumaa baasna jechuun maallaqni kennameera,’’ jedhe.
BBC’n namootni maatiin jalaa ajjeefaman maallaqa argachuu adda baasuuf yaalee hin milkoofne.
Garuu bara darbe yeroo ajjeechaan kun raawwate namootni BBC'n naannichaa dubbise mootummaan kaffaltii gumaa raawwachuun dhimmicha tasgabbeesuuf yaaluu himaniiru.
BBC'n kana dura akka odeeffatetti beenyaa maallaqaa kan mormaniis turan.
Ajjeechaa booda namootni shakkaman sagal to'atamuu qondaalli Godina Shawaa Bahaa BBC'tti himanii turan. Haa ta'u malee, waan adeemsichi irra gahe hin beekamu.
Abbaa Gadaa Michillee eenyu bakka bu’e?
Godina Shawaa Bahaa Fantaalleetti tuutni Gadaa Karrayyuu afran hafan Gadaa Meelbaa, Gadaa Birmajjii, Gadaa Halchiisaa fi Gadaa Roobalee bakka miseensonni Gaadaa Michillee itti jilachaa turanii fi humnoota mootummaan irraa qabamanitti sirna falannaa gaggeessaaniiru.
Abbaa Bokkuu (Abbaa Duulaa) dabalatee miseensonni Gadaa Michillee jilarra turan 31 ta'an erga humnoota nageenyaa mootummaan butamanii achi keessaa ammoo 14 ajjeefamanii booda guyyaa dhibbaffaa irratti ture sirni maxxaarriifi falannaa waliin raawwatameera.
Kunis bakka Gadaan Michillee itti wal gahu qulqulleesuuf yoo tahu hooda kana nutti hin deebisiin jedhanii falachuufi waaqa kadhachuudhaan gaggeeffama.
Akka Sirna Gadaa bakka kaanii kan Karrayyuu kun yoo Abbaan gadaa du’an filannoon gara biraan hin gaggeeffamu.
Maatii keessaa obboleessi ykn ammoo ilmi bakka bu’a. Yeroo Abbaan Gadaa Kadir Hawwaas baallii fudhatan ilmi isaanii daa’ima xiqqaa waggaa tokko hin guutne ture jedhan Obbo Jiloo Boruu.
Garuu daa’imni kun sirnicharra turuu himanii amma umuriin isaa waan hin geenyeef uummata walitti qabuun gaggeessuu hin danda’u jedhan.
Kanaaf obboleessa Abbaa Gadaa Kadir Hawwaas kan tahan Boruu Mi’eessoo bakka bu’uun uummaticha gaggeessu jedhan.
Garuu baalliin Abbaa Gadaa tahuu ilma Abbaa Gadaa Kadir Hawwas irra taha jechuun ibsame. Yoo waggootni saddet bara Gadaa Michillee xumurame ammoo baallii dabarsuun kan itti aanuuf kennu.
Waggaa 40 booda yoo Gadaan naannoftee Gadaa Michillee harka galtu ilmi Abbaa Gadaa Kadir Hawwaas amma daa’ima xiqqaa tahe baallii fudhata jedhan.
Haala ajjeechaan raawwate
ALI Sadaasa 21, 2014 qaamoleen nageenyaa gandootaa Aanaa Fantaallee daawwatanii osoo gara Finfinnee deebi'anii jiranii, bakka Haroo Qarsaa jedhamutti guyyaa keessaa sa'atii 8:00 irratti, qaamolee hidhataniin ajjeefamuu ibse komishinichi.
Haleellaa kanaan miseensonni poolisii 11 du'uu fi 17 kan caalan ammoo madaa'an. Eegasii guyyaa itti aanu ALI Sadaasa 22, 2014 dhumaatiin yaa'a Gadaa Karrayyuu mudatuu ibse.
Sadaasa 22, 2014 qaamoleen nageenyaa madda rakkoo mudatee sakatta'uuf gara Karrayyuutti deebi'anii, guyyaa keessaa sa'atii 6:00 irratti bakka yaa'i gadaa Michillee qubatee jiru-ganda Xuuxxittii, iddoo addaa Deeddittii jedhamtu ga'uun warra gadaa keessaa namoota 39 to'achuu, kanneen ijaan argan irraa iyyaafachuu ibse.
Komishiniin kun ibsa Amajjii 25, 2014 baase keessatti miseensota gadaa gara bosona Cabbii Aanolee geeffaman keessaa 14 rasaasaan akka ajjeefaman ibsee ture.
Namoonni ajjeefaman-Abbaa Gadaa Kadir Hawaas, Boruu Fantaallee, Fantaallee Boruu, Qumbii Gurraachaa(Qaalluu), Bulaa Fantaallee, Roobaa Hawaas, Boruu Godaanaa, Jiloo Daadi'oo, Bulgaa Boora'uu, Jiloo Diidoo fi Boruu Jiloo kanneen jedhaman dabalatee walumaagalatti namoota 14 ta'uu ibse.