MM Moodii balaa baaburaa lubbuu hedduu galaafateef 'adabbii cimaa' dhaadatan

Namoonni balaa baaburaa hamaa baha Indiyaatti mudateen walqabatee balleessaa tahan "adabbii cimaatu eeggata" jedhan Ministirri Muummee biyyattii Naarendiraa Moodii.

Balaa guyyaa Jimaataa bulchiinsa Odishaa keessatti dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 288 yoo du'an, 800 ol kan tahan ammoo miidhaan irra gaheera.

Balaan kunis baabura namoota deddeebisan lamaa fi kan meeshaa fe'u tokko gidduutti mudate.

Hojiin lubbuu baraaruu kan obba'e ennaa tahu, imaltoonni danqamaniifi miidhamanii turan cufti baraaramaniiru jedhan angawoonni.

MM Moodii bakka balaan kun dhaqqabe kan daawwatan ogguu tahu, taatee kanaan "kan nama dhukkubsu" jedhaniiru.

Kana malees hospitaala dhaquun kanneen balaa kanaan miidhaman daawwataniiru. Mootummaan isaanis "kanneen miidhaman dandamachiisuuf waan danda'u hunda ni raawwata" jedhan.

Haga ammaatti balaa baaburoota sadii jidduutti naannoo Balasore'tti mudate kanaaf sababni kan hin beekamne ennaa tahu, balaan kunis balaa baaburaa jaarraa kana keessa Indiyaa mudate isa hamaadha jedhameera.

Qorannoon bal'aan gaggeeffamaa kan jiru tahus, gabaasni marsaa duraa akka agarsiisutti, balaan kun sababa hojjechuu dhabuu mallattoo ykn agarsiistuuti jedhan, hoogganaa sabqunnamtii South Eastern Railway kan tahan KS Anand.

Wayita balaan kun dhaqqabu, imaltoonni 2,000 tahan baaburoota lamaan kana keessa turan jedhamee tilmaamama.

Indiyaan biyyoota addunyaa sarara baaburaa hedduu qaban keessaa ennaa taatu, guyyaatti lammileen miiliyoonaan lakka'aman baaburaan imalu. Haatahu malee bu'uraaleen tajaajilaa hedduun fooyya'insa barbaadu.

Biyyattiitti yeroon ammaa kun yeroo imalli baaburaa hedduun kan itti deddeebi'u ennaa tahu, cufamuu manneen barnootaa hordofee baaburoonni akkaan rukkatu.

Baaburoonni imaltootaa lamman balaan kun irra gahe namootaan guutanii kan turan yogguu tahu, ragaa BBCn ministeera baaburaa Indiyaarraa ilaaleen, kanneen hedduun ammoo galmee eeggatootaarra turan.

Balaan baaburaa hamaan Indiyaatti kan mudate bara 1981 bulchiinsa Bihaar keessa ture. Gaafas baaburri imaltootaan akkaan rukkate, sarara isaarraa bahuun lagatti kufe - lubbuun namoota 800 tahaniis dabre.