Siifan Hasaan yeroo duraaf Maaraatoonii Landanirratti dorgomuuf

Atileet Siifan Hasan

Madda suuraa, Getty Images

Olompiika irratti dorgommii fiigicha meetira 5,000 fi 10,000 meedaaliyaa warqee kan harkaa qabdu Siifan Hasan yeroo duraaf Maaraatoonii Landan bara 2023 irratti akka hirmaattu himte.

Dhalattuun Itoophiyaa lammummaa biyya Nezerlaands qabdu Sifan hirmaannaa ishee dorgommii Maaraatoonii kanaan ''tarkaanfii jalqabaa gara isa hin beekamneetti '' jechuun ibsite.

Siifan Olompiika Tookiyoo irratti fiigicha meetira 1,500nis meedaaliyaa Nahaasaa injifatteetti.

Dorgommii Maaraatoonii ishee kan jalqabaa Eebla 23 Maaraatoonii maqaa guddaa qabu London Marathon irratti kan gaggeessitu yeroo ta'u, atileetota rookardi maaraatonii qaban sadii falmatti.

Siifan dorgommii maaraatoonii yaaluuf haa murteessituyyuu malee dorgommii Tiraakii keessaa hin baane jetti.

Olompiika Paaris bara 2024 gaggeefamuufis waqxii bonaa isaanii dhufutti shaakkallii tiraakii dorgommichaaf ishee qopheessutti deebiti.

''Ani nama waa baruu fedhu'' kan jettu atileetiin ganna 30 Siifan ''maaraatoonii irratti atileetii cimtuun ta'aafi hin ta'uu hin beeku. Fageenyichuu qormaatadha'' jette.

Maaraatoonii fiigee hin beeku kan jettu Siifan, ''nan fixamoo isatu na fixa''kan jedhu ilaaluun fedha jetti.

Dorgommicha fiigdee xumuruu danda'uu ishee ilaaluu akka barbaadu himtee, kaayyoon amma fageenya dheeraa kana fiigduuf fuula duratti garamitti fuula akka naanneffattu murteessuuf akka ishee gargaaru ta'uu himte.

Dorgommii maaraatoonii kana riikardii dorgommii maaraatoonii kan qabdu lammiin Keeniyaa Brigid Kosgei fi shaampiyoonaan Olimpiikii biyyattii Peres Jepchirchir ni hirmaatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama Itoophiyaan ammoo Olompiika irratti meetira 1,500 warqii kan injifatte Ganzabee Dibaabaa fi injifattuu maaraatoonii Landan bara 2022 kan injifatte Yaalemzerf Yehuwaalaa ni hirmaatu.

Yaalemzerf bara darbe dorgommicha injifachuu dorgommii km10'niin riikardii haara agalmeessitee ture. Maaraatoonii Landan bara darbee sa'aati lama, daqiqaa 17 sekoondii 26 galuunis seenaa dorgommichaa keessatti sa'aatii saffisaa isa sadaffaa galmeessiteetti.

''Daandiin irra adeemu irratti murtoo dhumaa dabarsuu koo dura fageenya maaraatoonii irratti of ilaaluun barbaada'' jette Siifan.

Murtee dorgommii Maaraatooniirratti hirmaachuu ishee kanaanis tarkaanfii gara iddoo hin beekamnetti godhamu'' jettee ibsuun dorgommicharratti hirmaachuuf hawwiin eegaa jiraachuu dubbatte.

Gama dhiirotaan Atileet Qananiisaa Baqqalaa seenaa keessatti atileetota saffisoo jedhaman shan dorgommicharratti hirmaatan keessaa tokko ta'uun ibsameera.

Olompiika irratti dorgmmii tiraakiin warqee afur kan injifate lammiin UK Mo Faraah biyya isaatti dorgommii kanarratti yeroo dhumaaf hirmaatee nagaa dhaammata.

Dorgommii kun BBC TV, iPlayer fi marsariitii gubbaatti kallattiin darba.