Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa’ee waraana irra deebiin jalqabeefi waamicha nagayaa hanga ammaa wantoota beeknu
Waraanni waliinii Itoophiyaa waggaa lama lakkoofsisuuf adeemu gidduutti tasgabbaa’ee turus, dhiyeenya kana irra deebiin eegaleera - qaamoleen walwaraanan lamaanis lolicha eegalchisuun wal komatu.
Qaamolee walwaraanan kana gara mariitti fiduuf yaaliiwwan garagaraa taasifamanus, otoo hin milkaa’in hafaniiru.
Torban dabre waltajjii marii US akka qopheessite himameen, mari’attoonni mootummaa federaalaafi TPLF, Jabuutiitti walarguun mari’achuu maddeen ni dubbatu.
Humnoonni Tigraay marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa-AU jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii tahuusaanii kan ifa godhan marii kana hordofee tahuu mala yaadni jedhu jira.
TPLF komii AU irratti dhiyeessaa ture lakkisuun, bara haaraa Itoophiyaa 2015 irratti ibsa baasuun, marii gama AUn gaggeeffamuf haala mijataa uumuuf, waliigalteen dhukaasa dhaabuu atattamaa akka raawwatu fedhii qabu agarsiiseera.
Mootummaan Itoophiyaa dhimmichi karaa AUn akka raawwatu irra deddeebiin gaafachaa tures, dhimma kanarratti hanga ammaa waa hin jenne.
Waamicha nageenyaa fi ‘haleellaa xiyyaaraa’
Anga’oonni TPLF lola kana mariin goolabna jedhanis, hoogganaan Humnoota Tigraay Jeneraal Taaddasa Warada, waraanichi adda garagaraan cimee itti fufuu himan.
Qondaalli kun waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa guyyoota dabran keessa haleellaa banuun, Shiraaroo dabalatee iddoowwan Tigraay akka akkaa qabachuusaanii himan.
Anga’oonni naannichaas guyyoota lamman dabranitti magaalaa Maqaleetti haleellaan diroonii raawwatee, lubbuu namaafi qabeenyarra miidhaan gahuu himan.
Kibxata Yunivarsiitii Maqalee kaampaasii Adii Haqqii, akkasumas miidiyaa TPLF kan tahe buufata televizhinii Dimtsii Woyyaaneetti haleellaan raawwachuu himameera.
Guyyaa Roobii ammoo bakka Ambaasal jedhamutti haleellaa qilleensarraa raawwateen, lubbuun nama 10 bahuu akkasumas 10 ol kan tahan ammoo miidhamuu hakiimoonni hospitaala Ayidar BBCtti himan.
Haleellaa raawwate jedhame kanarratti mootummaa Itoophiyaa haga ammaatti wanta dubbate hinqabu.
BBCn sababa maloonni qunnamtii naannichatti adda cite jiruuf, taatee kana walabatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Dubbi-himaan TPLF Getaachaw Raddaa gaaffiifi deebii sagantaa BBC News Day wajjin taasisaniin, filannoon keenya ammallee nagaadha jedhan.
“…nageenyi filannoo keenyadha. Ammas rakkoon siyaasaa, gama siyaasaan mariin qofa akka hiikamu cimsinee gaafanna,’’ jedhan.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa “Waamicha nageenyaa” TPLF dhiyeesseef ifatti deebii kan hin laanne oggaa tahu, anga’oonni mootummaa muraasni dhimmichi waan isaan amansiise hin fakkaatu.
Deetaan ministeera nagaa Aabba Taayyee Danda’aa: “Dogongorri jiraachuun irra hin jiraatu – biyya tokko keessa raayyaan ittisaa tokko qofatu jiraata, kuni qajeeltoo idiladdunyaati… Mariin nagayaa jalaqabuu isaatiin dura ‘Humnoonni Tigraay’ hidhannoo hiikkachuu qabu,’’ jechuun Twitter isaanii gubbaatti kataban.
Gama kaanii ammoo ibsa TPLF baasee hordofee paartiin mormituu Paartiin Haqa Hawwaasummaa Lammilee Itoophiyaaf (IZEMA) ibsa baaseen: “nagaa waarawaa mirkaneessuun kan danda’amu, birmaddummaan Itoophiyaa haala kamiinuu gaaffii keessa haala itti hingalleen tahuu qaba,’’ jedhe.
Warraaqsi Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) gamasaan: “TPLF marii fi filannoowwan nagaa lola hiikuuf oolan, irra deebiin meeshaa waraana itti gaggeessuufi shororkeessu godhee akka itti fayyadamu heeyyamamuufi hinqabu,’’ jechuun ibsa baase.
Biyyoonni fi qaamoleen idiladdunyaas, humnoonni Tigraay dhukaasa dhaabanii mariif qophii tahuusaanii ibsuun isaanii waan dansaati jedhan.
Barri ALI 2015 seenuun guyyootaan dura, dhaabbileen siivilii Itoophiyaa keessaa 35 tahan, waraanni akka dhaabbatu waamicha dhiyeessanii turan.
Dhimma qaamolee mariisisan
Waraanni waliinii Itoophiyaa keessaa dhalachuusaa hordofee, Gamtaan Afrikaa-AU pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo ergamaa addaa gochuun kan muude oggaa tahu, isaanis yaalii taasisaa turaniiru.
Yeroon aangoosaanii dhiyeenya kana obba’ee turus, akka haaraatti yeroon dheereeffamuun akka itti fufan AUn murteesseera.
Mootummaan Itoophiyaa MM Abiy Ahimadin durfamu, mariin TPLF wajjin gaggeeffamu gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti tahuu qaba ejjennoo jedhu qaba.
Anga’oonni TPLF garuu Obaasaanjoon mootummaa Itoophiyaaf “dhiyeenya qabu” jechuun komii dhiyeessu.
Ameerikaatti bakka bu’aa TPLF kan tahan Yohaannis Abirihaa: “…Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa adeemsa jaarsummaa akka hoogganan fedhii hinqabnu,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Pireezidantiin Naannichaa Dabratsiyoon GabraMikaa’el xalayaa torban dabre keessa UNf barreessaniin: “waraanni irra deebiyee eegale kan amma duraa caalaa, uummata Tigraay irratti badii hamaa geessisa,’’ jechuun akeekkachiisan.
Anga’aan kun dabaluun lolli kun yaalii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin erga dhaabbatee booda, nageenyi waarawaa akka dhufu, gareen jaarsummaa ogeeyyii idiladdunyaan deeggarame akka hundaa’u gaafatanii turan.
“Ejjennoo keenya ergamtoota AU irratti qabnu amma duras ifa gooneerra,’’ kan jedhan DabraTsiyoon, miseensonni garee jaarsummaa UN muudu “gama keenyaan fudhatama argachuu qabu,’’ jedhanii turan.
Haatahu malee guyyoota muraasa booda jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti mari’achuuf qophii tahuusaanii himan. Mootummaan Itoophiyaa garuu haga ammaa waa’ee kanaa ifatti deebii hin laanne.
TPLF mariin nageenyaa gama pireezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan akka hoogganamu waywaachaa turan.
Pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo, pireezidantiin duraanii kun biyyattiitti nagayaa buusuuf yaalii amma dura jalaqabanii turan akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Haatahu malee Aabba Uhuruun adeemsa kana keessa hirmaannaan isaanii hangam akka tahe waanti beekamu hinjiru.
Garamitti adeemuu mala?
Waraanni naannoo Tigraayitti jalqabee naannolee olla Amaaraafi Affaaritti cehe, ganna lama guutuuf adeemaa jira.
Lolli si’anaa irra deebiin dhalachuu isaatiin dura, ji’oota shaniif qabbanaa’ee kan ture oggaa tahu, qaamoleen garagaraas jaarsummaa taahuuf yaalanis hin milkaa'in hafaniiru.
Torban sadan dabran iddoowwan garagaraatti lolli ciccimaadha jedhaman adeemaa akka jiraniifi sosochiin waraanaa cimaa tahe jiraachuun ni himama.
Gama TPLFn iddoowwan garagaraatti lolli adeemaa jiraachuufi magaalaa guddoo Naannichaa Maqaleetti haleellaan qilleensarraa raawwachuu himamaa jiruun alatti, gama mootummaa federaalaan wanti jedhame hinjiru.
BBCn deebii mootummaa argachuuf irra deddeebiin yaalus hin milkoofne.
Mootummaanis tahe anga’oonni naannoo Tigraay waraanicha mariin xumura itti gochuuf fedhii qabaachuu beeksisanis; taateewwan torbanoota dabranii qaamoleen walwaraanan kunniin tarkaanfii mariitti walitti isaan fidu fudhachuu isaanii waan akeekan miti.