Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Finicila Waagnar booda ebelu goota kan jennuun hin jiru’ – hoogganaa Belaaruus
Fincilli Gareen Waagnar torbaniin dura Raashiyaa keessatti kaasee ture akka dhaabbatuuf jaarsummaa kan deeman hooggannaa Belaaruus Alkeesdaandar Luukaashenkoo turan.
Kanas garee gaazexessitootaa Magalaa guddoo Belaaruus Miniskiitti argamaniiti himan.
Gulaalaan BBC Raashiyaa Istifan Roozanbargi garee gaazexessitootaa Pirezidanti Luukaashenkoon ibsaaf masaraa Walabummaa Minsik keessatti affeeraman keessaa tokko.
Torbanoota dura waa’ee fayyummaa Aleeksandar Lukasheenkoo ilaalchisee oduu deemutuu ture. Garuu hoogganaan Belaaruus kun cimaadha. Turtii isaan waliin taasifames gara sa’aatii afur kan fudhate ture.
Haala marii nagaa Garee Waagnar fi Puutiin jidduutti taasifameetti, Hoogganaan garee Waangar Yevgeny Piriigoozhin loltoota isaa muraasa waliin gara Belaaruus deemuti irra ture.
Sun garuu hin raawwatamne, yoom akka ta’us hin baramne.
‘‘Hanga barii kanaattis, loltoonni Garee Waagnar, baayyee kan kutatan, kaampiiwwan Baakhmuuti kan keessaa baafamanii turan keessatti argamu,’’ jedhan.
"Gama Yevgeny Piriigoozhin ilaalattuun ammoo, Seenti Piitarsbarg keessa jira. ykn tarii ganama kana gara Mooskootti balalii’u mala, ykn bakka ta’e jira ta’a, garuu ammo Belaaruus keessa hin jiru," jedhan.
Kana jechuun ammoo waliigaltichii deegamee ta’u ilaalchisuun gaazexessaan BBC gaaffii dhiyeesseef.
Aab Lukaaasheenkoon garuu ni haalan, dhoksaatti mariin ammalleen gaggeeffamaa akka jiruufi garuu dubbachuu akka hin dandeenye himan.
Waa’ee fincilichaa mari’achuu ilaalchisee, Mooskoofi Miniskiin wal hubannaarra hin turre.
Sambattan darban, TV mootummaa Raashiyaa, Puutiin taatee mudatee ture keessaa gootummaan akka bahaniitti ibsan.
‘‘Akkan yaadutti eenyumtuu taatee sana keessaa akka gootaatti hin baane,’’ jecha pirezidantiin Belaaruus.
"Piriigoozhin ta’e, Puutiin ta’e Lukaashenkoo, eenyumtuu gootummaan hin raawwanne. Barnooti asirraa baratame ammoo, yoo garee hidhaa akkaasii kan ijaartu ta’e, hordoffii cimaa taasisuufi ija irraa fudhachuun barnaachisaa miti.’’
Gama meeshaa nikulaaraa Raashiyaan gara Belaaruusitti geessuu dubbattee ilaalchise gaaffii ka’efis , ‘‘Waaqni nama haa oolchutii kana dura itti fayyadamnu qabana turre. Garuu ammas ammoo ‘‘itti fayyadamuuf duubatti hin jedhus,’’ jedhanii ture kana dura hoogganaan Beelaarus kun.
Dhimma kanarratti gaazexessitootaan kan gaafataman Lukaasheenkoon, ‘‘Joo Baayidanii fi MM Sunaak mataansaanii waanuma wal fakkaataa jechuu malu,’’ jechuun deebiisan.
"Hirriyaan koo Shii Jin Ping fi Obboleessi koo Guddichi Pirezidanti Puutiinis akkasuma.’’
Gaazexessaan BBC garuu, ‘‘Kun meeshaa waraanaa waa’ee isaa dubbattuu kun kan kee miti. Kan Raashiyaati. Fudhachuudhaaf murteen kan keemiti,’’ jedhamanii ture.
"Loltoonni Yukireen keessaa hundi meeshaa waraanaa biyya biraatiin lolaa jiru. Akkas miti?’’ jedhan dureen Belaaruus.
‘‘Kan fayyadamaa jiran qawwee Nato sababii kan mataasaanii xumuraniif. Kanaafuu, ani maaliifan meeshaa waraanaa qaama biraatti hin fayyadamne?’’ jedhan.
Haata’u malee kan dubbataa jiran waa’ee meeshaa waraanaa nikulaaraati malee waa’ee shugguxii akka hin taane gaafataman gaazexessitootaan.
‘‘Eeyyeen nikulaara. Nikulaarris meeshaadhuma waraanaati bari. Meeshaaleen waraanaa nikulaara Taaktikaaliis akkasumas.
Yaada hoogganaan kun kennan dhimma nikulaaraa irraa akka hubatameettis, namni kun baayyee falmisiisaadha.