Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoon osoo loltoonni Afrikaa Kibbaa reenfa namaa gubanii agarsiisu qoratamaa jira
Humni waraanaa waloo kibba Afrikaa kan Moozaambik keessatti garee 'hidhattoota Islaamaa' ofiin jedhan waraanuuf ramadamee jiru, viidiyoo wayita qaama namaatti abiddi qabsiifamu agarsiisu qorachuu akka eegale ibseera.
Viidiyoo kana keessatti loltoonni lama uffata waraanaa alaabaa Afrikaa Kibbaa ofirraa qabu uffatanii mul'atu.
Loltoonni kunneen lameen reenfa namaa waliiqabanii abiddi qabate keessatti wayita darbatan viidiyoon ni agarsiisa.
Humni waraanaa Afrikaa Kibbaa qaamni gocha kana keessatti hirmaate kamuu ''qoratamee seeraan gaafatama,'' jedhe.
Loltoonni Afrikaa Kibbaa gara Moozaambik kan ramadaman waggaa lama dura.
Humnoonni nageenyaa kunneen, Moozaambiikitti jaarmiyaa ''Ergama Misooma Hawaasa biyyoota Kibba Afrikaa (Samim)'' jedhamu jalatti hojjetu.
Viidiyoon guyyaansaa adda hin baane kun, namoonni lama uffata waraanaa uffatan bilbila harkaa qabataniin ibiddi wayita qaama namaa gubu ennaa waraaban agarsiisa, isaan keessaa tokko asxaa alaabaa Afrikaa Kibbaa uffata isaa irratti barreeffame qaba.
Akkasumas isaan keessaa tokko boba'aa abidda qabsiisu qaama namaa irratti darbatee abiddi sun akka babal'atu wayita taasisu viidiyoon ni agarsiisa.
Meeshaalee caccaban kanneen abdidda babal'isuu danda'an tuullaa abiddaa sanatti darbata.
Ibsa Raayyaan Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa (SANDF) baaseen, ajajaan Samim ''gocha naamuusa hin qabnee fi gadi bu'aa kana keessatti miseensonni isaa hirmaachuu isaanii ilaalchisee qorannoo gaggeessaan jira,'' jedheera.
"SANDF gochoota viidiyoo kana keessatti raawwataman haala kamiinuu hin hayyamu, " jechuun warri balleessaa kana raawwatanii argaman ni adabamu jedhe.
Humni waraanaa kun akka jedhetti, taateen kun baatii Sadaasaa darbe keessa Mozaambiik keessatti raawwatame jedhamee amanama.
Paartiin mormituu Afrikaa Kibbaa Gamtaa Demokraatawaa (DA) jedhamu, taateen kun biyyattiif ''qaanii'' ta'uu ibsuun, qorannoon gama mootummaan akka gaggeeffamu gaafateera.
Gaazexeessaan BBC Jose Tembe, magaalaa guddoo Mozaambiik, Maputo irraa akka gabaasetti, mootummaan achi jiru hanga ammaatti viidiyoo kana irratti yaada hin kennine.
Namoonni viidiyoo argan tokko tokko rifaatuudhaan yaada kennaniin, warri taatee "suukaneessaa" kana duuba jiran itti gaafatamummaa fudhachuu qabu jedhan.
Haa ta'u malee, gariin ammoo gochi kun biyyattii keessatti ta'uu isaa shakkuu dubbatan.
Moozaambiik bara 2017 irraa eegalee bulchiinsa kaaba ishee boba'aan badhaadhe- bulchiinsa Kaaboo Deelgaadoo keessatti hidhattoota IS waliin hidhata qaban waliin wal waraanaa turte.
Jeequmsi kun namoota kumaatamaan lakkaa'aman galaafatee, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqiseera.
Loltoota Ruwaandaa dabalatee, qindoomina humnoota nageenyaa naannichaan mootummaan bakka hidhattootaan qabame harka caalu akka deebisee to’atus, haleellaa hidhattoonni raawwatan hin dhaabbanne.