Waraana Itoophiyaa: Pirezidantiin Keenyaafi Barreessaan Olaanaa UN qaamoleen walwaraanaa akka dhaabaniif waamicha dhiyeessan

Pirezidantiin Keenyaa Uhuruu Keeniyaataa Itoophiyaa keessatti qaamoleen wal waraanaa jiran lola akka dhaabaniif waamicha dhiyeessan.

Pireziant Uhuruun, waraanni ji'oota 15 tureefi dhiiga hedduu dhangalaase akka dhaabbatuufi mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise akka gaggeeffamuuf kan gaafatan ibsa Roobii Guraandhala 02, 2022 baasaniin ture.

Waamicha nagaa Pirezidant Uhuruun taasisan kun ergaa waraanni Itoophiyaa akka dhaabbatuuf Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)Antooniyoo Guteereez Olompikii Gannaa Addunyaa Jimaata jalqabu waliin walqabsiisanii dabarsan kan cimsudha.

Uhuruu Keeniyaataan, "Akka Pireziaantii Keenyaatti, akkasumas akkan michuu lammileen Itoophiyaa obbolaan keenyaa ta'etti waamicha dhukaasa dhaabuu nan dhiyeesssa," jedhan.

Waraanni biyya hollaa keenya taate Itoophiyaatti deemaa jiru kun, "kabajaafi maqaa gaarii biyyi guddoon kun aadaafi qaroominaa isheetiin walqabatee qabdu uummata irraa mulqaa jira, jedhan.

Nageenyyfi tasgabbiin amansiisaa ta'e biyyattii keessatti mirkanaa'uu kan danda'u qaamoleen biyyattii keessatti walfalmaa jiran qormaata bifa waaraa ta'eefi karaa uummata Itoophyaa birati fudhatama qabuun bahachuuf dandeettii qabaniin akka ta'e ibsan Uhuruun.

Miira yaadota gara garaa keessummeessu qopheessuufi mijeessuudhaan mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise taasifamu hawaasa walitti bu'insa kanaan miidhamaniif dhiibbaa irra jiru hir'isuun daandii dheeraallee deemsisuu danda'a jedhan Pirezidant Uhuruun.

Waamicha Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutareez

Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutareez gama isaaniitiin Itoophiyaa keessatti ''qaamoleen waraanarra jiran hunduu hatattamaan dhukaasa akka dhaaban'' gaafatan.

''Uummatni Itoophiyaa walitti bu'iinsaa fi dhangala'uu dhiigaa adeemaa jiruun akkaan dararamuun isaanii itti fufeeraa'' kan jedhan Gutaareez, ''qaamoleen hundi Itoophiyaa keessa jiraan atattamaan dhukaasa akka dhaaban dhaamsa koo gad-jabeesseen dhaama'' jedhan.

Gutareez dhaamsa isaanii kana irra deebiin kan dhiyeessan Olompiika Chaayinaatti godhamuuf imaluusaaniin walqabatee waliigalteen idilaaddunyaa Olompiikaaf jedhamee dhukaasani akka dhaabatu waliigalame bu'uureffachuuni.

Dhukaasni dhaabachuun ammoo deeggarsi namoomaa namoota waraana kanaan miidhaman mara bira akka gahu haala mijeessa jedhaniiru.

Dhukaasni dhaabachuuniifi deeggarsi miidhamtoota hunda bira gahuun ammoo ''marii biyyaalessaa hunda hammaataan akkaan eegamu kan Itoophiyaanota hunda hirmaachisu akka gaggeeffamu karaa banaa'' jedhan.

Qaamni hunduu aadaa Olompiikiin miira lubbuu baraaruu, adda addummaa irra aanuufi nagaa dhugaaf karaa akka barbaadu gaafatan.

Gutaareez waamicha kana kan taasisan wayita UN'tti qaamni deeggarsa namoomaa qindeessu OCHA'n sababa hanqina dhiyeessii, boba'aa fi maallaqaan dhuma ji'a kanaatti hojii isaa Tigraay keessatti adda kutuuf akka dirqamu beeksisetti.

Namoota hanqina nyaataan akkaan miidhaman waldhaanuuf nyaatni bayyanichiisaan kan daa'immanii dabalatee guutummaatti dhumuus OCHA'n beeksiseera.

Gama kaaniin meeshaaleen waldhaansaaf oolan xiyyaaraan Maqalee qubachaa akka jiran ibseera.

Waraana gaaga'aa ji'oota 15'f humnoota mootummaa federaalaafi hidhattoota TPLF gidduutti adeemsifamu karaa nagaa xumuruuf Gamtaan Afrikaa, Keeniyaafi qaamoleen biroon duulli gaggeessaa jiran abdii horaa akka jiru Antooniyoo Gutareez torbee darbe keessa ibsanii turan.

Hoogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eli ammoo gaaffiifi deebii BBC waliin taasisanii tureen mootummaa federaalaa waliin marii kallattii hin taane gaggeessaa jiraachuu himaniiru. Mariin kun milkaahee gara marii biyyaalessaa galuufis yaada qabaachuu himanii turan.

Haata'u malee Ministirri Waajjira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaa Tulluu ammatti mariin kamuu TPLF waliin gaggeefamaa akka hin jirre Dooche Weeleetti himaniiru. Itti dabaluunis mootummaan filannoo nageenya buusu kamiifuu balballi isaa banaa ta'uu himaniiru.