Jilli Itoophiyaa rakkoo lammilee Sa'ud Arabiyaa jiran irratti mariyachuuf garas imalee jira

Jilli Ministira Maallaqaa, Obbo Ahimad Shideetiin durfamu haala rakkisaa lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa keessa jiran irratti mariyachuudhaaf garas imaluu Imbaasiin Itoophiyaa Riyaad jiru beeksiseera.

Jilli gara Sa'ud Arabiyaatti imale kun kan dhagahame lammileen Itoophiyaa lakkoofsi isaanii guddaa ta'e mana hidhaa Sa'ud Keessa haalaa hamaafi yaaddessaa ta'e keessa jiraachuun isaanii yeroo gabaafamaa jiruttidha.

Jilli Sa'ud Arabiyaa jiru kun akkaataa qabiinsa lammileen Itoophiyaarratti mariyachuun alattis, dhimmoota waloo biyyoota lamaaniifi waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa taasise jedhameera.

Jila Roobii Riyaad gale kana keessa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen, Ambaasaaddar Leencoo Baatiifi Muftii Haji-Umar Idiriis keessatti akka argaman odeeffannoo Imbaasichi baaserraa hubachuun danda'ameera.

Biyya qabeenya boba'aa uumammaan badhaatuu taate, Sa'ud Arabiyaa, biyyoota lammileen Itoophiyaa jireenya isaanii jijjiirachuuf hojii barbaachuuf garas deeman keessaa tokkodha.

Haata'u malee, mootummaan Sa'ud Arabiyaa yeroo gara garaatti biyyattii keessatti hayyama jireenyaafi hojii hin qaban kan ittiin jedhu lammileen Itoophiyaa sassaabuun mana hidhaa dhiphaa keessatti hidha.

Hidhamtoonnis haala rakkisaa nyaataafi tajaajila fayyaa gahaa argachuu hin dandeenye keessatti akka argaman dubbatu.

Viidiyoon torban dura BBC qaqqabes rakkoo lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa daran hamtuu akka ta'e mul'isa. Akka viidiyoon kun mul'isutti, lammileen hedduu mana dhiphaa keessatti hidhamanii jiran uffati ofirraa qaban jalaa dhumee feestaala gur'aacha kosiin ittiin gatamu offatanii, bifaanillee hubamanii mul'atu.

Mootummaan Itoophiyaa lammileen haala hamaa keeessa jiraniifi gara biyyasaaniitti deebiyuuf fedhii qaban deebisaa tureera.

Dabalataanis, haala qabiinsa lammileen mana hidhaa jiranii ilaalchisuun karaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatiin aanga'oota Sa'ud Arabiyaa waliin dubbachuun fala barbaaduuf yaalii taaisa tureera.

Lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa jiran garuu miidhaa biyya sana keessatti isaanirra gahu hir'isuuf mootummaan Itoophiyaa carraaqqii gahaa hin taasine jedhu.

Mohaammed namni jedhamu (kan akka maqaan isaa jijjiiramuuf gaafate) lammileen Itoophiyaa mana hidhaa Sa'ud Arabiiyaa gara garaa keessa jiran mootummaa Itoophiyaarraa birmannaa barbaadu jedha.

"Mootummaa biyya kanaa komachuu hin qabnu. Komachuun yoo nurra jiraate mootummaa Itoophiyaati. Akka nu gargaaruuf kan gaafachuun nurra jiru mootummaa biyya keenyaati waan ta'eef, " jedha Mohaammad.

"Manni keessatti hidhaman dhiphaa waan ta'eef walmuddanii jiru. Kutaa tokko keessati baayyinaan waan hidhamaniif sababii ho'aafi rakkoowwan birootiin hanga lubbuu isaanii dhabuutti qaqqabaa jiru," jedha itti dabaluun.

Lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa keessatti rakkoon irra gahaa jiru ilaalchisee Ministeerri Dhimma Laa Itoophiyaa dhiyeenya kana deebii kenne akka ture gabaafameera.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii akka jedhanitti, Ministeerichi mootummaa Sa'ud Arabiyaafi jaarmiyaalee idil-addunyaa biroo waliin ta'uudhaan lammileen mana hidhaa jiran gara biyya isaaniitti deebisaa turuu isaa yaadachiisaniiru.

Adeemsi godaantota Itoophiyaa gara biyya isaaniitti deebisuu kan hin dhaabbanne ta'uu kan himan ubbi himaan kun, hanga ta'e garuu qabbanaa'ee akka ture dubbatan. Ammas taanaan akkuma kanaan duraa lammileen Itoophiyaa haala rakkisaa ta'e keessa jiran gara biyya isaaniitti deebisuudhaaf qophiin taasifamaa jiras jedhaniiru Ambaasaaddar Diinaan.

Duulli lammilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa jiran biyyatti deebisuu yeroo dhiyoo keessatti akka jalqabamus himaniiru.