Godaansa: Lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'udii jiraniifi sosochii 'Festaala Gurraachaa'

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Itoophiyaa keessaa lammiilee biyyattii manneen hidhaa Saa'udii Arabiyaa keessatti dararamaa jiraniif, sochii 'festaala gurraacha' jedhuun sagalee dhageessisaa jiru.

Sosochiin gara caalu Afaan Amaaraan #ጥቁር_ፌስታል jedhamuun guyyootaan dura eegalame kanaan, namoonni festaala yookaan mikkaa gurraacha uffachuun ergaawwan garagaraa itti dabarsaa jiru.

Kana malees jechoota kanneen 'anis hidhameera' fi ni gaha jedhu fayyadamuun Twitter gubbaa fi keessattuu gama Facebook'n duulli adeemsifamaa jira.

BBC Afaan Oromoo guyyootaan dura manneen hidhaa kanneen keessaa tokko kan tahe Al-Kharj jedhamurraa viidiyoo ergameefirraa akka mul'atutti, dargaggoonni kutaa tokkotti rukkatanii ciciisan uffata dhabuun festaala gurraacha kosii itti haramu uffatanii mul'atu.

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamatti lakka'aman, manneen hidhaa biyyattii keessa jiran akka akkaa keessa yeroo dheeraaf dararaan irra gahuu himatu.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti yeroo garagaraan ibsa kenneen, rakkoo kana furuuf akka hojjetuufi lammiilee hedduus gara biyyaatti galchaa akka jiru dubbata.

Itoophiyaan waggaadhuma dabre keessa qofa lammiilee 40,000 ol Sa'udii Arabiyaa irraa galchuu himteetti.

Kanneen duula kanatti makaman keessaa namoota siyaasaa dhiyeenya kana mana hidhaatii hiikkaman keessaa tokko kan tahe Hamzaa Adaanee yookaan Hamzaa Booranaati.

Aabba Hamzaan suuraalee gama marsaalee hawaasaan gadhiifaman hedduu keessatti mikkaa gurraacha uffachuun mul'ata. Akkasumas namoonni isa wajjiin jiran kaan, lafa ciciisanii haala dargaggoonni mana hidhaa keessa jiran itti jiran fakkeessu.

Kanneen suuraalee isaanii qoodaa jiran kunneen, lammiileen mana hidhaa keessa jiran haqa akka argatan gaafachuun cinatti, mootummaan Saa'udii Arabiyaas qabiinsa hidhamtootaa akka fooyyeessuus gaafachaa jiru.

Kanneen viidiyoo BBC Afaan Oromoof ergan keessaa dargaggoon tokko erga mana hidhaatti 'darbatamanii' waggaa tokkoofi ji'a saddeet guutuu dubbata.

''Hanga har'aatti fala hin arganne. Nyaata gahaa hinqabnu, uffata hinqabnu. Uffatni takkittii gaafa hidhaa seennu nurraa dhumte.... waan uffannu dhabnee, kunoo mikkaa kosii itti haran kanaan qaama keenya saddaranne.''

Lammiileen Itoophiyaa to'annoo mootummaa Sa'udii jala jiran dhiittaa mirga namoomaa, dhukkubaaf akkasumas du'aaf saaxilamaa turuun dhaabbilee gargaarsa namoomaa dabalatee qaamoleen garagaraa yaaddoo qaban ibsaa turan.