Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Hojjettootni WFP jaha deeggarsa namoomaaf Tigraayitti balali'an
Tigraayiifi achiis gara gidduugala biyyatti balaliin qilleensaa erga dhorkamee yeroo jalqabaaf Sagantaan Nyaataa Addunyaa Sanbata xiqqaa darbe Maqaleetti balalii raawwateera.
Dhaabbati gargaarsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti bulu kun waraanni naannoo Tigraay keessatti erga hammaatee deeggarsa namoomaa miidhamtootaan gahuuf mootummaa Itoophiyaa waliin hojjechaa jira.
Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa daangaa qilleensaa Kaabaa biyyattii sadarkaa olfageenya balalii 290 gaditti amma Caamsaa 30, bara 2021tti xiyyaarri kamuu akka hin balaline dhorkee ture.
WFP dhaabbilee deeggarsa namoomaaf addatti hayyamni akka kennamu gaafatan keessaati.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Sanbata xiqqaa darbe karaa Ministeera haajaa Alaa isaa baaseen hayyama mootummaan Itoophiyaa addatti dhaabbilee gargaarsaa gara Tigraayitti imaluu fedhaniif kenneen WFP yeroo jalqabaaf naannichatti imaluu beeksiseera.
Imalli kun Buufata xiyyaaraa Booleerraa kallattiin gara buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa kan magaala Maqaleetti argamutti godhame.
Balalii qilleensaa kanaan hojjettootni Sagantaa Nyaataa Addunyaa jaha maallaqa hojii deeggarsa namoomaaf oolu qabatanii gara Maqalee imaluu mootummaan ibseera.
Maallaqni kun miindaa hojjetoota dhiyeessii nyaataa dhaabbatichaa aanaalee 21 keessatti hojjetaniifi kanfaltii hojjettoota guyyuu deeggarsa uummataaf hiraniiti jedhameera.
Bu'uuruma qajeelfama mootummaan dhimma kanaaf baaseen xiyyaarri kun Booleerraa kaatee Maqalee geessee kallattiin buufata xiyyaaraa Booleetti deebiitis jedhame.
Mootummaan Itoophiyaa torba tokko dura gaaffii WFP gara Tigraayitti balali'uuf gaafate dhorke jedhu erga dhagaahamee booda qajeelfamoota haaraa baaseera.
Akka qajeelfama kanaatti balalii biyya hambaafi biyya keessaa hundi gara Tigiraatti dhaquun dura buufata xiyyaaraa magaalaa Finfinneetti argamu qubachuutu irraa eegama jedhe.
Qaamolen gargaarsa namoomaa irratti bobba'an odeeffannoo balalii kanneen akka lakkoofsa gabatee xiyyaaraa, gosa xiyyaarichaa, kaayyoo balalii, odeeffannoo namoota xiyyaarichaan imalaniifi gosa xiyyaara ibsuun eeyyama balalii argachuu qabu jedhe.
Itti dabaluun, sakatta'iinsi barbaachisaan buufata xiyyaara idil- addunyaa Booleetti wayita dhufaniifi imalan akka taasifamufillee ittidabalee ibseera.
Meeshaaleen xiyyaaran fe'aman hunduu akkasumas namootni garasitti imalan hundu ni sakatta'amu. Sababni imalaas gargaarsa namoomaafi kanneen ergama kana galmaan gahan qofa ta'uu qabas jedheera.
Xiyyaarri WFP qajeelfama kanaan gara Tigraayitti imaluu hordofee ibsa mootummaan baase kana keessatti, Naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf kutannoon jiru itti fufa jedhameera.
Dhiyeessii kanaaf akka oolus mootummaan konkolaattota fe'isa deeggarsa namoomaaf oolan baayyee buufata doonii Jibuutiirraa deebisaa akka jiru ibseera.
Kun kanaan osoo jiruu Tajaajilli Oduu Itoophiyaa maddeen naannoo Affaar maqaa hin dhahiin waabeffatee konkolaattotni fe'isaa deeggarsa namoomaa baatanii karaa Affaar gara Tiraay imalaa turan haleellaa humnoonni TPLF naannichatti bananiin danqamaniiru jedheera.
Konkolaatni fe'isaa 60 ta'an wantoota nyaatamaniifi kanneen biroo fe'anii gara Tigraay imalaa jiran ''haleellaa meeshaalee gurguddoon'' humnoonni TPLF humnoota nageenyaa naannichaarraan gahaniin danqamuu gabaase.