Eertiraan qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa irra kaa'e 'bu'uura kan hin qabne' jette

Mootummaan Eertiraa qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa sababa sarbama mirga namoomaan irra kaahe bu'uura kan hin qabne jechuun balaaleffatte.

Gamtaan Awurooppaa ibsa Wiixata, Bitootessa 22, bara 2021 baaseen Eertiraan sarbama mirga namoomaa jabaa raawwatti jechuun qoqqobbii irra kaahe.

Qoqqobbiin kun ammoo kan irratti xiyyeeffate waajira Nageenya Biyyaalessaa mootummaa Eertiraa irrati.

Gamtaan Awurooppaa ibsa baase kanarratti dhaaba mootummaa kana ''sarbama mirgaa akkaan jabaa, ajjeechaa seera-maleessa, dararaa, jumlaan hidhuufi namni akka biyyaa badu dirqisiisuu'' fa'iin himate.

Gamtaan Awiroooppaa akaakuu qoqqobbiiwwan kanaa fi maaliif qoqqobbii kana amma kaahuun akka feesise odeeffannoo dabalataa hin laanne.

Haata'u malee qoqqobbiiwan keessaa tokko qabeenyi biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessaa qaban akka hin sochoone dhorkuun isa tokko akka ta'e ibsameera.

Waajirri Nageenya Biyyaalessaa Eertiraa, Mejar Janaraal Abrahaa Kaasaan kan hoogganamu yommuu ta'u, gaafatamni isaa waajira Pireezidant Isaayyaas Afawarqiifi jedha ibsi Gamtaa Awirooppaa.

Deebiin Eertiraa maali?

Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa ibsa Bitootessa 22, 2021 baaseen qoqqobbiin Gamtaan Awirooppaa Eertiraarra kaahe ''bu'uura kan hin qabneefi miidhuu irratti kan xiyyeefate'' jechuun balaaleffate.

''Murtee haleellaa fi bu'aa hin akeekamneef qabu kan Manni Maree Ministirootaa Gamtaa Awurooppaa har'aa dabarse Ertiraan hin fudhattu'' jedha ibsi mootummaa Eertiraa.

Sarbama mirga namoomaa dhaabsisuuf tarkaanfii fudhatame jechuun ''hojii shiraa isaatiin'' Gamtaan Awurooppaa addatti - Waajira Nageenya Biyyaalessaarratti xiyyeefates jetti Eertiraan.

''EU'n murtee isaaf bu'uura seeraa ykn ammoo hamilee hin qabu, dabalataanis himannaa mo'atameen fedha isaa kanneen biroof jecha Eertiraa hacuucuuf ka'e'' jedha ibsichi.

Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii kana Eertiraarra kan kaa'e dhimma nageenyaa Naannoo Tigraay keessatti dhalate wajjiin walqabatee ta'uu isaaf yaadi dabalataa kenne hin jiru.

Haata'uutii mootummaan Eertiraa ''Gamtaan Awurooppaa aanga'oota TPLF aangootti deebisuuf iccitiin hojjetaa ture'' jechuun himateera.

Eertiraan bara 1993'tti biyya of dandeesse erga taatee paartii tokko jalatti pireezidant Isaayyaas Afawarqiin bulaa jirti.

Sarbama mirga namoomaan biyyoota maqaan isaanii irra deddeebiin dhaabbilee idila addunyaan dhahamu keessaas tokko.

Gamtaan Awurooppaa biyyoota alana qoqqobbii irra kaahe keessa hoogganoonni milishaa Liibiyaa lamaafi ajajaan waraanaa Sudaan Kibbaa tokko ni argamu.

Gamtichi ''sarbama mirga namoomaa yaaddeessaadha'' ittiin jedhe dhaabsisuuf walumatti namoota 11 fi dhaabbilee afur irra qoqqobbii kaahe.

Biyyoonni himannaa walfakkaataan qoqqobbiin kun irra kaahame Chaayinaa, Rippaablika Demookraatawaa Kooriyaa, Liibiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaafi Raashiyaadha.