Gaazexessituun US Pireezidantii Afrikaa Kibbaa wallaalte qeeqamte

Yaa'ii biyyoota badhaadhan torbaa G7 irratti aangawoota biroo affeeraman keessaa Pirezidantiin Afrikaa Kibbaas argamanii kan turan ta'us miidiyaan Ameerikaa aangawaa kanaan ''hoogganaa adda hin baafamne'' jechuun ibseera.

Gaazexessituun Ameerikaa suura aangawootni biyyoota Afurii waliin ka'an irratti hooggantoota biyyoota sadii maqaa dhahuun kan Siriil Ramafoosaa ''hoogganaa adda hin baafmen'' jechuun twiitara irratti barreesiteetti.

Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa Imaanu'eel Maakroon, Nariindraamoodii fi Jastiin Truudoo waliin turan.

Gaazexessituun Daarleen Supperviil jedhamtu kun Waayit Hawuusii Asoosheetiid Pireesiif gabaasti. Ammoo isheenis gurrattiidha.

Hooggantoota biyyoota kaanii bartee Ramafosaa wallaaluun ishee qeeqa guddaa kaaseera. Sanuu Gaazexessituu taatee adda baasuuf yaaluu dhabuun ammoo komii jiru cimseera.

Afrikaa Kibbaatti dubbii miidiyaa hawaasummaas ta'eera.

Lammiin Afrikaa kibbaa tokko ''Gaazexessituu moo Komeediyaaniidha'' jechuun gaafatee, siifin gadda Siiril jedheera.