Mohaammad Muursii: Pireezidantiin Masirii duraanii mana murtii keessatti du'an

Bara 2013 humna waraanaan aangoo irraa kan bufaman pireezidantiin duraanii Masrii Mohaammad Muursii mana murtii keessa osoo jiran du'aan boqochuu TV'n biyyaatti gabaase.

Erga aangoo irraa bufamanii booda hidhamanii mana murtiitti deddeebi'aa kan turan namni ganna 67 kun, tasa kufanii lubbuun daabarte.

Pireezidantii biyyattii filannoon gara aangoo dhufan kan jalqabaa kan ta'an Mursiin aangoo qabatanii waggaa tokko booda ture mormii uummataa guddaa isaan mudateen booda humna waraanaan aangoo irraa kan buufaman.

Mohaammad Muursii sochii siyaasaa biyyattii keessaa kan uggurame paartii 'Muslim Brotherhood' keessatti nama beekamtii guddoo qaban turan.

Ilmi isaanii umuriin xiqqaa ta'e Abdullaahi jedhamu waa'ee qabiinsa abbaa isaa irra deddeebiin komataa ture.

Onkoloolessa bara darbee, abbaan isaa dhaabbiitti hidhamee aka jiruufi yaala fayyaa dhorkamee dhiibbaa dhiigaa fi dhibee sukkaaraan miidhamaa akka jiru AFP'tti hime ture.

Baatilee shan dura ammoo aanga'oonni Masirii "ta'e jedhanii kana gochaa jiru, dhukkubsatee akka du'u barbaadu" jechuun 'Washington Post'f barreessee ture.

Mohaammad Mursii Eenyu?

Mursiin mandara El-Adwah jedhamtu kutaa biyyaa Shaarqiyaa keessatti argamtu keessatti bara 1951 dhalatan.

Bara 1970moota keessa yuunivarsiitii Kaayirootti Injinariingii kan baratan yoo ta'u, boodas gara Ameerikaatti imaluun PhD xumuraniiru.

Bara 2012 'Muslim Brotherhood' bakka bu'uun filannoo pireezidantummaa biyyattii irratti dorgomanii injifachuun gara aangoo dhufan.

Waggaa tokko aangoorra turan keessattis warri amantaa Islaamaa leellisan qofti siyaasa biyyattii akka dhuunfatan taasisuu fi diinagdee biyyattii akka hin malle gochuun qeeqamaa turan.

Lammileen biyyatti pirezidantummaa isaanii morman miliyoonaan lakkaa'aman addababbayiitti bahuun mormiin waggaa 1ffaa aangootti dhufuu isaanii kabajaniiru.

Adoolessa 3 bara 2019, humni waraanaa biyyatti heera motummaa erga uggureen booda, pireezidant Muursii aangoo irraa buusuufi mootummaa ce'umsaa dhaabuu labse.

Gochi sun fonqolchadha jechuun kan qeeqan Mohaammad Muursii yeroosuma to'annoo jala oolfaman.

Filannoo boodarra taasifameenis ajajaa olaanaa humna waraanaa kan turan Abdulfattaah al-Sisi pireezidantii ta'uun muudaman.