Semeniyaanin murtee Waldaan Atileetiksii Addunyaa irratti murteesse mo'atte

Kaaster Semeeniyaa

Atileetiin beekamtuu Afrikaa Kibbaa Kaaster Semeniyaa akka dorgommii atileetiksiitti deebitu Manni Murtii Ol-aanaa Siwiizerlaand beeksisee.

Kaaster Semeniyaa baatii darbe makaa dhiiraa waan qabduuf kanaan dura dorgommii fiigicha dubartoota meetira 800 ittiin addunyaarratti beekamturraa Waldaa Atileetiksii Addunyaatiin (IAAF) dhokamtee ture.

Waldaan Atileetiksii addunyaa kun Kaster Semeniyaa dubartoota waliin dorgomuudhaaf qoricha hormoonii testosterone hir'su jedhamu fudhachuun dorgomuu ni dandeessi jedhee ture.

Haata'u malee, manni murtii Ol-aanaatti iyyatte kun qoricha hormoonii hir'isu kana fudhachuun ishee hin barbaachisu jechuudhaan murtee sana ittiseera.

Meetira 800 injifachuun Shaampiyoonaa adunyaa kan taate atileetiin ganna 28 kun ol-iyyannaa dubartoota waliin dorgomuu dhorkamte injifachuutti gammaddeetti.

Murteen akkasii kun dubartoota meetira 400 hanga maayiliitti dorgoman miidhuu danda'a kan jettu Kaaster Semeeniyaan, "bu'aa iyyannaa koo kanaan booda dorgommii kootti nan deebi'a jedheen abdadha," jette.

"Mana murtii ol-aanaa Siwiiz kana murtii qajeelaa murteesseef guddaan galateeffadha."jette.

Kaster Semeniyaan murtee kana booda fuula Tiwiitera isheerratti, "Mo'attuu ta'een dhaladhe" jechuun barressiteetti.

Kana malees jecha luqqaasii nama kakaasu Mahatmaa Gaandii: "Be the change that you wish to see in the world" jedhu barreessitetti. Ergaan isaas, jijjiirama akka addunyaatti dhufu barbaaddu ofii keetiin ta'ii argami jechuudha.

Kaaster Semeeniyaan Murtee Waldaan Atileetiksii Addunyaa irratti murteesse kana "mirgoota namoomaa bu'uuraa kan sarbudha" jechuun iyyachuuf murteessite.

Abukaatoon bakka bu'uun falaaf ture Dr Dorothee Schram akkas jedha: "Manni murtichaa Kaaster Semeniyaaf mirgi ishee akka eegamuufii qabu murteesseera''jedhe.

"Kun ammoo mirgoota atileetota dubartootaa kabachiisuudhaaf ergaa guddaa qaba," jedhan.