Ol Iyyatni atileet Kaaster Semeniyaan dhimma hormonii ishee ilaalchisee IAAF irratti dhiyeessite ni kufe.

Kaaster Semeniyaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Shaampiyoonaa Olompikii 800m Kaaster Semeniyaan

Himanni atileet Kaaster Semeniyaan Waldaa Atileetiksii Adunyaa irratti hamma hormoonii testestiroonii dubartoota keessa jiruu irratti dhiyeessite fudhatama hin arganne.

Manni Murtii Gidduugalummaa ykn Jaarsummaa Ispoortii [CAS] himannaa atileetiin Afrikaa Kibbaa Kaaster Semeeniyaan dhiyeessite kuffiise.

Haa tahu malee manni murtichaa haala hojii irra oolmaa danbiiwwan bahanii irratti yaaddoo akka qabu ibseera.

Shaampiyoonaan Olompikii fageenya 800m ganna 28 Kaaster Semeniyaan Waldaan Federeeshinii Atiletiksii Adunyaa yeroo hundaa addatti ana irratti xiyyeeffata jedhe.

''Ammas kana caalaa cimuun dubartootaa fi dargaggoota Afrikaa Kibbaa fi Adunyaa waan raajeffachiisu nan hojjedha''

''Akkaataadhuman uumamaan dhaladhettan fiiguu qaba'' jechuun kanaan dura dubbattee ture.

Murtoo ammaa kanaan ishee fi namootni akka ishee biroon qoricha fudhachuun erga yaalamanii fiiguu qabu ykn fageenyicha 400m irraa eegaluun jijjiiruun dirqama taha.

Manni Murtii Gidduugalummaa ykn Jaarsummaa Ispoortii [CAS] seerotni garaagarummaa guddina qaamaa fi saalaa irratti bahan kunneen dhiibbaa qabu jedha.

Haa tahu malee dhorkaan kamiyyuu karaa ifa tahe, sababa guutuu fi sirrii taheen atileetota dubartootaa kaan hammachuuf raawwachuu danda'a jedha.

Garuu hojii irra oolmaa seerota kanneen gadii irratti ammoo sodaa qaba.

  • Sodaa atileetotni osoo hin beekiin hamma hormoonii testestiroonii IAAF'n taa'e cabsuu danda'u.
  • Faayidaa hammi hormoonii testestiroonii ol ka'aan atileetota fageenya 1500m fi isaa olii fiiganiif kennuu danda'u;
  • Hojii irra oolmaa seerichaa fi atileetota seericha irratti mormii qabanii irratti sodaa qaba.

Manni Murtii Jaarsummaa dhimma Isportii [CAS] Federeshiniin Atileetiksii Adunyaa, fageenya 1500m hojii irra oolmaa seerichaa akka turuuf gaafateera.

Semeniyaan dorgommii Diyaamandi Liigi Jimaata Dohaatti gaggeeffamu irratti ammayyuu hirmaachuu dandeessi. Haa tahu malee ammas Mana Murtii Ijibbaata Ispoortii Siwiizerlaandi jiru irratti ol iyyata fudhachuu dandeessi.

Hormooniin Kaaster Semeniyaa kan dhiiraa fi dubartii kan qabu yoo tahu irra caalaa testestirooniin waan baay'atuuf dubartoota waliin akka hin dorgomneef federeeshinichi seera baase.