Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itiyoo-Eertiraa: "Waraanni daangaa gadhiisee bahaa jiru hin jiru"
Looltoonni Itoophiyaa lakkoofsaan hedduu ta'an daangaa Itiyoo-Eertiraa lafa Shiraaroo jedhamu irraa socha'aa akka jiran namoonni ijaan argan BBC'tti himaniiru.
Haa ta'u malee sochiin waraana daangaa irraa kaasanii gara biyyatti deebisuu hin jiru, karoorra akkasiis hin qabnu jedhu dubbi himaan ministeera ittisa biyyaa meejar Jeneraal Mohaammad Tasammaa.
"Waraanni daanga gadhiisee deebi'u hin jiraatu, kan amma dura deebi'es hin jiru" jedhan.
"Tarii leenjiifi wantoota tokko tokkoof sochiin waraanaa naannoo sana jiraachuu mala. Achuma adda sanarratti jechuudha. Addarraa gara manaa, manaa gara adda waraanaas sochiin jiraachuu danda'a."
"Kanaan ala karoorfamee waraanaa daangaa irraa gara biyya keessaatti deebisuuf karoorris ta'e hojiin hojjetame hin jiru."
Meejar jeneraal Mohaammad kana haa jedhan malee, bakka loltoonni adda waraanaa Shiraaroo qubatanii turan irraa hoomaan waraanaa konkolaattota 70'n fe'amanii socho'aa akka turan jiraattonni naannichaa BBC'tti himaniiru.
Hoogganaan Godina Kaaba dhiha Tigraayi Obbo Taklaay G/Madihiinis, loltoonni gidduu gala biyyaarraa socho'uuf eeyyama qaban jiraachuu ibsanii, amma garuu loltoonni socho'aa jiran kanneen addicharra dhaabbiin turan miti jedhu.
"Loltoonni dirqama eeggattummaa qabatanii duubaarra turan jiru" kan jedhan Obbo Takilaay, isaantu socho'aa jira jedhan.
Waliigaltee dhiyeenya kana mootummaa biyyoota Eertiraafi Itoophiyaa gidduutti mallattaa'een booda gama lamaaniinuu loltoonni daangaa irraa kaasuun wal qabatee wanti himame hin jiru.