Unit 1: Essential English Conversation
Select a unit
- 1Essential English Conversation
- 2Unit 2
- 3Unit 3
- 4Unit 4
- 5Unit 5
- 6Unit 6
- 7Unit 7
- 8Unit 8
- 9Unit 9
- 10Unit 10
- 11Unit 11
- 12Unit 12
- 13Unit 13
- 14Unit 14
- 15Unit 15
- 16Unit 16
- 17Unit 17
- 18Unit 18
- 19Unit 19
- 20Unit 20
- 21Unit 21
- 22Unit 22
- 23Unit 23
- 24Unit 24
- 25Unit 25
- 26Unit 26
- 27Unit 27
- 28Unit 28
- 29Unit 29
- 30Unit 30
- 31Unit 31
- 32Unit 32
- 33Unit 33
- 34Unit 34
- 35Unit 35
- 36Unit 36
- 37Unit 37
- 38Unit 38
- 39Unit 39
- 40Unit 40
Session 4
Listen to find out how to give your phone number.
Akkaataa lakkoofsa bilbilakee kennitu hubachuuf caqasi.
ድምር ነጥቢ ናይዚ ክፍለ-ስራሓት 4
0 / 3
- 0 / 3Activity 1
Activity 1
What’s your phone number?
Listen to find out how to give your phone number.
Akkaataa lakkoofsa bilbilakee itti kennitu hubachuuf caqasi.
Listen to the audio and take the quiz. Sagalee caqasiitii qormaata fudhadhu.

Ammayyuu
Akkam! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan siif dhiheessu, gara Essential English Conversation, baga nagaan dhufte. Ani Ammayyuudha. Kutaa kana keessatti lakkoofsi bilbilakeetii meeqa akka ta’e akkaataa ittiin himtu, akkasumas lakkoofsota 1-9 ni baratta.
Lakkoofsa bilbilaaa phone number kennuudhaaf lakkoofsota 1-9’tti beekuu si barbaachisa. Jalqabaaf 1 hanga 3 haabarannu.
1
2
3
Ammayyuu
Ittaansuudhaan, 4-6 haa lakkoofnu.
4
5
6
Ammayyuu
Ittaansuun 7-9 haa barannu.
7
8
9
Ammayyuu
Lakkoofsa zeeroo illee dubbachuu si barbaachisa. Afaan Ingilizii keessatti ‘zero’ jenna. Garuu wayita lakkoofsa bilbilaa namoonni kennan yeroo hedduu ‘oh’ duwwaa jedhu.
0
Ammayyuu
Lakkoofsi walfakkaatu lama yoo ta’e, 'double' ‘dachaa’ jenna. Fakkeenyaaf 5 5 jechuuf akkana jetta.
Double 5
Ammayyuu
Mee amma, namoonni lama lakkoofsa bilbilaasaanii wayita walgaafatan waliin haacaqasnu.
Liz
Hi Justin, what’s your phone number?
Justin
It’s 020 794 60 558.
Liz
Thanks!
Ammayyuu
Yoo hubachuuf si rakkise, hinyaadda’in; shaakaluuf akka sigargaaru haasawicha addaan qoodna.
Kan jalqaba dubbatte, ‘What’s your phone number?’ ‘Lakkoofsi bilbilakeeti meeqadha?’ Jettee gaafatte. Kun gaaffii nuti Afaan Ingilizii keessatti waa’ee lakkoofsa bilbila namootaa gaafachuuf itti fayyadamnudha. Gaalicha caqasiiti irra deebi’i.
What’s your phone number?
Ammayyuu
Kan lammaffaa dubbate wayita irra deebi’ee lakkoofsa bilbilasaa kennu caqasiitii lakkoofsa dhageesse barreessuuf yaali.
It's 020 794 60 558.
Ammayyuu
Dansa-lakoofsa bilbilaa 020 7946 0558 barreessuutu sirra tureeyyuu. Kan jalqaba dubbatte lakkoofsa isaa waan ishee kenneef kan lammata dubbate ‘Thanks!’ galatoomi jechuun galateeffatteetti. Gaalicha caqasiiti irra deebi’i.
Thanks!
Ammayyuu
Gaariidha! Hangam Afaan Ingilizii akka yaadattu haa ilaallu. Kutaa tokko tokko isaa Afaan Oromootiin caqasiiti Afaan Ingiliziitiin maal akka ta’an dubbadhu.
Hayyee Jastiin, lakkoofsi bilbilakeetii meeqadha?
Hi Justin, what’s your phone number?
020..dha
It’s 020...
…794..
…794…
…6 0…
…6 0…
…558.
…558.
Galatoomi.
Thanks!
Ammayyuu
Gaariidha, ammammoo haasawa guutuu dabalii caqasi.
Liz
Hi Justin, what’s your phone number?
Justin
It’s 020 794 60 558.
Liz
Thanks!
Ammayyuu
Gaarii hojjette! Amma Afaan Ingiliziitiin lakkoofsa bilbilakee dubbachuufi lakkoofsi bilbilaa namoota biroo meeqa akka ta’e gaafachuu dandeessa. Hanga ammaatti waan baratte yaadadhuuti shaakali.
Hiriyyaa barbaadiitii Afaan Ingiliziitiin lakkoofsa bilbilakee himuudhaan akkasumas lakkoofsa bilbilasaa/bilbilashee meeqa akka ta’e gaafachuudhaan shaakaluu dandeessa. Qophiiwwan Essential English Conversation dabalataaf yeroo ittaanutti walitti deebina. Nagaatti.
Check what you’ve learned by choosing the correct answer to the question.
Gaaffiichaaf deebii sirrii ta’e filachuun waan baratte hubadhu.
What's your phone number?
3 Questions
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e filadhu.
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e filadhu.
ኣመት
Kutaa sadiitu jira. Lamaan isaanii walqabataniiru.Question 1 of 3
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e filadhu.
ኣመት
Jechoota lama. Jechi jalqabaa kan lammataa ibsa.Question 2 of 3
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e filadhu.
ኣመት
Jechoonni lama, wal qabataniiru.Question 3 of 3
Excellent!Great job!ሕማቕ ዕድል!ዘመዝገብኩምዎ ነጥቢ ...:
Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Barnoota Essential English ittaanu kan dandeettii caqasuukee ittiin shaakaltuufi qooqa barbaachisoo barannutti walitti deebina.
Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta’i!
Session Vocabulary
What’s your phone number?
Lakkoofsi bilbilakee meeqadha?
It’s _______.
……dha.Thanks!
Galatoomi!
one
tokko
two
lama
three
sadii
four
afur
five
shan
six
jaha
seven
torbaeight
saddeet
nine
sagal
Double ______
Dachaa ______