Unit 1: Essential English Conversation
Select a unit
- 1Essential English Conversation
- 2Unit 2
- 3Unit 3
- 4Unit 4
- 5Unit 5
- 6Unit 6
- 7Unit 7
- 8Unit 8
- 9Unit 9
- 10Unit 10
- 11Unit 11
- 12Unit 12
- 13Unit 13
- 14Unit 14
- 15Unit 15
- 16Unit 16
- 17Unit 17
- 18Unit 18
- 19Unit 19
- 20Unit 20
- 21Unit 21
- 22Unit 22
- 23Unit 23
- 24Unit 24
- 25Unit 25
- 26Unit 26
- 27Unit 27
- 28Unit 28
- 29Unit 29
- 30Unit 30
- 31Unit 31
- 32Unit 32
- 33Unit 33
- 34Unit 34
- 35Unit 35
- 36Unit 36
- 37Unit 37
- 38Unit 38
- 39Unit 39
- 40Unit 40
Session 34
Listen to find out how to ask what time it is.
Yeroon hagam akka ta’e akkatti gaafattu hubachuuf caqasi.
ድምር ነጥቢ ናይዚ ክፍለ-ስራሓት 34
0 / 3
- 0 / 3Activity 1
Activity 1
What time is it?
Listen to find out how to ask what time it is.
Yeroon hagam akka ta’e akkatti gaafattu hubachuuf caqasi.
Listen to the audio and take the quiz. Sagalee caqasitii battallee kana hojjedhu.

Caalii
Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan isiniif dhiheessu gara Essential English Conversation baga nagaan dhufte. Ani Caaliidha. Kutaa kana keessatti, sa’aatii meeqa akka ta’e ‘what time’ akkamitti akka dubbattuufi gaafattu baratta.
Amma sa’aatiin meeqa akka ta’e namoonni lama wayita walitti dubbatan caqasi.
Sian
Hi Phil, what time is it?
Phil
It’s eight forty five.
Sian
Aaargh, I start work at ten to nine…I’m late! Bye!
Phil
Bye!
Caalii
Hubachuuf yoo si rakkise, hinyaadda’iin; shaakaluuf akka sigargaaruuf haasawicha addaan qoodna.
Jalqaba, Shaan, sa’aatiin meeqa akka ta’e ‘what time’ Fiil gaafatte. Caqasiitii irradeebi’i.
What time is it?
Caalii
Fiil sa’aatii lamaafi afurtamii shan ‘eight forty five’ akka ture dubbate. Sa’aatii guutuu saddeet ‘eight’ eega eerree booda daqiiqaawwan sa’aatii guutuu bira taran – afurtamii shan ‘forty five’ ittaansinee dubbachuun sa’aatii meeqa akka ta’e himuu dandeenya. Caqasiitii irradeebi’i.
It’s eight forty five.
Caalii
Shaan akka yaaddoftee turte mul’isuuf, ‘aaah’ jette. Ittansuudhaanis kan hojii jalqabde ‘start work’ sa’a sadii kudhan hir’uu ‘ten to nine’ ta’u dubbate. Sa’aatii guutuu ittaanuuf daqiiqaawwan soddomaa gad kan hir’atan yoo ta’e, achi gahuuf daqiiqaawwan meeqa akka hafan dubbachuu dandeenya – ‘ten to nine’ sagal ta’uuf kudhan hir’uu jechuufi ‘eight fifty’ lamaafi shantama jechuun waantawwan walfakkaatoo yookaan hiika tokko qabaniidha. Caqasiitii irradeebi’i.
Aaargh, I start work at ten to nine.
Caalii
Shaan ittaansuudhaan barfachuushii ‘late’ ta’uushee dubbatte; akkasumas nagaatti ‘bye’ jette. Caqasiitii irradeebi’i.
I’m late! Bye!
Caalii
Dansa! Ammammoo namoonni gara garaa sa’aatiin hagam akka ta’e wayita walgaafatan caqasuudhaan maal akka jette mirkaneeffadhu.
Sa’aatiin torba digdama hanquu ‘twenty to one’ dha Keevin laaqqanaaf ‘lunch’ iif barfataa ‘late’ ta’eera.
Hi Kevin, what time is it?
It’s twenty to one.
I usually have lunch at twelve, I’m late!
Sa’aatiin lamaafi digdama ‘eight twenty’ kanaafuu Gaariin hojii ‘work’ fi dursee argame.
Hi Rachel, what time is it?
It’s eight twenty.
I start work at nine o’clock, I’m early!
Caalii
Tole, irradeebinee haayaallu. Himoota Afaan Ingilizii caqasiitii irradeebi’i. Yeroo kanatti tokkoo-tokkoosaanii al lama dhageessa.
What time is it?
What time is it?
It’s eight forty five.
It’s eight forty five.
I start work at ten to nine.
I start work at ten to nine.
I’m late! Bye!
I’m late! Bye!
Caalii
Baay’ee gaarii! Afaan Ingilizii hagam dansaa akka yaadattu haa’ilaallu. Himoota qooqakeetiin caqasiitii Afaan Ingilizii keessatti maal akka ta’an himi.
Sa’aatiin meeqa?
What time is it?
Sa’a lamaafi afurtamii-shani
It’s eight forty five.
Sa’aatii sadi kudhan hanquun hojii jalqaba.
I start work at ten to nine.
Barfaddheera! Nagaatti!
I’m late! Bye!
Caalii
Misha! Tole, amma waa’ee yeroo ykn sa’aatii akkaataa ittiin gaafattuufi deebii laattu ni beekta. Sa’aatii meeqaa akka ta’e wayita Shaan sigaafattu deebii laachuudhaan shaakali.
What time is it?
Caalii
Baay’ee gaarii, ammammoo deebiikee sirreeffachuuf haasawicha guutuusaa irradeebi’ii caqasi.
Sian
Hi Phil, what time is it?
Phil
It’s eight forty five.
Sian
Aaargh, I start work at ten to nine…I’m late! Bye!
Phil
Bye!
Caalii
Hojii gaarii! Amma sa’aatiin meeqa akka ta’e Afaan Ingiliziitiin gaafachuufis ta’e himuu ni dandeessa. Waan baratte shaakaluu hindagatiin. Hiriyaa tokko barbaaddadhuutii yeroon hagam akka ta’e Afaan Ingiliziitiin gaafachuun shaakali. Barnoota dabalataa Essential English Conversation tiin yeroo ittaanutti walitti deebina. Nagaatti! Bye!
Check what you’ve learned by choosing the correct answer to the question.
Gaafiidhaaf deebii sirrii ta’e filuun waan hanga ammaatti baratte mirkaneeffadhu.
Yeroon/sa’aatiin meeqa?
3 Questions
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ኣመት
Tartiibni jechaa gaafiiwwan keessatti akka jijjiiramu yaadadhu.Question 1 of 3
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ኣመት
'To' fuuldura 5, 10, 20 fi 25 fayyadamuu dandeenya.Question 2 of 3
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ኣመት
Sa’aatii guutuurra daqiiqaa kudhantu darbee jira jechuu dandeenya.Question 3 of 3
Excellent!Great job!ሕማቕ ዕድል!ዘመዝገብኩምዎ ነጥቢ ...:
Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Kutaa barnootaa Afaan Ingilizii Barbaachisoo kan qooqa daran faayida-qabeessa ta’an keessatti barannuufi daandeettiiwwan dhageettiikee ittiin shaakaltutti yeroo itaanu walitti deebina.
Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta’i!
Session Vocabulary
What time is it?
Sa’aatiin meeqa?
It’s ______.
Sa’aatii ______dha.
I start work at ______.
Sa’a ______ ttin hojii jalqaba.
I usually have lunch at ______.
Sa’a_____ttin laaqqana nyaadha.I’m early!
Durseen gahe!
I’m late!
Barfadheera!eight forty five
lamaaf afurtamii-shan
ten to nine
sadii jechuu kudhan hir’uu
twenty to one
torba jechuu digdama hir’uu
twelve
ja’a
eight twenty
lamaafi digdama
nine o’clock
sa’aatii sadii