Guyyaatti sa’aatii shan qofa rafuun suuta rakkoo fayyaaf nama saaxiluu mala

Guyyaatti yoo xiqqaate sa'atii shan rafuun rakkoo fayyaa namoota umriin isaanii 50 keessa jiranii hir'isuu danda'a jedha qorannoon.

Fayyaalessa tahuu dhabuun akkuma hirriba keenya jeequ, hirriba gahaa dhabuunis fayyaa keenya irratti balaa qabaachuu danda'a. Akka ragaaleen agarsiisanitti hirribni qaamaafi sammuu keenya boqochiisuufi dandamachiisuu irra darbee ni haaromsa.

Haa ta'u malee guyyaatti sa'atii meeqa rafuutu qaama keenyaaf gahaa dha kan jedhu ammallee dhimma waliigalteerra hin gahamnedha. Qorannnoon fayyaa PLoS Medicine study jedhamu haala hirribaa fi fayyaa hojjettoota mootummaa UK qo'ateera.

Hirmaattoni qorannichaa 8000 guyyoota torbee keessatti guyyaatti sa'atii meeqa raftu jedhamuun gaaftaman. Kanneen keessaa muraasni guyyaatti hangam akka rafan sa'atii harkaa isaaniin lakkaa'u.

Hirmaattonni qorannoo kunneen dhukkuboota kanneen akka sukkaaraa, kansarii fi onnnee yoo qabaatan qoratamaniiru.

  • Namoonni umrii 50tti sa'atii shan qofa rafan kanneen sa'atii torba rafan caalaa harka 30'n dhukkuba garaa garaaf saaxilamoo dha.
  • Umriin 50 erga darbanii booda sa'atii muraasa rafuun sababa dhukkuba kanneen akka sukkaaraan qabamuufi carraan du'aaaf saaxilamuu guddaadha.

Ogeessonni fayyaa walumaagalatti sa'attii torba yookiin saddeet akka rafnu gorsu.

Maaliif rafna

Saayintistoonni ilmoon namaa maaliif akka rafu mirkanaan beekuu batanillee hirribni yaada xiinxaluuf, faara gaarii qabaachuuf akkasumas xiyyeeffannoofi nyaataafi dhugaatii gara annisaatti jijjiirruf gargaara.

Kana malees yeroo rafnu sammuun of qulqulleessuuf carraa argata.

Gorsa hirribaa gaarii

  • Guyyaa ko'omuufi si'oomuun of dadhabsuun yeroon hirribaa yoo gahu of tasgabeessuu.
  • Guyyaa daqiiqaa muraasaaf rafuu dhiisuu.
  • Yeroon itti rafnuufi kaanu baramaa tahe qabaachuun dabalataan mana ciisichaa mijataa gochuu akkasumas ifaan akka kutaa keenya keessa hin seenne gochuu, tempireechara gaarii keessa rafuu, yeroo rafuuf jennutti bilbila fayyadamuu dhiisuu fa'i.
  • Sa'atii hirribaatti bunaafi alkoolii fayyadamuu dhiisuu.
  • Yoo hirribni isin qabuu dide dirqamaan rafuu otoo hin taane kitaaba fa'i dubbisuun fi bashannansiisuun muguu.
  • Yoo sa'atii idileen ala galagala fa'i hojii hojjenna tahe immoo sa'atiin hojii jalqabuun dura hanga tahe rafuun barbaachisaa taha.

Daarektarri wiirtuu hirribaa UK Piroofeesar Derk Jaan Diijk akka BBCtti himaniitti, sa'atii gabaabaa rafuun walumaagalatti fayyaa keenyaaf gaarii miti.

Namoota gariiniif homaa miti taha, akkasuma sa'atii dheeraa rafuunis fayyaa keenya hubuu mala. Kanaafi si'ana hakiimonni kiniinii hirribaa kennuu kan dhorkaa jiran.